Murtiilee Konfaransi Gurmuu Hayyoota Oromoo (GHO) | Hagayya 15, 2020.

Ayyaantuu.org | Hagayya 19, 2020

Nuti, kanneen yaa’ii guyyaa hardhaa 15.08.2020 mataduree “Beekumsa hidhachuudhaan Oromoo fi Oromiyaa roorroo diinaa irraa haa baraarru!” jedhun gaggeeffame irratti hirmaanne, qabxiilee haala Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBO) keessa dabre fi amma keessa jiru akkasumas hiraarsaa fi gidiraa roga danuu ummata Oromoo irra gahaa jiru qorannee, hubannoo fi murtiilee armaan gadii dabarsine:

  1. Impaayerri Itoophiyaa hoggansa mootii Minilikiin jalatti, Oromoo dabalatee ummatoota Gaanfa Afrikaa jiran weeraruun erga ijaaramtee as, ummatooti gabromfataman (koloneeffataman), bilisummaa fi abbaa-biyyummaa afaan qawweetiin sarbaman deebifachuuf qabsoo hadhooftuu gaggeessaa hardha gahaniiru. Ummatooti cunqurfamoo qabsoo gaggeessaniin mootummoota gita bittuu Habashaa gara-garaa kuffanus, ka biroon dabareen angoo mootummaa qabatanii, dhibdee biyyattii, jechuun sirna gabrummaa, bulchiinsa abba-irree fi ol-antummaa afaan fi aadaa Habashaa tiksuun, gabromfannaa fi gidiraa guddaa Oromoo fi ummatoota biroo irratti fe’amee itti fufaniiru. Sirna gabrummaa diiganii biyya ammayyee fi sirna mootummaa seeraa fi heeraan namoota hundaaf lammummaa fi walqixxummaa raggaasu gad-dhaabuu hin dandeenye. Kun, impaayerri Habashaa diigamuu malee supphamuu akka hin dandeenye nuuf mirkaneessa.
  2. Mootummaan hardha angoo irra jiru, yaada ‘meddemer’ jedhuun golgatee, biyyi kan hundaa ti jechuudhaan, siyaasa “yezeegaa poletikaa” ykn gabroomfattuu haaraa (neo-colonialism) adeemsisuun saboota fi sab-lammoota dhabamsiisee biyyattii gita bittuu Habashootaa dhuunfachiisuuf yakka mootummoota dabranii dachaan raawwataa jira. Qabata ‘nagaa fi seeran kabachiisa’ jedhuun ofiifuu seeraa fi heera impaayerattii irra ejjetee, ummata irratti duula roga danuu labsee naasuu tokko malee ajjeesaa, jumlaan hidhaa, qeyee fi qabeenya Oromoo mancaasaa, tokkummaa Oromoo fi Oromiyaa diiguuf yaalaa jira. Walumaagala, Oromummaa dhabamsiisuuf karoora gabroomfataa haaromsatee ilmaan Oromoo qaroo tahan adamsee lafa irraa fixuun daguuggaa sanyii raawwataa jira. Sanyii duguggaa alkalattii (Cultural Genocide) – afaan fi aadaa Oromoo dhabamsiisuu fi seenaa haquu – gaggeessaa jira. Kana cinatti, sab-qunnamtiin mootummaa fi kan kaffaltiin inni hojjechiisu marti lucceffatanii ummata Oromoo akka bulguutti dhiheessaa jiraachuun, akeeka sanyii daguuggaa kan ittiin jalqaban tahuun hubatamuu qaba. Sanyii daguuggaa ummata Oromoo irratti raawwatamaa jiru kana sagalee cimaan balaaleffanna. Beektoti fi hayyooti Oromoo, ummata keenya yakka kana irraa baraaruuf tokko taanee waliin hiriiruun, gaafatama seenaa fi dirqama lammummaa nurra jiru dha, jedhna.
  3. Gaaffii haqaa ummatni tokko bilisummaan, dimokraasiin, walqixxummaan fi tasgabiin akka mirkanaawuuf gaafatu silaa imaammata siyaasaa fi bulchiinsa mootummaa biyya sanaa tahee ittiin hojjetama. Garuu impaayerri Itoophiyaa daangaa hardha qabdu kanaan erga addunyaa irratti beekamtee waggoota 130 dabran keessatti mootummoota gosa adda addaa afur keessummessitus, gaaffii haqaa Oromoon gaafatu kan deebisu hin argamne. Caalaayyuu, gaaffiin Saba Oromoo, mootummotaa Itoophiyaa dhufanii darbaniin akka diiggaa biyyaatti fi akka farra tokkummaatti fudhatamee, duullii qaamaa fi qalbii fufinsaan irratti gaggeeffamaa jira. Erga gaaffiin haqaa Ummata Oromo akka farra nageenyaa fi tokkummaa Itoophiyaatti diinefatamee, Siyaasa impaayerattii keessatti hegereen Oromoo maali? kan jedhuu deebii qulqulluu argachuu qaba. Filannoon ummata Oromoof hafe tokkichi, beekumsa bilisummaa qalbii (cognitive liberation) guddisuun, sabboonummaa dagaagsuu fi jaarmayaa biyyoolessaa argamsisuudhaan, karaa sirna hiree murtefannaa sabaa mootummoota gamtawaniin (United Nations) seeraween: bilisummaa ummata Oromoo, walabummaa Oromiyaa, fi birmadummaa dangaa Oromiyaa dhugomsuuf qabsawuun galma hin daddaaqamne ta‘uun hubatamuu qaba.
  4. Gaaffiin Saba Oromoo gaaffii bilisummaa, gaaffii abba-biyyumaa fi hiree ofii ofiin murteeffachuu ti malee, gaaffii namooti qomoon Oromoo tahan mootummaa gita-bittootta Itoophiyaa keessatti qooda aangoo argachuu qabanii miti. Namootni dantaa ofii fi gantummaan diina saba isaanii tajaajilan bara Minilikis turan; hardhaas ni jiru. Keessaahuu hardha, maqaa Oromootiin of ijaaraanii ykn alagaa jalatti gurmaawanii, ajjeechaa, samiinsa fi gidirsaa manii bahe ummata Oromoo irratti raawwataa fi raawwachiisaa jiru. Kana cinatti, jaarmiyaaleen Oromoo bilisa tahan ammoo bitamtoota akkasii irraa, kaayyoo fi akeeka ifa taheen of daangessuu dadhabanii, godina QBO dhugaaf gaggeeffamu laaffisuu fi burjaajii siyaasaaf ummata saaxilaniiru. Burjaajii kana keessaa bahuuf, wal irraa baruu fi walbarsiissuun dammaqinsa guddissuun murteessaa dha. Jaarmiyaaleen siyaasaa dhugumaan ummata Oromoo aangoomsuuf qabsaawan yoo ta`eef, burjaajii kana hambisuuf kaayyoo fi akeeka qulqulaawaa lafa keeyyachuun, tokkoomuu fi humnoota Oromoo tokkoomsuun, sab-boonummaa biyyoolessaa ijaaranii Gaaffii Abbaa-biyyummaa ummataa dhugoomsuuf akka harka walqabatanii ka’an iyyata lammummaa dhiheessina.
  5. Rakkoolee siyaasaa, dinagdee, fi hawwaasumma saba cunqurfamee qorachuudhaan fala itti barbaaduuf gaafatamni guddaan kan irra jiru hayyoota saba sanaa ti. Ummatni hayyoota hin qabne akka nama ija hin qabnee waan taheef, xiyyeeffannaan gitoota bittuu, hunda dura hayyoota/qaroo saba gabroomfatanii san dhabamsiisuu, fi sabichi hayyoota/ hooggansa biroo akka hin magarfannes roga hundaan duula wal irraa hin citne gaggeessuu dha. Seenaan gidirfama ummata Oromooo waggoota 150 dabranis kanuma nuuf mirkaneessa. Namoota Oromummaa isaanitti boonani fi haqa ummata isaaniif falman naasuu tokko malee dhabamsiisuun akeeka mootummaa gabroomfataa Itoophiyaa tahee itti hojjetamaa as gahe; ittis jira. Hardha, hayyoota Oromo qeyee isaanii irratti, barattoota Oromoo mana barnootaa gara-garaa keessatti, humni dhoksaan mootummichi ijaarrate, ajjeechaa sukanneessaa gaggeessaa jiraachuun qaamuma akeeka kanaa ti. Akeeki gabroomfataa biroon, lafa Oromoo irratti alagaa qubachiisuun itti hojjetamaa ture; hardha maqaa investimentii (daldala qonnaa), magaalota babaldhisuu fi “industrial park” ijaarruun, karoorri Oromoo lafa isaa irraa buqqisuuf baldhinaan itti hojjetamaa jiru, qaama daguuggaa sanyii ti.
  6. Ummata Oromoo humna qawweetiin erga gabromfatanii booda, jalqaba sirna Gadaa fi Jila Abbaa-Muudaa dhorkuun, gameeyyii Oromoo fixuu fi kaan ammoo aadaa ofii fudhachiisanii Oromoo qaroo-dhablee gochuun, Oromoon ummata sirna, aadaa fi seenaa hin qabne jechuun burjaajessan. Hardhas, seenaa, aadaa, dhuudhaa fi afaan Oromo sonaan qoratamanii galmeeffamuun ummati keenya akka irraa baratee hin dammaqne gochuuf gufuu kaawuu fi ifaa fi dhoksaan shirri afaan faajjesuu itti fufee jira. Imaammata kana doomsuuf, hayyooti hunduu ummata keenya barsiisuu fi dammaqsuu irratti ni hojjenna, hayyooti keenya hundu akka irratti xiyyeeffatanis waamicha goona.
  7. Bilisummaa argachuuf qabsoon ummati gabroome tokko gaggeessu, hirmaannaa, hoggansa fi kutannoo hayyootaa alatti wanna hin milkoofneef, gaafatama seenaa fi dirqama lammummaa ulfaataan hayyoota Oromoo irra jira. Nuti hayyooti Oromoo, rakkoo saba keenyaa (siyaasaa, dinagdee, fayyaa fi hawwaasumma) qorachuu fi to’achuun adda-duraummaan fala itti barbaaduun dirqama keenya dha. Ummati Oromoo, Impaayera Itoopiya jalatti jaarraa tokko fi walakaa oliif gidiraa irratti dagaagfame jala of bilisoomsee, biyya isaa irratti abbaa tahuuf qabsoo bara dheeraa gaggeessaa jiru injifannoon akka xumuramuuf, hayyooti Oromoo marti humna, beekumsa fi qabeenya qabnu hunda gara tokkotti luuccessuun akka bira dhaabannu waamicha lammuumaa dhiheessina.
  8. Dubartooti lakkoofsaan walakkaa hawaasa tokkoo tahuu qofa osoo hin taane, ijoollee guddisuu irraan dhaloota dhufu qaruu irratti gahee murteessaa qabu. Kana bira taree, QBOs tahe sochii Qeerroo fi Qarree keessatti baldhinaan hirmaachaa turani; ittis jiru. Haa tahu malee, ba’aan cunqursaa fi hirraarsa mootummaa gabroomfataa isaan irratti dachaa tahuun hubatamee, hawaasa fi siyaasa keessatti dandeettii isaanii muldhisuuf carraa akka argatan xiyyeeffannoon irratti hojjetamuu qaba. Gahee isaan QBO keessatti qabaniif ilaalchi gahaan kennamuufii biratti, qoodni isaanii akka guddatu fi shoora isaan guddina fi itti-fufinsa aadaa fi duudhaa Oromoo keessatti qabaniif xiyyeeffannoon akka keennamu hubachiisna. Sadarkaa hoggansaa hundaattuu akka hirmaatan waamicha dhiyeessina.
  9. Afaan Oromoo, afaan wal-quunnamtii qofa osoo hin taanee, karaa ummati Oromoo aadaa, duudhaa, seenaa, amantii fi ilaalcha uumaa fi uumamaaf qabu itti muldhisu, baataa eenyummaa (sabummaa) ti. Kanaaf, duulaa giti bittuu Itoophiyaa dufanii dabran afaan Oromoo dabamsiisuuf yaalaa turanii fi ammas akeekan, ummata Oromoo fi Oromummaa dhabamsiisuuf kan aggaame tahu hubannee, duula kanneen irraa qolachuu birra tarree, afaan keenya guddisuu, waaltessuu fi afaan hog-barru, barnotaa, saayinsii fi bulchiinsaa gochuu keessatti qooda nurraa eegamu ni gumaachina.
  10. Ummatni kamuu uumamaan bilisa dha; nam-tokkeenis cunqursaa kam irraa iyyuu walaba ta’uun seera umammaa ti. Oromummaa fi Oromiyaa irratti kan murteeffatu Oromoo qofa waan taheef, wanna irratti jaarsummaa taa’an miti. Mootummaa Itoophiyaadhaan gochi sanyii daguuguu fi aadaa sabaa dhabamsiisuu (ethnic and cultural genocide) dalagamaa jiru, yakka ilmi namaa hunduu balaaleffatuu qabu dha. Kanaaf, humnooti dimookratawaa tahanii fi dhaaboti haqa ilma namaa marti gocha fashistummaa mootummaa Itoophiyaa kana balaaleffachuun ummata Oromoo cina akka dhaabatan gaafanna.

Injifannoo Ummata Oromoof !

Oromiyaan Ni Bilisoomti!

Hirmaattota yaa’ii Gurmuu Hayyoota Oromoon qindaawe

Hagayya 15, 2020

Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020