Manni Marii Kijibaa Itoophiyaa Bara Kana Eessa Jiraa?

Manni Marii Kijibaa Itoophiyaa Bara Kana Eessa Jiraa?

Damee Boruu | Bitootessa 09, 2021

Manni Maree Mootummaa Itoophiyaa dhimmaa biyyaa fi nageenya uummataa marihachuuf kan wal gahu utuu hin taane diraamaa kijibaan mootummaa tajaajiluuf kan wal gahu akka tahe uummata biyyaa Itoophiyaa keessa jirtutti himuuf yaaluun yaroo ofii balleessuu dha. Kan baayyee na ajaa’ibu namootni miseensa mana maree kana tahan uummatan filatamanii, uummata bakka bu’anii mana maree kana keessa jiru jedhee fudhachuu dha. Nama uummatan fi filamee uummata bakka bu’ee dhubbatu miti nama dhimma uummataa dubbachuuf karaa itti maqe illee hin fakkaatan.

Qophee jalabultii Tigraay weeraruuf godhamu irratti Uummatni Amhaaraa baayyeen Lixa Wallaggaa, Gulisoo keessatti ajjeefaman jedhamee booyicha sobaa gaalamootni Habashaa wayyaa gurraacha uffatanii gochaa turan namni hin hubatne hin jiru.  Nama meeqatu du’ee waan beekamu hin jiru. Dhiigni nama ajjeefamee fi reenfi nama du’ee hin argamne. Namoota ajjeefaman kana keessaa maqaa nama tokko hin himamne. Gaalamootni Habashaa kun laphee rukkutanii yaroo diraamaa dharaa hojjetan nama shira isaanii hin beekneef dhugaa fakkaata taha.

Faannoo fi Milishaan Amhaaraa kan ijaaree hidhachise akka biyyi jeeqamu gochisiise nama B. J. Asaminew Stege jedhamu baajeta Mootummaa naannoo milliyoona hedduun akka tahe Kononnel Abiyi mataa isaa dubbatee jira. Kaayyoo fi akeekni Faannoo fi Milishaa Amhaaraa lafa babbal’ifachuu fi Mootii Mototaa Amhaaraa waggaa shantama dura kufe deebifachuu dha.  Akeeka isanii kana bakkaan gahuuf Ummata Qimaanti, Agawoo, Oromoo fi Benshaangul waggaa sadan darban kana guutuu lafa irraa dugugaa turan. Waan suuta deemaa tureef biyyi lafaa xiyyeefannaa irratti hin godhanne

Namni dhalootan Qimaanti, Agawoo, Shanshaa fi Oromoon tahan gaafa du’an Amhaaratu du’e jedhanii himatamu. Gaafa jiran garuu Qimaanti, Agawoo, Oromoo fi Shinaashaa malee Amhaaraa hin jedhaman. Ofi ajjeessanii reefa saammachun tooftaa rakkasa akka tahe beekan. Araagessi ofii nyaatee ofii iyya akkuma jedhan sana godhu. Mediyaan, aktivistoonni fi hoogganni isaanii Amhaarri dhumaa jiraa jedhanii waakkachuun waan dhugaa lafa irra jiru geeddaru isaaniitti fakkaata. Himanaan kamuu dhugaa jijjiruu hin danda’u. Yaroo B. J. Asaminew Stegee Uummata Gumuz dhaa’imni utuu hin hafiin nama gara dhiba shanii ajjeesse, “nama hin ajjeefne Sanqalaa ajjeefne” jedhan.   Warri haftani iyyuu ijoollee sanqalaa kana irraa baradhaa jedhanii nu sodaachisuu yaalaa turan.

Yaroo nama gurraacha ajjeessan Amhaaratu du’e jedhanii himachuun waan isaan fokkisuu jimulaan nama owwaaluu akka filatan ni agarra. Faannoo fi Milishaa Amharaa kan ifatti hidhachiisaa jiru Itti A/M Damaqaa Mokonnonii fi Abuunee Maatiyoos akka tahe ragaan kan afaan isaaniin dubbatanii dha.Hooganaan idii’ologii(ideology) Faannoo Diyaaqon Daani’el Kibirat gorstuun Kononnel Abiyi Masaraa Minilki keessa taa’ee “Ol aantummaa argannee kana irraa gad nu hin buusina” jedha.  Maqaa WBO balleessina jedhuun dhummaati Wallaggaa, Gujii fi Boorana keessatti Komandi postiin dhaabbatee yakkai waraanaa fi sanyi dugugan wagga sadiif utuu wal irraa hin cinnee raawwatamaa jira.  Akkuma kana yaroo Haacaaluun wareegame Aaamaa, Shashimannee, Asalaa, Gobbaa, Hararii fi bakka hedduu itti kan ajjeefaman Oromoota yoo tahan kan duunee jedhee himatu Amhaara.

Amma baatii sadan darbee itti tooftaan ajjeessanii duunee jirra jedhanii himachuu waan isaaniif hojjete fakkaata. Weerara Tigraayi boodaa garuu biyya lafaa irratti hojjin isaanii fokkisaa fi yakkamaan saaxila bahe. Waan bakka biraatti waggaa sadii suuta suuta hojjechaa turan baatii sadii keessatti Uummata Tigraayi irratti hammenyi hojjetan dhokkachuu kan danda’u hin turre. Akka ammala isaanii Ma’i-Kadiraa irratti Uummata Tigraayi haaduun qalanii Amharatu dhumee jedhanii himachuu yaalaniiru. Ragaan jiru Jechii isaanii kana soba tahuu isaa caalaa saaminsa, gudeeddaa, sanyii duguggaa fi yakka waraanan akka himataman saaxilamanii jiru.

Har’a Mootummaa Itoophiyaa kan dhufatee jiru Faannoo fi Milishaa Amhaara akka tahe eenyu jalaa iyyuu dhokkataa miti. Qabsson qaroon Qarree fi Qeerroon Oromoo kumaatamaan itti kitiman OPDOn Faannoo fi Milishaa Amhaaraa akka harkaa butan gootee jirti. Faannoo fi Milishaan Amhaaraa biyya Tigraayi keessa akka bahan biyyi lafaa gaafachaa jira. Uummata Itoophiyaa hundaa kan nagaa dhowwachaa jiru warra kana waan taheef Benshangul fi Oromiyaa keessaa Finfinnee dabalatee akka nu irraa bahan gadi fageessinee uummata biyyaa lafaa wajjin gaafachun barbaachisaa dha. Kana booda waa’ee Faannoo fi Milishaa Amhaaraa biyya lafaa beekamtii keenneef himmachuu malee waa’ee nafxanyaa kaasuun gatii hin qabu.

Gaalamootni Habashaa warri diraamaa booyicha sobaa gochaa turan biyyii isaanii yaroo Sudaanii fi Eritrean weeramtu eessa jiru? Jaartiin sarara diimaa darbee eessa geesse? Aadaa Amhaaraa keessa kan nama jibisiisu ajjeessanii kaasuu dha. Jaartiin sarara diimaa akka Uummatni Tigraayi weeraramu waaraana eebistee ergitee kaatee, erga isaan dhumanii booda gargaarsa wayyii fudhatee biyya Tigraayyi deemte. Ajaa’iba. Maal uummatni safuu fi qaanii hin beekne kun! Gargarsa kees tahee siin ija kee arguu hin barbaannu jedhee Uummatni Tigraayi ishee qaanessee of irraa ari’e.  Hojiin isaanii nama Tigraayi tahee dhalate miti anaanu garaa koo na guba.

Uummatni Oromoo humnaa fi dandeetti weerara Faannoo fi Milishaa Amhaara kana cabsu qaba. Qabeenya isaa fi ofii irraa ittiisu irra darbee sabaa fi sab-lammii Itoophiyaa keessa jiraatanii irraa ittisee akka nageenyi waaraan jiraatu gochuuf dirqama seenaa qaba. Faannoo fi Milishaan Amhaaraa Bahir Daar Deemanii mootummaa mataa isaanii ijaarachuuf mirga qabu. Garuu handuura Oromiyaa Finfinnee keesatti mootummaa ijaaranna jedhanii yaaduun isaanii abjuu dha. Hatattamaan hundeen mootummaa isaanii Finfinnee keessaa akka buqa’uu WBO fi Qeerroon itti mudduu qaba.

Gadaan Gadaa Xumura Garbummaa Ti

Injifannoo Uummata Oromoof!

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.