Odeeffannoo Dharaa HD ABO Ilaalchisee Facaafamaa Jiru Irratti Ibsa ABO

(IBSA ABO, Hagayya 16, 2020)

Wayta rakkoo seeraa fi sirna dhaabaa ilaallatu ABO keessatti dhalate Koreen Naamusaa fi Tohannoo (KNT) qorataa fi ilaalaa jirutti fi miseensas tahe hogganni dhaabaa fi qaamni kamiyyuu walgahii fi ibsa bifa kamiituu laatuu irraa dhaabbatanii murtii KNT akka eegan beeksisetti sochiin akeekkachiisa kana faallessuu hedduun tahaa jira.

Kanneen keessaa tokko afaanfajjiin miseensota sochii seeraa fi heera dhaabaa kabajuu didanii fi Miidiyaalee Oromoo fi ABOf ilaalcha farrummaa qabaniin, akkasumas odeessa sobaa itti kennameen sobamaniin Hayyudureen ABO hojii irraa rarraafamani jedhamee kan naanneffamaa jiru, kan murtii KNT cabsee fi seeraan alaa ta’uu beeksifna.

Miseensonni fi deeggartoonni dhaabaa, ummanni keenya akkasumas ummatootni Itophiyaa fi hawaasni addunyaa odeessa dharaa kanaan akka hin dagamne hubachiisna. Kanuma waliin miidiyaaleen hundi seera jiruu fi naamusa ogummaa tiksuun odeessa dharaa qaama adda addaarraa isaaniif kennamu facaasuun burjaajii uumuurraa akka of qusatan gorsina .

Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Hagayya16, 2020

Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...