Lolli Oromiyaa Keessatti Deemaa Jiru Lola Akkamiiti?

Oda Labsi Fajji tiin

OROMIYAA
Oromiyaan dhuma jaarraa 19ffaa keessa (1855-1897)tti guutummaatti weerara sirna nafxanyaa jalatti kufte. Oromoo lolaan cabsanii bituuf, nafxanyoonni waggoota 40 oliif kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti lola ogguu geggeessas turanitti, guyyaa tokkollee qophaa isaanii Oromoo lolanii hin beekan. Oromoo keessaa namoota jajjaboo faayidaa fi aangoo xixiqqaatiin bitanii of dura buusuun ummata Oromoo irratti lola ulfaataa geggeessaa turan. Ummata Oromoo gosaan walitti buusanii, gosa tokko tumsanii gosa biroo irratti duulchisuu fi namoota ciccimoo ummata keessatti dhaheettii qaban, teessuma lafa Oromiyaa kan haalaan beekan, tooftaa Oromoon ittiin diina lolu kanneen gad fageenyaan beekanii isaaniif saaxilan, afaanii fi aadaa Oromoo sirriitti beekee kan ummata afaan isaaniitiin itti dubbatee amansiisuu fi gowwomsuu danda’an dursanii qabachuun ummatichatti bobbaasanii, namootuma ummata san keessaa ba’aniin ummatuma Oromoo cabsaa turan malee, guyyaa tokkollee nafxanyoonni qophaa isaanii Oromoo lolanii mo’atanii hin beekan.

Bara 1882-1886 Minilik waraana kuma hidduu, kan leenjii waraanaa gahaa fi meeshaaled waraanaa ammayaa kadhaa fi bitteedhaan Awurooppaa irraa argateen ilmaan Oromoo Arsii waggoota shanii oliif lolee guyyaa tokkoyyuu hin injifanne.

Boodarra bakka ummanni Oromoo Arsii baallii wal harkaa fuudhuuf jilatti jirutti namoota Oromoo keessaa ba’an Dargee Indasillaasee faa itti erganii akka isaan ummata jila baallii gadaa walirraa fuudhaa jiru mariisisan gochuun, hangasitti ammoon waraana hedduu jila kanatti marsiisanii ummata kana kumaatamaan haala suukanneessaatiin fixan. Harka dhiirotaa fi harma haadholiis billaadhaan irraa muran.

Akkasittiin Oromoo of dura buusuutiin Oromoota Arsii lolaan dadhaban shiraa fi tooftaadhaan cabsan.

Haaluma wal fakkaatuun Calanqootti Oromoota hedduu fixuun kan cabsan namoota akka Alii Galmoo faa of dura buusuudhaani. Alii Galmoo waraana nafxanyaa dura bu’ee Calanqoo irratti ummata Oromoo Afran Qalloo yommuu lolu, obboleessi isaa kan gadameessa tokko keessaa ba’an Wadaay Galmoo ammoo qondaala waraana Murtii Guutoo (garee waraana Oromoo Afran Qalloo fi Humbannaa irraa walitti dhufee nafxanyaa lolaa ture) tahuun lola Calanqoo 1887 san irratti wareegame. Ogguu san Alii Galmoo obboleessa isaa Wadaay Galmoo bakka inni rukutamee ciisee lubbuun keessaa bahuuf jedhutti dhaqee gad itti jedhee,  “Dhiisaa, hin dandeessani; hin loliinaa ni dhumtu jennaan diddanii kunoo akkana taatan kaa” yommuu ittiin jedhu, Wadaay Galmoo ammoo deebisee,

”Baga dhumne! Diina qe’eetti nutti dhufe teenyee laallee gabroomuurra, baga lollee dhumne…!” jedhee lubbuu ba’uuf sardamaa jirtuun sagalee dhaadannootiin deebiseef.

Akka walii galaatti hoogganaa waraana Minilik tahuudhaan kan ilmaam Oromoo kutaa hundaatti lola bobbaasaa ture Goobanaa Daaccii, Oromoodha. Goobanaan lola bobbaasuu qofa osoo hin taane, yommuu lolaan dadhaban, Minilik mootummaa Oromoof tolu, mootummaa Oromoo akka ta’etti ummata Oromoo Afaan Oromootiin mariisisee akka isaan lola dhiisanii karaa nagaa gabbaran godhaa ture.

Bara Minilik guutummaa saboota, sablammootaa fi ummattoota biyya kanaa qawweedhaan cabsee 𝙞𝙢𝙥𝙖𝙖𝙮𝙚𝙧𝙖 𝙭𝙤𝙤𝙥𝙝𝙞𝙮𝙖𝙖 jalatti bitaa turetti ministeerri waraanaa Fitwiraarii Habtegiyoorgis (maqaa dhalootaa Qusee Dinagdee) ture. Waggoota 24 bara bittaa Minilik (1882-1906)tti ummanni Oromoo miiliyeena shan caalu ajjeefamuun baayyinni Oromoo duraan miiliyeena kudhan ture, gara miiliyeena shaniitti gad xiqqaate.

Bara Hayilasillaaseen waraana samii fi lafootiin Qotebultoota Baalee fi waraana Waaqoo Guutuu fa’a irratti lola hamaa labsuun manneen ummata elekooptaraan barbadeessaa turetti, waraana Hayilasillaasee kana kan hoogganaa ture Koloneel Jaagamaa Keelloo nama dhiigaan Oromoo qulqulluu tahedha. Manni ummata Oromoo Baalee hedduminaan akka barbadaa’uu fi ummanni kuma hedduutiin lakkaawamu akka dhumu kan godhe Koloneel Jaagamaa Keelloo qondaala waraana Hayilasillaasee kana dha.

Haalonni, amalli fi adeemsi lolaa waggoota 150f Oromiyaa keessatti geggeeffamu xiqqoollee garaagarummaa hin qabu. Lola weeraraa kan nafxanyaan ‘ Oromoo irratti geggeessuu fi kan Oromoon sirna weerartootaa kana ofirraa qolatee biyya isaa Oromiyaarratti abbaa fi murteessaa tahee bilisaan keessa jiraachuuf taasisudha.

Lola jaarraa tokkoo fi walakkaa Oromiyaa keessatti deemaa ture kanarratti, Tewoodiroos irraa eegalee hanga Abiyyitti hoogganoota waraanaa tahuun Oromoonni hedduun adda durummaatiin hirmaataniiru. Haa tahu malee hoogganoonni waraanaa Oromol tahan kunneen: yaada, ilaalcha, kaayyoo, aadaa, dhuudhaa fi Oromummaa isaanii ofirraa mulqanii kaayyoo fi ilaalcha nafxanyootaatiin Oromootti duulanii duulchisaa turan. Kan yeroo ammaa Oromiyaa keessatti tahaa jirus guutummaatti kanuma fakkaata. Afaan Oromoo adda babayiirratti dubbachuu baatanillee, Hayilasillaasee fi Dargiin dhiigaan Oromoo turan. Garuu Oromummaa jibbanii Amaarummaatiin ofvmoggaasuun Oromoo jumlaan ajjeesaa turan.

Haati warraa Minilik (Xaayituu Bixul Walee) kan du’a Minilik booda (1906-1912) tti impaayera Xoophiyaa bitaa turtes Oromoo Walloo irraa dhalatte. Garuu kaayyoo fi ilaalcha nafxanyaa galmaan gahuuf gahee olaanaa nama bahattedha.

Waanuma waggoota 150 oliif tahaa ture kana akka waan kan duraa irraa adda taheetti, lolli waggoota lamaan kanaaf Oromiyaa keessatti geggeeffamaa jiru akka waan Oromoon Oromoo lolaa jiruutti irra deddeebiidhaan namoota adda addaatiin miidiyaalee fi waltajjiiwwan baayyee irratti ni dubbatama.

Lolli mootummaa Xoophiyaa Abiyyiin durfamuu fi ummata Oromoo ykn Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti taasifamaa jiru kun 𝙡𝙤𝙡𝙖 O𝙧𝙤𝙢𝙤𝙤 𝙛𝙞 O𝙧𝙤𝙢𝙤𝙤 gidduutti taasifamu yoo tahe, lolli AANOLEE fi CALANQOO, kan BAALEE fi TUULAA SURROO (Gujii keessatti) sunillee LOLA OROMOO FI OROMOO GIDDUUTTI GEGGEEFFAMAA TURE taha jechuudha.

Abiyyiin karaa abbaa isaatiin Oromoo yoo tahellee, Biraanuu Juulaa Oromoo tahullee, akka dhaabaa fi sirnaatti, bilxiginnaan dhaaba akeeka Xoophiyummaa Oromoorratti fe’uun Oromoo humnaan cabsanii akka fedhanitti bituuf ijaaramtedha.

Akkuma nafxanyoonni Xoophiyaa afaanota saboota biroo balleessitee afaan tokko (Amaarinyaa) dubbattu, amantaa fi aadaa tokko (Ortodoksii fi aadaa Amaaraa) qofa qabdu alaabaa tokko jalatti labsuun eenyummaa saboota biroo dhabamsiistee 𝙭𝙤𝙤𝙥𝙝𝙞𝙮𝙖𝙖 𝙩𝙤𝙠𝙠𝙞𝙩𝙩𝙞𝙞 maqaa jedhu barabaraan jiraachisuuf waggoota 150 oliif Oromoo irratti lola hamaa labsuun fixaa turan, 𝑏𝑖𝑙𝑥𝑖𝑔𝑖𝑛𝑛𝑎𝑎𝑛 san itti fuftee galmaan gahuuf Oromoorratti lola geggeessaa jirti.

Afaan Amaaraa waggoota 27n darban Oromiyaa keessatti kutaa 5ffaa irraa eegaluun akka gosbarnoota tokkootti baratamaa ture sun tokkummaa Xoophiyaa laaffisa jechuun, sun hafee Amaarinyaan kutaa 1 irraa eegalee Oromiyaa keessatti akka baratamu Abiy labsee jira. Karaa ministeera barnootaas labsanii turan. Ummanni Oromoo siidaan Minilik Finfinnee Oromiyaa keessaa akka buqqifamuu gaafachuu aarsaa kaffalaa kan ture garamaqfamee, siidaa gabroomfataa biroo kan Hayilasillaasee Oromiyaa Finfinnee keessatti dhaabe.

Sirnoonni waggoota 150f Oromoo miiliyeenaan ajjeesanii qabeenya isaa saamaa turan akka fakkeenya gaarii fi kan irraa barnoota gaarii argatan tahuu Abiy (hoogganaan bilxiginnaa) irra deddeebiidhaan dubbataa ture. Kaayyoo fi akeeka isaanii galmaan gahuuf akka qabsaawus ifatti dubbataa ture.

Kanaafuu lolli Oromiyaa keessatti deemaa jiru, 𝙡𝙤𝙡𝙖 𝙤𝙧𝙤𝙢𝙤𝙤 𝙝𝙪𝙢𝙣𝙖𝙖𝙣 𝙘𝙖𝙗𝙨𝙖𝙣𝙞𝙞 𝙖𝙠𝙚𝙚𝙠𝙖 𝙭𝙤𝙤𝙥𝙝𝙞𝙮𝙪𝙢𝙢𝙖𝙖 𝙩𝙖𝙠𝙠𝙞𝙩𝙩𝙞𝙞 𝙟𝙖𝙡𝙖𝙩𝙩𝙞 𝙗𝙪𝙡𝙘𝙝𝙖𝙣 𝙛𝙪𝙙𝙝𝙖𝙘𝙝𝙞𝙞𝙨𝙪𝙪 𝙛𝙞 𝙙𝙞𝙙𝙙𝙖𝙖 𝙞𝙨𝙖𝙖𝙩𝙞. 𝙡𝙤𝙡𝙖 𝙤𝙧𝙤𝙢𝙞𝙮𝙖𝙖 𝙗𝙖𝙡𝙡𝙚𝙚𝙨𝙨𝙖𝙣𝙞𝙞 𝙭𝙤𝙤𝙥𝙝𝙞𝙮𝙖𝙖 𝙙𝙖𝙖𝙣𝙜𝙖𝙖 𝙡𝙖𝙛𝙖𝙖 𝙛𝙞 𝙜𝙖𝙧𝙖𝙖𝙜𝙖𝙧𝙪𝙢𝙢𝙖𝙖 𝙚𝙚𝙣𝙮𝙪𝙢𝙢𝙖𝙖 𝙝𝙞𝙣 𝙦𝙖𝙗𝙣𝙚 𝙝𝙪𝙣𝙙𝙚𝙚𝙙𝙝𝙖𝙖𝙣 𝙟𝙖𝙗𝙚𝙚𝙨𝙨𝙖𝙣𝙞𝙞 𝙜𝙖𝙙 𝙙𝙝𝙖𝙖𝙗𝙪𝙪 𝙛𝙞 𝙤𝙧𝙤𝙢𝙞𝙮𝙖𝙖 𝙬𝙚𝙚𝙧𝙖𝙧𝙖 𝙖𝙡𝙖𝙜𝙖𝙖 𝙞𝙧𝙧𝙖𝙖 𝙬𝙖𝙡𝙖𝙗𝙖 𝙩𝙖𝙖𝙩𝙚𝙚 𝙤𝙧𝙤𝙢𝙤𝙤𝙣 𝙗𝙞𝙡𝙞𝙨𝙖𝙖𝙣 𝙠𝙚𝙚𝙨𝙨𝙖 𝙟𝙞𝙧𝙖𝙖𝙩𝙪 𝙩𝙖𝙖𝙨𝙞𝙨𝙪𝙪 𝙜𝙞𝙙𝙙𝙪𝙪𝙩𝙩𝙞 𝙩𝙖𝙝𝙖𝙖 𝙟𝙞𝙧𝙪𝙙𝙝𝙖.

  • Lola garee ‘anatu siif beekaa’ jedhuu fi kan ‘lakki an ofiinin of bulcha’ jedhu gidduutti godhamudha.
  • Lola humna weerartootaa fi falmattoota mirgaa fi bilisummaa gidduutti tahudha.
  • Lola murna ummata akka fedhetti ajjeesee, akka fedhetti saamee akka uumaa ummataatti ummata akka fedhetti bituuf ifaajuu fi ummata mirga lubbuun jiraachuu fi bilisa tahee qabeenyaa fi biyya isaarra jiraachuuf falmatu gidduutti deemudha.

Waraanni mootummaa bilxiginnaa, hooganoota isaanii Abiyyii fi Lammaa dabalatee warrwenuma waggoota 27f TPLF(EPRDF) keessa turanidha. Raayyaan ittisa biyyaa, kaabinoonni, poolisoonni fi tikoonni isaanii kan wayyaaneen akka isaan kaayyoo ishee hojiitti jijjiiraniif tolfattee itti fayyadamaa turtedha. Warri waggoota lamaan kana Oromoo tahanii Oromoo Oromoo lolu jedhaman kunneen waggoota 27n darbanis hojuma Oromoo loluu fi ajjeesuu keessa turan. Baroota san ummata Oromootu saba biraatiin beekama ture moo isaantu bara darbe kana sabummaa isaanii Oromootti jijjiirrate laata? Waraanni fi poolisoonni waggoota 27f Oromoo hidhaa, ajjeesaa, saamaa fi dararaa turan isaanuma ammallee gocha wal fakkaataa Oromoorratti dalagaa jiranidha. Yoo xiqqaate walakkaan isaanii Oromoo turan, bara olaantummaa TPLF sanis.
Ammas sanuma.

Lola kanarratti akkuma bara Minilik irraa jalqabee ture san, namoonni murtaawan Oromoo keessaa ba’anii hooggansa waraanaa, bulchiinsaa fi miseensa sirnichaa tahuun dhaabicha hin Oromoomsu. Waraanni sirnichaa guutummaatti yoo Oromoo tahellee, kaayyoo fi sagantaan dhaabichaa haqaa fi mirga Oromoo kan eegu miti taanaan, badii tokko malee Oromoo hidhuu, ajjeesuu, qabeenya isaa saamuu fi mancaasuurratti kan fuulleffate taanaan sirnichi sirna diina Oromooti.

Sirni Oromoo fi Oromiyaa balleessuuf bobba’e kun hooggansa irraa jalqabee hanga namoota karooricha hojjiitti hiikaniitti Oromoo yoo taheyyuu, Oromoon jiraachuuf diina isa fixaa jiru kana ofirraa deebisuuf, “afaan kiyya dubbata; ilma obbo ebaluuti, fira keenya, Oromoodha…” jedhee osoo inni itti dhukaasuu, manaa fi qabeenya isaa gubuu ykn saamuu fi Oromummaa kee jibbi ittiin jedhuu ofirraa loluu hin dhiisu.

Silaa dhaabni ykn murni tokko nama tokkoon ykn miseensota achi keessa jiran gagoodhaan ibsama tahee, kan fakkeenya armaan olii san, gadameessa tokko keessaa kan ba’e, Wadaay Galmoo obboleessa isaa Alii Galmoo,

“Aliin Oromoodha, obboleessa kiyya. Oromoon Oromoo hin lolu, obboleessi obboleessa hin ajjeesu” jedhee obboleessa isaa waraana nafxanyaa dura bu’uun Oromoota fixaa jira dhiisa ture. Waraanni fi caasaan sirna tokkoo dirqama dhaabni isaa itti kenne raawwachuu qofa beeka malee, kaayyoo fi ilaacha mataa isaatiin waa raawwachuu hin danda’u. Yeroo leenji’uu fi baratuttis, diina sirnichaati jedhee loluu ykn balleessuu akka qabutti barsiifama. Saba, garee ykn dhaaba ilaalchaa fi kaayyoo sirnichaa faallessu (wal hin fakkaanne) humnaa fi tooftaatiin cabsanii kan ofii itti fe’uu, yol dide ammoo dhabamsiisuuf leenji’anii dirqama fudhachuun hojiitti seenu.

Waraanni ajajaan waa raawwata/raawwachuu dhiisa. Ilmi haadha isaa akka ajjeesuuf yoo ajajni darbeef dirqama haadha isaa ajjeesa. Yoo ajjeesuu dide ni hidhama, ni ajjeefam/miseensummaatu irraa mulqama. Yommuu waraana sirna tokkoo tahee bobba’utti, haadhaa fi obboleeyyan isaa biratti akka ilmummaa/obbolummaatti itti hin dhaqu. Eenyummaa fi i ilaalcha sirna/gooftolii isaa uffatee dhaqa.

Walumaagalatti, waraanni bilxiginnaa Oromoos tahe Amaara, Somaalees tahe Tigree, ykn saboota biraa irraa, ajajaas tahe miseensa gadii, kaayyoo isaan qabatanii galmaan gahuuf hojjetanii fi sagantaa siyaasaa dhaaba isaan leenjisee bobbaasee sanitu eenyummaa isaanii ibsa.

Goolabeera.
HORAA BULAA!

Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

blank

Breaking news: mass murder in Ambo

Disturbing picture from Ambo where Hachalu was buried today. Unknown number of unarmed youth were assassinated by Abiy soldiers today. July 2, 2020 Via Qaanqee...

More arrests in Sidama as authorities refuse to hand power to new region

More arrests in Sidama as authorities refuse to hand power to new region By Sidama Human Rights Activists, May 8, 2020 The persistent violations of human...

PM Abiy Ahmed says African Americans live in the past

PM Abiy Ahmed says African Americans live in the past In the first part of this video, Ethiopia’s Prime Minister Abiy Ahmed Ali (Nobel Peace...

HRW: Ethiopia Cracks Down: Daily Brief – July 2, 2020

HRW: Ethiopia Cracks Down: Daily Brief - July 2, 2020 (HRW) -- Ethiopia cracks down following protests over popular singer’s murder; detainees at a facility...

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...