Mimxinni Harkaan Dhaaban Hudduu Nama Gubdi

Damee Boruu: Caamsaa 02, 2020

AbiyKononeel Abiyi bultii lama dura namoota Ijaarsa siyaasa Biyya Impaayeera Itoopiyaa keessa soosochaa jiraniif haasa haala yaroo fi waan godhamuu qabu wal mariihachuuf waame irratti yaada Haayya duree ABO Dawuudi Ibsaa kaaseef deebii hin male akka dubbate namni baayyeen komachaa jira. Dhugaa dha Haayya Dureen ABO yaroo achii bahu Markaatoo deemaa hin jiru. Kan bakka akkasii deemuu warra Akka Kononeel Abiy warra mana sagaagalumma itti dhalatee karaa irratti guddate akka tahe mamii hin qabu.

Kononeel Abiyi Sareen umurii ishee guutuu ergamtu Waayyaanee turte Hayya Duree ABO Daawud Ibsaa nama umurii isaa guutuu Uummata Oromoof qabsawe shiftaa yoo jette anaan na ajaai’buu hin danda’u. Hojiin nama kana nama arabsaa oollee dhiifama gaafachuu dha. Waraqaa doktra ofiin jedhu bitatee beekaa of fakkeessuu kufee ka’a. Basrssisto ni barsiisa. Ogeesota nagaa ni brsiisa. Arstistoota ni barsiisa. Erga hin oolleedokterumaa kudhanii ol bitachuu qaba ture.

Nama walalaa kijbaan of guddisuuf miixachaa jiru akka tahe har’a biyya lafatu argaa jira. Guddisa bade karaa irratti guddate irraa waan nagaa fi gaarii eeguun karaa miti. Utuu nama safuu fi sammuu qabu tahee ulifana bakka aangoo qabatee jiruuf jecha araba isaa adabachuu qaba. Namuma isaafis tahe aangoo Mootumicha  bakka bu’ee jiruuf ulifna hin qabu. Akka saree maraatuu kameeraa qabatee karaa irra figaa oolee bulaa jira. Waan gochaa jiru kan guyyaa guyyaan isa salphisu kan isa guddisu miti. Yoo biyya Impaayeera Itoopiyaa kana akka dhaadachaa jiru Kanaan eeguuuf yaadaa jiraate baayyee of gowwomsaa jira.

Kaan isaa dhiifne akka Oromootti maal akka gochaa jirru of haa ilaallu. Rakkinni keenya inni duraa  harka keenya keessa akka jiru hubachuu dagachuu keenya. Kononeel Abiyi nama abba isaa himachuu hin dandeenye”ILMA ABBAA GADAA” jedhee kan aangoo irratti akka rara’u godhe Oromoota.Qarree fi Qeerroon Oromoo kumaataman dhiiga isaanii lolasanii aangooKononeel Abiyi badhaasanii  gara manaa deebi’an. Qabssoon galma aangoo yoo hin geenye ni gatata malee qkaayyoo fi akeeka qabsaa’ameef bu’aa hin fidu. Ijoolleen Abbaa Gadaa Araati Kiloo nuuf galtee warri jedhee uummata Oromoo gowwomse. Ana dabalatee Oromoo hunda akka yaada kana hin fudhanne naaf gala. Haa tahu malee burjaajani uumame ammam qabsoo Uummata Oromoo fi eenyummaa Saba Oromoo irratti gaagama akka fide argaa jira.

Kononeel Abbiyi Diqaala Habashaa farra Oromommuun nama guutamee guddate. Mootota Habashaa Haile Selaassee irraa qabee amma Kononeel Abiyi ijaan arguuf Waaqayyo Umurii dheeraa naaf laatee jira. Hunda isaa ni irrattis amma danda’u qabsoo gochuu irra hin dhaabbanne. Garuu namni akka Kononeel Abiyi sanyii uummata Oromoo fi maalummaa Oromoo lafa irraa duguugee balleessuuf kaayyoo fi akeeka qabu tokko hin jiru. Nama kana Uummatni Oromoo aarsaa barbaachisu baasee yoo yaroon utuu hida aangoo isaa gadi fageesse of irraa hin buqaafne lammaffaa sagalee Oromoo jedhu dhaga’uu bara baayyee nu fudhata.

Dhaadachuun Mootota Impaayera Itoopiyaa aadaa da. Yaroo dhaadatan onneen isaani ni bokokkaa. Eenyu akka tahnis ni dagatu. Nama miti Waaqayo iyyuu waan aangoo sana irraa isaan buusu itti hin fakkaatu. Sababni waraanni ittisa biyyaa jedham mindaa nyaachuu fi akka saree nama aangoo irra jiruuf ergamuu malee  uummata fi biyyaaf akka hin yaadne beeku. Isaaniin garuu eeguuf akka dirqama qabutti fudhatu.

Haayle Silaaseen waan ergamaa Waaqa taheef namni namni isa xuqquu danda’u akka hin jirre yaada. An jedhee dubbatee hin beeku. Nuyi (isaa fi Waaqa jechu ) hasaa isaa keessatti yaroo hundaa. Garuu akka hantuutaa siree jalatti oowalame. Mengistu Haayle Maariyama nama dhalootni qubee harka guddaan quba hin qabanne “amma namni tokko hafutti ni lola” jechaa waraana milliyoonan lakkawamu facaasee lubbuu isaa baafachuu firinxiixee bade. Malasaan warri aangoo brabaadan “tulluu bahaa akka keenya baaruda rasaasaa urgeefachaa koota aangoo fudhaa” jedhee dhaadachaa ture. Garuu Qarree fi Qeerroon Oromoo harka qullaa murannoo guutuun qabsooftee Wayyaanee akka buqqistee Oromiyaa irraa darbite hundi keenya ijaan arginee jirra. Kononeel Abiyi ol aantummaa Itoophiyaa aarsaa barbaachisu baafnee hin tiksina yaroo jedhus dhageenyee jira.  Dhaaddanaa Mootota Habasha isaa dura turan irra adda miti. Afaaniif haa jedhu  malee yaroo dhugaan dhufu kan dura frinxiixu isa.

Kononeel Abiyi Motota Habashaa kaan irra kan adda isa godhu maqaa OPDOn gara aangoo dhufuu ayyaana argachuu isaa ti.  Waan hundaa dura OPDO aangoo isa badhaafte diigee balleesse. Haalli kun qoodaa itti nyaate cabsuu yookan harka afaan isa ka’e ciniinuu dha. Itti aansees Oromoota Qabsoo bilisummaaf of kenan hundaa irratti waraana labsuu dha. Wallaga, Gujii fi Booranii of irratti lolaa jira. Ilmaan Oromoo qarroo tahan hundi biyyaa Oromoo keessati adamsamanii hidhamaa fi ajjeefamaa jiru. Oromiyaa keessa bakka waraanni hin jirree hin jiru. Uummatni Oromoo waan OPDOn Wayyaanee wajjin taate bara dheera isa madeesiteef irraa aarii haa qabatu malee OPDO keessa ilmaan Oromoo akka  jiran ni hubata. OPDOn illee uummata Oromoo  ni gargarti jedhee haree gate. Afuuran uummata burjaajeessuuf malee Partiin PPE jedhu dhugaan ijaaramee hin jiru. Namoota miindaa mootummaa nyaatan akka miseensota PPE fakkeessan uummata burjaajessa jiru. Kan of ijaaree aangoo harkatti dhufachuuf hojjechaa jiru naxaynootaa fi Diqaalota Habashaa akka tahe dagatamuu hin qabu.

Qabsoon bilisummaaf goonu dogongoraa keessaa bauu qaba. Qabssoo bilisuummaa utuu goonu yaroo motummaan Impaayeera Itoophiyaa tokko kufu isaa haara deebifnee ijaaru irratti gahaa gudaa akka qabnun argaa jira. Mootummaan Haayle Silaasee gaafa kufee Mootummaa yaroo Dargii ijaaramuu hida isaa jabeessani gadi dhaabuu irratti beektonni  fi olaanan ajajoota waranaa Oromoo bakka guddaa qabu. Gorsaa fi barumsa warra akka Haaylee Fidaa, Baaroo Toomsaa, w.k.f fi gargaarsa warra akka General Gabre Kiristoos Bolii, Mardi Nugusee, Demsee Bulto, Takaa Tulluu w.k.f malee mootummaan Mangistuu Haayle Mariyaam waan yaadamuu danda’u natti hin fakkaatu.

Bara 1991 gaafa Motummaan Dargii kan Mangistuu Haayle Maariyaamiin dursamu kufu Mootummaa Impaayeera Itoophiyaa haaraa ijaaramu keessa kan qooda qudhatee ABO warra qabsoo bilisummaa gochaa ture. Mootummaan Wayyaane akka jabaatee biyya tasgabeefateen WBO moraatti galshisiisee itti marsee muluu godhe. Warra hafes akka bineensa adamisee fixxuuf ayyaa argatee jira. Waggaa digdamii torbaaf ilmaan Oromoo irratti rorroo hiriyaa hin qabne raawwatamee jira.

Waan kufaatii Wayyaanee booda jiru waan bara 1991 itti tahe irraa adda hin fakkaatu. Kan adda godhu yoo jiraate Mootummaan kun gara aangoo kan dhufaa jiru maqaa Ummata Oromoodhaan tahuu fi gootni Oromoo hundi Habashaa amanii harka laachuu diduu dha. Bara Motummaa Kononel Abiyi wagga lama kana keessatti salphinni Uummata Oromoo irra gahe bulchinsa mootummaa Habashaa waggaa dhibaaf shantamaa kan caalu dha. Uummatni Oromoo Milliyoona hedduun lakkawamu Baha, Dhiya , Kibaa fi Kaaba Oromiyaa irraa buqqa’ee balaaf saaxilamee jira. Biyya isaa keesatti dhukkubsata, kadhataa fi hiyyeessa tahee gadadummaan du’aaf jireenya jidduu jira kan lubbun hafe. Qarron ilmaan Oromoo akka bineesa admsaamanii hidhamaa fi ajjeefamaa jiru. Qabeenyi uummata keenyaa durii daran saamamaa fi barbda’aa jira.

Nama balagee kana wajjin Mootummaa biyya ijaaruu fi uummataf yaadu ni ijaara jedhanii yaaduun barbaachisaa miti. Dimookraasiin filmaatan ni dhufa jennee uummataaf abdii sobaa laachuun of gowwomsuu dha. Guyyaa har’as irra deebi’e Uummata Oromoo kanan yaadachiisu fedhu qarroo ilmaan isaa Ajajoota WBO akka galateefatu dha. Jaal Goolicha Deenge, Jaal Maroo, Jaal Sanyi hundi keessan galatooma. Seenaa Uummata Oromoo warqiin barreessaa jiru. Utuu isin hin jirraanee salphinni bara 1991 yaroo lammaffaa uummata keenya irratti rawwatamee ture.Gootonni keenya bara baraan laphee fi smmuu keenya keessa jiraatu. Waan dandeenyu hundaan isinii gummachuuf dabalee daddablee waadaa seenna. Bilisummaan afaan qawween duwwaa akka dhufu argaa jirra.

Qarree fi qeerroon Oromoo warri warra Wayyaanee harka qullaa Oromiyaa irraa buqistan  ka’aa seenaa lammafaa galmeessa. Mootummaan kun Mootummaa Diqaalota Habashaa fi Nafxanyoota eenyummaa Oromoo balleessuu akeekatee deemaa jiru. Habashoonni warri Dr. Abaachoo ajjeess fi warri waan biyyi qabuu same hunduu hiikame ilmaan Oromoo nagaan warri akka Abdi Ragaasaafaa akka mana hidha keessatti dhukkuba covd-19 saxilaman tahaa jiru.

Hiree keenya irree keenyaan humnaan murteefachuu malee filmaata biraa hin qabnu. Qarroo fi qeerroon ka’aa WBO wajjin hiriira gala. Dhumaatii jalaa of baraara.  Warra waa’ee dimookraasii Impaayeera Itoophiyaa fi filmaata faarsuuf gurra hin keniina. Sun abjuu hiikaa hin qabne.

Injifannoo Uummata Oromoo!

Gadaan Gadaa Bilisummaa Ti!

Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

Most Popular

Bill and Melinda Gates say Trump’s halting of WHO funding is dangerous

Bill and Melinda Gates say Trump's halting of WHO funding is dangerous and 'does not make any sense' as the philanthropists pledge an extra...

Bill Gates on how to fight future pandemics

Bill Gates on how to fight future pandemics The coronavirus will hasten three big medical breakthroughs. That is just a start By Bill Gates, Apr 23rd...

U.N. Chief Warns Authoritarians Are Weaponizing Pandemic to Subvert Human Rights

U.N. Chief Warns Authoritarians Are Weaponizing Pandemic to Subvert Human Rights At the United Nations, Secretary-General António Guterres warned Wednesday that authoritarian governments are exploiting...