Oduu social media irraa guurame rakkoo ABO fi OPDO ilaalchisee, Amajjii 16, 2019

















Diyaasporaan Oromoo hedduun hoteela #Ililliitti mandheeffatanii jiran maalif lola Oromoo lamaan giddutti deemas jiru kana caldhisanii ilaalu.
Warri kaleessa maqaa qabsoo dhahatee biyya alaatii gale hedduun isaanii hardha yoo Oromoon wal waraanu gidduu dhaabbatanii waraanni kuni akka dhaabbatu gochuu dhiisanii gama mootummaa goranii lolli kuni akka daranuu itti fufu gochaa jiru.
#Aktiivistoonnidiyaasporaa biyya alaatii galanii Finfinnee jiran #JawarMohammed#IsqeelGabbisaa fi qabsaa’ota muraasa irraa kan hafe hedduun isaanii warra lafa Finfinnee irraa mootummaan kenneefii gama mootummaa goranii afaan mootummaa tahanii dubbachaa jiranii fi aangoo mootummaa irraa warra eeggachaa jiraniidha.

Uummanni Oromoo diyaasporaa aangotti guuranii lafa kennaniifii Oromoon gowwoomsudhaaf miidiyaa gubbatti baasanii uummata gowwoomfamuu miti.
Uummanni Oromoo ABO fi ODP illee taajjabaa jira. ABO fi ODPnis uummata Oromoof dantaa dhabanii walwaraanaa jiru. ODPn aktiivistoota fi namoota maallaqa waan qabduuf hoteela #Ililliitti walitti qabdee isiif dubbatan fayyadamtee dhugaa dhoksitee ABO rukuttee siyaasa keessaa baasuu barbaaddi.

Hanga hardhaatti wanti nama ajaa’ibu #Aktiivistoonni diyaasporaa kan biyyatti galan lolli ABO fi ODP giddutti gaggeeffamaa jiru sirrii mitii haa dhaabbatu jedhanii guyyaa tokko dubbatanii hin beekan.
Qaama bilisaa ta’anii kan wal dhabe walitti araarsuu osoo qabanii gara mootummaa goranii mootummaan sirrii jira jedhanii lola irratti jajjabeessu.

Akka kootti ABO fi ODPnis rakkoo qabu.
uummata Oromoof dursa kennuu osoo qabanii dantaa dhuunfaa isaanii dursanii lolatti seenan.
Ammas taanan ABO fi ODPn haal duree tokko malee lolli akka dhaabbatu labsuu qabu.

LOLLI ABO FI ODP NURRAA HAA DHAABBATU.










Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020