Oduu adda addaa tarkaanfii WBO, Zoonii Kibbaa

Dhiiroo Garbii | Hagayya 25, 2020
Olola OPDO godina Booranaa hin dhaga’inaa!
Olola Nafxanyaa godina Booranaa hin caqasinaa!
Ololli OPDOn godina Booranaa lola kaleessa Hagayya 23, 2020 Boorana aanaa Miyootti taasifame irratti miseensii gameessa Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) Jaal Bilisee Diidoo Duubaa wareegamte jettee ololtu kijiba ta’uu hubadhaa! Lollii kaleessa Z. Kibbaatti geggeeffame lola jajjabaa ture. Gama waraana Shiftootaa fi Goolessituu Xoophiyaa irraa yoo diqqaate loltoonni 80 ol biyyeetti makamuun soora allaattii fi waraaboo ta’aniiru!
Gama WBOtii nagaa fi fayyaa qofa! Homaa huubilleen irra hin buune loltoota keenna!
Amma yeroo gabaabaa keessatti Jaal Biliseen Wareegamteetti jettee OPDO’n soba ololtu miidiyaa irratti baatee ibsa injifannoo laachuuf qophiidha!
Isan jarrii burjaajjii uumtanii waan hin jirre hafarsaa jirtan tokkoon tokkoon keessan isinirra dhaqqabneerra!
Gantoonni Qabsoo Bilisummaa Oromoo kan yeroo ammaa Mooyyalee ciiftanii mandheewwan waraanaa diiguuf tattaafattan kaameraa Gumii keessa seentaniirtu!
Yeroo gabaabaan booda injifannoo gooticha Bilisummaa Oromoof Shira WBO Zoonii kibbaarratti jaldeeyyiin xaxaa jirtu qabadhee kan dhiyaadhu ta’a!
Injifannoon Uummata Oromoof!

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.