Miidhaan Har’a Miseensota WBO Mooraa Xoollaay Jiran Mudate Maalummaan Isaa Qoratamee ABO fi Ummata Oromoof Ibsamuu Qaba.

(Ibsa ABO – Ebla 14, 2019)

Ajjeechaa ABO Mirga Resolutions of the Oromoo Liberation Front National CouncilMiseensotni Waraana Bilisummaa Oromoo yaamicha Abbootii Gadaatiin hidhannoo isaanii hiikkatanii Abbootii Gadaatti kennuudhaan mooraa Waraanaa Xoollaay seenanii jiran cireen ganama har’aa (Ebla 14, 2019) sooratan sum’aawuu (poisoned) irraa namootni 200 ol tahan dhibee fayyaa jarjarsaaf saaxilamuu dhageenye. Oduun kun guddoo kan nu rifachiise, nu gaddisiisee fi nu jeeqe tahuu ibsuu feena. Maalummaan waan kanaa hatattamaan qoratamee itti-bahi (result) isaa nu (ABO) fi Ummata Oromoof akka ibsamu cimsinee gaafanna.

Gumiin Abbootii Gadaa fi kan isaan jalatti utubamee socho’aa ture Koreen Tekinikaa dhimma miseensota WBO kana irratti gaafatama waan fudhataniif waan kana jala bu’anii dhugaa jiru qulqulleessanii ifa gochuuf gaafatama qabu jennee amanna. Waan taheefis, dhimma kana Abbummaadhaan jala bu’anii akka qorachiisan jabeessinee gaafanna. Mootummaanis miseensota WBO harka isaa keessa jiran kanneeniif qabaa isaaniif malu gochuudhaan gaafatama isaa akka bahatu irra deebinee yaadachiisna.

Ummatni keenyas haala kana dammaqiinsa cimaadhaann hordofee nagayummaan qabsaawota ilmaan isaa kun akka tikfamuuf qaamota dhimmi ilaalu hunda irratti dhiibbaa feesisu gochuudhaan amaanaa Addi Bilisummaa Oromoo itti kennate akka tiksu dhaammanna.

Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo
Ebla 14, 2019



RSWO – Eebila 15, 2019: Miseensonni WBO Mooraa Leenjii Waraanaa Xoollayi’tti Argaman, Shaayii Summaa’een Summeeffaman | Miseensonni Poolisii Oromiyaa Danuun, “ABO Wajjin Quba Wal-qabdu” Jedhamuun, Baatiilee 3 Oliif Mana Hidhaatti Dararamaa Jiraachuu




Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...