Maatii Qabsaawotaa Gidirsuun Itti Fufee jira


Maatii Qabsaawotaa Gidirsuun Itti Fufee jira

Via Raajii Guddataa

# Ganji
Godina wallagga lixaa ona Ganjii keessatti qabeenya maatii qabsaa’ootaa guutummaa guututti waraanni faashistii itiyoophiyaa gubee barbaadesse. Obbo Baqqalaan sababa ilma keetu bosona jira jedhuun qabeenya inni qabu osoo hin hafin waraana faashistii Itiyoophiyaan gubate. Qabeenyi gubatus gubachuu baatus ilma roorroon manaa baase bilisummaatu manatti deebisa!
Injifannoo Ummata Oromoof!


”Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Dagam ganda Aanaa Jirruutti manni qonnaan bultoota bifa kanaan mootummaa bilxiginnaatiin gubachaa jira. Namootni manni isaanii gubate:-
1. Obbo Abbabaa Jimaa -mana keessa midhaan gara maallaqa kuma dhibba shaniitti(500,000) tilmaamamuu fi qabeenyi qarshii callaa 100,000 ta’u ilmi isaa ammayyuu mana hidhaatti kan dararamaa jiruu fi maasiin (ooyruu) isaa akka hin qotamneef kan dhorkan.
2. Obbo Fiqaaduu Gonfaa -mana keessa midhaan gara naallaqa kuma dhibba sadiitti (300,000) tilmaamamuu fi qabeenyi qarshii callaa 120,000 ta’uu fi lafti isaa akka hin qotamne milishootaa fi poolisii bilxiginnaatiin kan dhorkame.
3. Obboo Asheetee Galaalchaa kan osoo mana hidhaa jiruu mana isaa keessa qabeenyi isaa guutuun gubamee ammaaf tilmaamni qabeenya isaa hin beekamiin, abbaan qabeenyichaa mana hidhaa waan jiruufi maatiin isaanii bittina’ee waan jiruuf.”

Sirnoota jaarraa tokkoo fi walakkaaf Oromoo gabroomsatan keessatti gochi suuksnneessaa fi hamaan hangana gahu ummata Oromoorratti hin raawwatamne.
Gabroomsaan gabroomsaarra ni hammaatti edaa!


 

Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...