“Na Nyaataa Jiraa Cal” Hin jennu

Kumkummee Sirbaa, Guraandhala 20, 2020

blank
Makmaaksa Oromoo ‘ Na nyaataa jiraa cal jedhi’ jedhu sababa malee mata duree hin godhanne. Oromoo! haala amma deemaa jirtu obsa na dhorkee, nyaatama jirraa cal jechuu hin jennu. Yaaddoo an qabu isin keessas jira jedheen abdadha. Har’a karaa hundaa tokkummaan Oromummaa, tokkummaan Qeerroo fi Qarree, sabboonummaa Oromummaa ija keenya duratti sharafaa, diigamaa jira. Of jajjabeessuf lakkii kun hin danda’amu jechuu dandeenya. Summii faca’aa jiru garuu tuffachuu hin qabnu. Mee gaggabaabseen waan natti mul’atu armaa gaditti kaasa. Irratti haasawaa, marihadhaa, balaa nutti aggaammatame qolachuuf of qopheessaa.

Oromoo diiguuf

MM biyya Itophiyaa tokkummaa Oromoo diiguuf erga aangootti dhufee waan jedhe galmeen qabatee jira. Akeeka isaa kan ifa godhate yoon Wallagga deeme na ajjeesu, sana booda Wallaggaa fi Jimmatu wal lola jedhe. Oromoon Jimmaa fi Wallaggaa obboleewwan ilmaan Maccaa tahuu waan daganne itti fakkaatee ti. Yoom illee Wallaggaa fi Jimmi wal hin lolu. Kan wal lolu ergamtoota mootummaa ti malee.

Itti aansuun MM Baalee deemee haasawa godheen afaan Baaleen isinitti haasawa jedhe. Kanatti hin dhaabbannee marii jaarsolii Baalee wajjin godheen Oromoo amantii fi gosaan qooduu yaale. Kan inni jedhe Caffee Oromiyaa fi parlamaa federaalaa keessatti kan bakka isin bu’e warra Tuulamaa ti, isin haga ammaa nama bakka isin bu’u hin arganne, nuti nama bakka isin bakka bu’u godha jedhe. Jechi kun summii lama of keessaa qaba. Inni duraa Oromoo gosaan qooduudha. Inni lammaffaa amantaan qooduudha. Achi duwwatti osoo hin dhaabbanne MM , Baaleen Affaarii gad miti, bulchiinsa mataa keessanii qabaachuu waanti dhorku hin jiru jedhe. Kun shira Oromiyaa diiguuf karoorfame keessaa qabxii tokko.

Oromiyaa diiguuf shira xaxamaa jiruu keessaa inni duraa Wallagga Oromoo kaan irraa adda baasuu dha. Humni hidhate socho’aa jiru Wallagga keessa jiraachuun ifaa dha. Sana sababa godhachuun garuu dhalataa naannoo sanaa hojii irraa arihuun fi barataa barnoota irraa arihuun akeeka gara biraa dha. Wallaggi Oromoo kaan irraa adda bahee biyya mataaa isaa tolfachuu barbaada ololli jedhus qaama Oromoo adda qoodanii tokkummaa isaa diiguu ti. Kan Wallaggatti jalqabe bor Harargee, Baalee, Arsii fi Boorana waan hin geenyeef hin jiru.

Yaaddoo guddaa an qabu Oromo dhaabaa fi hoggana dhorkachuuf shira xaxamaa jiru dha. Jijjiiramatu godhamaa jiraa kottaa irraa hirmaadhaa waamicha jedhuun dhaaboti Oromoo hundi Finfinnee galanii jiru. Dhaaboti kun amma booda akka duraanitti qabsoo mormii mootummaa gaggeessuu hin danda’an. Qeerroo fi Qarreen ka’aa fincilaa karaa cufaa, .. kkf jechuu hin danda’an. Karaa nagaa qabsoo irraa hirmaanna waan jedhanii biyyatti deebi’aniif. Qabsoo Oromoo hogganna dhabaa jira kan jedhu yaaddoo guddaan qaba. Hogganoota amma Oromoo biratti mumul’atanii jiran yeroo gabaabaa booda sababa adda addaa itti funaanii hidhaatti naqu jedheen sodhaa dha. Maaliif sagantaa mootummaa Itophiyaa amma aangoo irra jiru keessa tokko Oromoo hogganaa fi dhaaba dhabamsiisuu waan taheefi.

Kan biraa filmaati dibbeen rukutamuuf hin jiru Oromoo abdii kee kutadhu. Filmaata irratti karaa walabaa fi haqaa wal dorgamanii sagalee ummatni kennatuun wal moo’uun akka Itophiyaa keessatti hin hojjanne dhaaboti mormitooti waajjira banuu irratti tarkaanfii fudhatamaa jiru irraa ifa tahee jira. Dhaabni waraqaa beekumsaa Boordii filannoo irraa fudhate akka waajjira hin bannanne yeroo dhorkamu filmaatni haqaa ni deemsifama jedhanii yaaduun of gowwomsuu dha. Oromoo! Filmaati jedhamu hin jiru. Osoo filmaatni hin geeggaffamin PPn moohateera. Karaa itti mirga kee falmatu ammuma irraa fala dhawachuu jalqabi.

Oromoo!

Mee gaaffilee tokkoo tokko isin gaafadha.

  1. Amma booda Oromiyaa kaartaa irraa haquun ni danda’amaa? Murni aangoo dhuunfataa jiru farra Oromoo ti. Oromiyaa kaartaa irraa haquu ni danda’aa? Ummatni Oromoo yoo kun tahe cal’isee itti ni dhiisaa?
  2. Har’a Sabboonummaan Oromummaa dagaagee sadarkaa tokko irra gahee jira. Sabboonummaan Oromummaa kun sharafamee sadarkaa hin jiru jedhamutti gad bu’uu danda’aa?
  3. Tokkummaan ummata Oromoo diigamee naannoon, amantaan, loqoda afaaniin wal qooduun deebi’ee bakka ni qabata jettuu? Kun bakka gahee tokkummaan Oromoo ni diigamaa?

Gaaffillee kana salphiftanii ilaalun hin tahu jechuu duwwaa osoo hin taane, mallattoo xixiqqaa mumul’atan osoo hin tuffanne ammuma irraa doomsuuf socho’uun fardii dha. Oromoon naannoo tokkoo yeroo tuqamu kaan dirmachuufiin mallatto bilchina sabboonumaa ti. Ana bira haga gahutti jedhanii cal’isuun balaa guddaaf adda adda nu qoodee nu afeera.

Xumura

Oromoo! Haalli keessa jirru baayyee yaaddessaa dha. Inni Oromoof qabsoon godha jedhee waggoota 30 oliif lafa dhiitaa ture har’a sana ganee dantaa mataa jela yeroo deemu argina. Oromoo keessaa isa dantaan bitamu of keessa baafnee jabaannee tokkummaa keenya tikfannee sochii bilisumma keenya finiinsuu malee furmaatni hin jiru. Nafxanyaan wareegama Qarree fi Qeeroo Oromoo tin aangotti ol baatee jirti. Kana hin shakkinaa. Mootummaan amma jiru kan Nafxanyaa ti. Sunuu nafxanyaa akkaataa Oromoon itti yaadu beeku. Nafxanyaa tahuun dhiigaan Habashaa tahuu hin gaafatu. Dhalata ykn dhiiga Oromoo qabaatee kan mirga hiree murteeffannaa Oromoo dura dhaabbatu hundi Nafxanyaa dha. Waanti ifatti mul’atu:

  1. Filmaati jedhamu hin jiru.
  2. Hogganooti Oromoo baayyee hidhamuu ykn ajjeeffamuuf jiru.
  3. Oromoo baayyee horin bituu, lafa sii keenninaan sossobachuun,
  4. Isa gowwomfamuu dide dhabamsiisuun bal’inaan itti fufa.

Oromoo dafii mala dhawadhu. Qabsoo kee tokkummaan finiinsuu malee furmaatni hin jiru.

Abbaan Haqa qabu ni injifata.
Horaa Bulaa!

Kumkummee Sirbaa

Similar Articles

Comments

  1. Maqaa Waaqa: Gurraacha,
    Garaa, Garbaa, Leemmuu, Roobaa, Taliilaa, Tokkicha, Akka, Dhibbaa; Aanfatdhe.
    …………………..
    Waaqa Aanfatdhaa;
    Qaalluus Aanfatdhaa.
    Horo (Wal) Kabajaa;
    Ormas Kabajaa.
    ……………………
    Rakkoon Keenya Hubatnoo Seenaa Dogoggoraa Keenna Irraa
    Madde:-
    ……………………….
    Seenaan loogiin barreeffame milkii yeroo gabaabaa yoo ta’e malee
    milkii waaraa (hulluuqaa) akka hin argamsiifne isinitti himuun akka isin salphisuu ta’etti fudha.
    Falmiin dhaala maqaa jecha Itiyoophiyaa jedhu kanaa ka’ee sabootaa fii sab-lammootni akkasumas ummattootni biyya tana keessa jiraatanii fii biyyoota ollaa Itiyoophiyaa jechuunis ummattoota fedha isaanii ala gara biyyoota Jibuutii, Soomaaliyaa, Eertiraa, Keeniyaa fii Suudaanota lameenii keessa jiraatan hundi walii galteen dhimmicha mana murtii addunyaa bira geessanii ragaa seenaa ni qabna jedhan hunda dhiheessanii falmii dhugaa osoo taasisanii falmiin keenya garee ijoo dubbii 3(sadi)tti akka gargar bahu beekkamuu qaba.[page 2]
    I.fufa.

  2. Isaanis:-
    1.Garee Seenaa Jaalattoota Caasaa Federaalizimii,
    2.Garee Seenaa Qeentee Caasaa Tokkeessaa, fii
    3.Garee Seenaa Islaamaa
    caasaa federaa aanfatu akka tahan mirkanii dha.
    Gareen sadan kuni biyyoota alaa baroota kumootaan lakkaawaman dura firoomfatan waan qabaniif dubbicha kallattii fii harka lafa jalaan keessa seenanii falmiin cimaan akka ta’u tilmaamuuf ogummaa raagduu horatchuun hin barbaadchisu.
    Sababaan isaatis Israa’eel saboota Waaqeffannaa hordofan akka akaakayyoota isheetti wanta ilaaltuuf, akka duuba jirtu beekuu qabna. Biyyootni Islaam
    illee Muslimootaaf lafee dugda duuba akka ta’an namni hin beekne hin jiru. Handhuurri warra Qeentee Aftokkee biyya Giriik waan ta’eef isheen illee dhoksaan Ortodoksii akka tumsitu ni tilmaamama.
    Kanas ta’ee sana, gareen sadanuu seenaa biyyattii qircachuuf yaalii taasisanis dhugaan ni qal’atti malee hin cittu akkuma jedhamu namuu, wal kabajus, wal
    tuffatee wal xireeffatus ykn wal balfee wal lagatus dhugaan kanuma abbaa dhugaa taati…(page3)
    Itt

  3. Egaa dhugaa qabatnee maqaa Itiyoophiyaa kana yoo dhaalchine gaheen ummattoota biyyaa hundaaf yoo ni murteessina ta’e 1ffaan. Oromoon, 2ffaan Soomaalee,3ffaan Tigree, 4ffaan Amaara, 5ffaan Agaw, 6ffaan
    Sidaama…kkf jedhamee akka gurmuu ummataatti kan dhaalan yoo ta’u, akka dhuunfaatti tokko tokkooo keenya % wal qixatu nu gaha.
    Abbaan jecha Itiyoophiyaa jedhu kanaa ammoo biyya alaa dhaqee halluun Giriik itti dibamee gara biyyaa galfamus abbaan jechaa qabeenya isaa waan hin wallaalleef Afaan Oromoo galateeffachuun dirqama seenaa taha.
    Dabalctaanis Odaan mallattoo nagaa fii badhaadhinaa akka ta’e Kitaabota Qulqulluu hundaa fii amantii Waaqeffannaa tiin mirkanii ta’ee osoo jiruu faajjiin badhaadhinaa Araba irraa ergifatamee halluun garee qeentee itti dibamee haala nama burjaajessuun dhihaachuun isa madda rakkina keenyaa tahuun mirkana.
    ………………………
    Horaa,bulaa,hoffolaa !!
    ………………………
    Abbaa Muudaa Dhugaa Soraa Lubbuu Waaqaa Lafaa Waaq Aanfatnaa Handhuuraa Itiyoophiyaa:

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

Most Popular

Bill and Melinda Gates say Trump’s halting of WHO funding is dangerous

Bill and Melinda Gates say Trump's halting of WHO funding is dangerous and 'does not make any sense' as the philanthropists pledge an extra...

Bill Gates on how to fight future pandemics

Bill Gates on how to fight future pandemics The coronavirus will hasten three big medical breakthroughs. That is just a start By Bill Gates, Apr 23rd...

U.N. Chief Warns Authoritarians Are Weaponizing Pandemic to Subvert Human Rights

U.N. Chief Warns Authoritarians Are Weaponizing Pandemic to Subvert Human Rights At the United Nations, Secretary-General António Guterres warned Wednesday that authoritarian governments are exploiting...