NAFXANYAA HIN JEDHINAA? 

Taammanaa Bitimaa irraa: Sadaasa 20, 2020

NAFXANYAA HIN JEDHINAA

Nafxanyaa hin jedhinaa?“, raajii dha! Egaa maal haa jennuree? Yeroo ammaa tana nafxanyoonni alaa-manaa, magaalaa-baadiyaa irraa Oromoonni akka jecha “nafxanyaa” jedhamu kanaan dhimma hin baaneef: iyyaa, wacaa, dhaadachaa, dabrees boowaa jiru. Akka waamsa “nafxanyaa” jedhamu kana Oromoon moggaasefiitti dallanaa, dheekkamaa, Oromoo balaafechaa, dabees arrabsaa jiru. Amma mee waan hundaafuu jechi kun eessaa akka dhufee fi eenyu akka dursee ittiin dhima- bayaa ture haa ilaallu!

Maddi jecha kanaa sagalee “nafx” jedhamu irraayyi. Afaan Amaaraa sagalee kana Afaan Arabaa irraayyi ergifate. “Nafx” jechuun “qawwee” jechuu dha. Afaan Amaaraa isa “nafx” jedhamu kana irratti “nyaa” dabaluun jecha “nafxanyaa” jedhamu kana uummate. Akkuma jecha “gurra” jedhamu Afaan Oromoo irraa ergifachuun “nyaa” itti idayee “gurranyaa” jedhe san jechuu dha! Gabaabumatti “nafxanyaa” jechuun: “baattuu qawwee“, “abbaa qawwee” jechuu yoo fakkaateyyuu, dimshaashumatti “abbaa qawwee” duwwaa otoo hin taane, “abbaa qawwee” isa qawween dangaa Oromiyaa fi dangaalee Saboota Kibbaa cabsee biyya isaanii qabate jechuu dha! Isa kanaan jechuun humna meeshaa waraanatiin biyya namaa cabsanii qabachuu kanaan, jarri hedduu hedduu ittiin boonu. Sirboota fi dhaadannoota baay’eetu Biyya Amaaraa keessatti waayee “nafxaanyaa” irratti argama.
Egaa, ammaan tana nafxanyoonni fi horteen isaanii kanneen Biyya Oromoo, Oromiyaa, Biyya Sidaamaa, Biyya Hadiyyaa, Biyya Somaalee, Biyya Afaar, Biyya Agawoo, Biyya Koonsoo, Biyya Walaayitaa, Biyya Kafichoo, Biyya Beenishaangul, Biyya Kuulloo-Kontaa fi Biyya Gaamoo faa keessa jiraatan, nuti “nafxanyaa” akka hin jenne nu dhoowwuuf aggaamaa jiru. Mee waan hundaafuu, amma kanaa gaditti seenaa irratti hundeeffamuun gochoota fi yakka nafxanyoonni “keenya” uummata Oromoo fi Uummatoota Kibbaa irratti “dalagaa” turan, hamma tokko wajjumaan haa mildhannu!
Dursee jarreen kun “nafxii” ittiin boonan kana sammuun isaanii hin saganteeffanne, harkisaaniis hin tolchine. Isaan akkuma Oromoo faa “eeboo fi shootala” faa bira dabranii gulantaa qawwee tolchuu irra hin geenye. Garuu, silaa kadhannaa aadaa ofii taasifatanii jiruu, maqaa Kiristaanummaa isaanitiin baargama cewuun warra Oroppaa irraa argatanii jiru. Kanas yoo xiqqaate bardhibbee 16-ffaa irraa kaasanii: “Oromoo fi Islaamonni nutti duulanii nu mancaasuufi !“, jechuun dursanii mootummoota Oroppaa keessaa warra Poorchugaal kadhachuu fi sagaduu jalqabani. As irratti bara 1543 keessa oggaa mootummaan isanii fi mootummaan Adaal kan duuka-buutuu amantii Islaamaa ture, Giraanyi Mahaammad (Ahmad Ibn Ibrshim al-Ghaz) walitti duulan sana isaan “nafxii” warra Oroppaa caallaa otoo hin taane, loltuuwwan mootummaa Poorchugaalis 400 argachuun, akka isa moyuu (ajjeesuu) dandayan yaadachuun ni gaya.
Dhuma bardhibbee 19-ffaa keessa mootummaan Habashaa kan Minilik nama-nyaataa saniin durfame, meeshaa waraanaa, leenjiftuu fi gorsituu waraanaa kan humnoota Oroppaa oggaa sanii: Faransaa, Ingilizii, Xaaliyaanii fi Rusiyaa irraa argateen uummata Oromoo fi Uummatoota Kibbaa cabsee koloneeffachuun isaa waan nama falmisiisuu miti. Meeshalee waranaa inni ittiin dhimma-baayaa ture sun kan akkaan irra caalu “nafxii” warra Oroppaa yoo tahu, kan “nafxii” saniin uummata Oromoo fi uummatoota obbolaa isaa tahan warra Kibbaa lafa irraa duguugaan, “nafxanyoota” turani. Hojii suukaneessaa Minilikii fi nafxanyoota isaatiin adeemsifame keessa mee fakkeenyumaa tokko tokko as irratti haa tuqnu! Harma-muraa fi harka-muraa Aannolee, Calii-Calanqoo, lafarraa duguuggii fi buqqifama Gullallee, gorra’ama Darraa, dhumaatii uummata Walaayitaa, Kafichoo fi Diimmee faa seenaan galmeessuun lafa kaayee jira! Minilikii fi nafxanyoonni isaa uummata Oromoo gara kitila (miliyoona) shanii, akka lafaa irraa duguugan, uummata Kafichoo dhibbayyaa 70 (70%), uummata diimmee dhibbayyaa 80 akka fixan nu Oromoota yookaan Kafichoota fayiin otoo hin taane, warruma Oroppaa kan mootummaa Habashaa deeggaraniin lafa kaayameeti argama. Mee amma kan dhagawuunutti isaatuu sonaan nama jeequ fi kan qalbii fi onnee namaa rarraasu, isa nafxanyoonni Habashaa uummata Walaayitaa irratti hojjatan fakkeenyumaa asi irratti haa kaafnu!
Barri isaa 1894 keessa. Waraanni Habashaa kan Minilik mataa isaatiin gaggeeffame Biyya Walaayitaatti duule. Mootummaan Walaayitaa, kan mooticha Xoonaa jedhamuun durfame uummata tokko taasisuun meeshaa waraanaa kan duudhaa qabu saniin dura dhaabate. Waraanni Minilik inni mataa irraa hanga miila isaatti meeshaa waraanaa kan ammayyaa, isa humnoota Oroppaa irraa argateen akka hawwee fi yaadetti uummata Walaayitaa jagnicha san, salphaadhumatti mowuu hin dandeenye. Torban sadii guutuu dachee fi uummanni Walaayitaa tokkoomee, koloneeffattoota kana ofirraa faccise. Booda dacheen Walaayitaa barbadooftee, uummanni Walaayitaa akka dullacha masqalaatti qalamee, Xoonaan mootichi boojiyamee, walabummaa fi bilisummaan Walaayitaa mulqamee, Biyyi Walaayitaa akkuma Oromiyaa fi Biyya Sidaamaa faa kottee nafxanyootaa jala gale.
Faranjoota Minilik wajjin duula kana irra turan keessaa waan inni tokko ijaanaan argee, barreessee keessaa asi irratti waan xiqqashoo tokko yoon kaase, seenaan nafxanyootaa seenaa akkamii akka tayee fi nafxanyoonni “keenya” bineeyyii akkamii akka turan nutti agarsiisa.
Erga Minilik waraana Walaayitaa torban sadii booda moyee, mootichi isaanii boojiyamee, waraanni Minilik kun bakka akkuma Biyya Walaayitaatti nafxii fi nafxanyootaan cabsee masaraa isaa itti ijaarrate, Shaggar Finfinneetti deebiyuuf deemu, karaan Biyya Waalayitaa reeffa uummata Walaayitaatiin uffifamee, gaangolii fi fardeen Habashootaa wareeruun deemuu didani. Lafti reeffa fi namoota waraanamanii kufuun reeffa jidduu ciisanii aadaniin sararamee muldhata. Nafxanyoonni namoota kana bakka ciisanii wawwatanitti gorra’uun kaan shootalaan, kaan immoo xiyyiitiin* fixu ture. Kan nama dhibuu fi caalaa nama suukaneessu ammoo loltuuwwan Habashaa kun warreen reeffa jidduu ciisanii aadan keessaa, morma isaanii shootalaan gorra’anii, gadi ciisanii dhiigaa isaanii xuuxuu isaaniti. Nafxanyoonni gara bulguu fi waraabessaatti of geeddaruun ilmoo namaa gorra’anii dhiiga isaa xuuxu jechaa dha!
Horii fi namni Walaayitaa akka malee heddumminaan Habashootaan boojiyame. Uummanni Walaayitaa boojiyame kun akka hoolaa fi akka re’eetti gabaa baafamee gurgurame. Minilik mataan isaa Walaayitoota 1000 boojiyachuun gabroota taasifatee, gara Gondoritti dabarsee gurgurate. Kunoo, kana Itoophiyaan nafxanyootaa, eekaa isa kana Minilik Habashootaa fi Minilik Abiyyi Aahimad! Mee ammammoo uummata Walaayitaas tahee, uummanni Oromoo fi uummatoonni Kibbaa marti erga Minilikiin cabsamanii kottee nafxanyootaa jala galanii, akkamitti akka dhiddhiitamaa turan armaan gaditti hamma tokko haa ilaallu!
Oromoonni lafti isaanii irraa fudhatamee: “Overnight” lafa-dhabeeyyi tahan jedha barreessaan beekamaan “John Markakis” jedhamu. Mootummaa Habashaas tayee sirni warra Habashaa: haqaa fi mirga namaa, bilisummaa fi birmadummaa ilmoo namaa, walqixxummaa dhala namaa, heeraa fi seeraan buluu faa wanneen jedhaman hin beekani. Mootummaan isaanii uummatuma ofiituu kanneen irratti bu’ureeffamuun hin bulchu. Mootolii fi dureewwan isaanii sonaan hedduun akkamu Teediroos shiftoota gabaa keessaa turani. Saammatanii, raammatanii buluu fi “qaxqixoo magzaat!”-ikaa sirni isaanii! Waan ofii hin qabne immoo uummatoota humna qawweetiin jilbeeffachiisanii qabata kanneen hin badhaasani. Minilikii fi nafxanyoonni isaa lafa Oromoo fi Warra Kibbaa dhibbayyaa 75 (“75 %“) dhuunfachuun qabatani. Dhibbayyaa 25 isa hafe san akka isaaniif, jalakaattuu fi ergamtuu tahuun hojjataniif gita-bittee uummatoota koloneefamoof dhiisani. Dhibbayyaa 75 isa harkatti galfatan san bakka sadiitti qooduun: tokko warra Minilikiif, tokko bataskaana Habashaatiif tokko immoo abbootii waraana Habashaatiif kennani. Fakkeenyaaf: shantam-maalaan (“haamsaa alaqaa-n“) tokko lafa Oromoo gabbataa qamadii fi garbuu, xaafii fi boqqoolloo, mishiraa fi atara, mishingaa fi halquuqa (baaqilaa), bunaa fi nuugii faa xaawoo wayii malee, magarsee jijjigsu san wantaa (“gaasshaa“) 5, dhibbaalaan (“matoo alaqaa-n“) tokko wantaa 10, kumaalaan (“shaamballii-n“) tokko immoo wantaa 20 argate. Carraan Oromoon yookaan Uummata Kibbaa gabbaarii fi ciisii tahee jiraachuu tahe. Dabalees carraan uummatoota gabaroomfamanii kanneenii kana duwwaa mitii!
Uummanni guutuun gara “ashkarii fi garadii” nafxanyootaatti geeddarame yoo jenne, dubbii hoowwisuu wayii hin tahu. Qutee-bulaan tokko gabbaarii yookaan ciisii nafxanyaa tokkoo tahuun: midhaan sangoota ofiitiin qotee, humna ofiitiin facaasee, haramee, haamee, sirimsiisee, calleessee abbaa lafaa isaa nafxanyichaaf qixxee hiree kennuu, kurnanee (“asiraatii“) kan jedhamuus itti-dabaluufii qofa otoo hin taane, ijoolleen isaa horii nafxanyichaa tiksuu, haati manaa isaa gola nafxanyichaa keessa kaattee hojjachuu, dabaleesoo inni yookaan ijoolleen isaa warri dhiiraa akka ashkariitti gaangee isaa harkisuu fi jala-fiiguu, ijoolleen dubraa immoo warra abbaa lafaa kanaaf qoraan cabsuu fi bishaan waraabuu faatu irraa eegama. Kana malees, gaafa warri nafxanyaa kun gammadanis, gaafa isaan gaddanis farsoo naqanii, biddeena tolchanii geessuu faatu carraa uummata Oromoo fi Uummatoota Kibbaa mara tahe.
Gabbaariin yookaan ciisiin tokko lafa san irraa ka’ee, bakka fedhe dhaqee qubachuu hin dandayu. Akkuma lafa Oromoo isa fudhatamee sanii, qotee-bulaan Oromoos qabeenya nafxanyichaa ti jechaa dha. Sirni nafxanyaa nama-nyaataan kun hamma Xaaliyaanonni dhufanii hin buqqisinitti, hanga baroota 1935-1941-tti ittuma fufe. Nafxanyoonni bakka itti-baqatanii, bara 1941 keessaa Hayila-Sillaasee isaanii wajjin deebiyan sun gabbaarummaa deebisuu daddhaban malee, cisanyummaan hamma bara 1974-1975 warraaqsa uummatootatiin haqamutti ittuma fufe.
Mootummoota Habashaa dhufaa dabran hunda keessatti uummanni Oromoo fi Ummatoonni Kibbaa marti nafxanyootaan dhiddhitamanii bitamuu malee, haqa fi mirga ilmoo namaa takkallee hin qabani. Karra-eegduu waajiraatii kaasee hamma bulchaa godinootaatti abbootiin taayitaa nafxanyoota Amaaraa turani.  Abbootiin murtii seeraa, abbootiin bulchaa biyyaa, daaqonii irraa hamma phaapphasaatti hundi isaaanii nafxanyoota turani. Afaan manneen hojii fi manneen barumsaa Afaan Amaaraa qofa ture. Afaanota birootiin barreessuun, yoo dabree dabree Afaan Tigree tahe malee, dhoowwaa fi yakkamsiisaa ture. Kan biraa hafee Macaafni Qulqulluun Afaan Oromootiin biyyoota Oroppaatti maxxanfamee Oromiyaa seensifamellee, mootummaa nafxanyootaa kanaan akka walitti qabamee gubamu taasifame. Akkuma mootummaan Hitilar wanneen Afaan Warra Yuudatiin maxxanfame cufa walitti qabsiisee, irbaata ibiddaa taasise san jechaa dha! Warri abbaa mancaas kun mancaasuu malee, wanni gaariin isaan uummatoota koloneeffamaniif argamsiisan tokkollee hin jiru. Kanaaf, hardha oggaa isaan uummata Sidaamaa faa, uummata Walaayitaa faa, uummata Qimaantii faa rukutan ijji teenya, ijji Oromoo boochi! Qarreelee fi qeerroleen Oromiyaa uummatoota gabroomfatamoo hundaaf gaachana akka tahan beekuun daran mishaa dha!
Egaa, nafxanyoonni hardha koloneel Abiyyi marsanii Masaraa Tulluu Daalattii keessa bashannanaa jiran, “nafxanyaa maaf jettu? Isin farra ilmoo namaati” nuun jedhanillee, seenaan isaanii hammi tokko akkuma kanaa olitti ibsame. Ammaan tana uummanni Oromoo alaa manaa tokko tahee: of-ijaaree, wal-ijaaree, gurmuu isaa fi irree isaa cimsatee, hidhatee wal-hidhachiisee, hundee impaayera Itoophiyaa ishii bosobboftee tana buqqisee darbachuun, OROMIYAA walaboomsee bilisummaa ofii gonfachuu qaba! Kuni akkuma jagnichi keenya Jeneraal Waaqoo Guutuu jedhe, akka du’aatii waan ooluu miti!
____________________    /    ____________________
* Jechi “xiyyiitii” jedhamu kun sagalee “xiyya” jedhamu irraa waan dhufeef jechuma Oromoo ti!
 Barroolee Ilaalamuun Malu:
1) John Markakis: Ethiopia – Anatomy of a Traditional Polity, Oxford 1974
2) Richard Greenfield: Ethiopia A New Political History, London 1965
3) Margery Perham: The Government of Ethiopia, London 1969
4) Addis Hiwet: Ethiopia from Autocracy to Revolution, London 1975
5) Patrick Gilkes: The Dying Lion – Feudalism and Modernization in Ethiopia, New York 1975
==============    //    ==============

Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...