Oduu Tarkaanfii Gooticha WBO

===============================

(SBO/VOL – Waxabajjii 11,2018) Waxabajjii 05, 08 fi 09, 2018 gidduutti WBOn Godina Dhihaa tarkaanfii bakkoota adda addaatti Humna Diinaa irratti fudhateen loltoota 167 ol hojiin ala gochuu Ajaji WBO Godina Dhihaa beeksise.

Ajajaan WBO Godina Dhihaa Jaal Kumsaa Dirribaa gaaffii fi deebii SBO waliin godhan keessatti gootichi WBO Godina Dhihaa Waxabajjii 08,2018 halkan keessaa sa’aa 4:30tti qubsuma waraana wayyaanee magaalaa Gimbiitti argamu weeraruudhaan diina irraa 17 ajjeesuun 12 ol ammoo madoo taasisuu ifa godhan.

Gootichi WBO tarkaanfii isaa itti fufuun borumtaa isaa Waxabajjii 09,2018 ganama keessaa waraana wayyaanee konkolaataa waraanaa ORAL lama, Autobusii tokkoo fi konkolaataa xiqqaa 3F jedhamtuun sossohaa turan bakka addaa Waloo Yatii jedhamutti haxiidhaan haleelee miidhaa guddaa akka irraan gahe ifa godhaniiru.

Tarkaanfii haxii kanaanis loltootni wayyaanee ORAL lama irra turan lakkoobsaan 120 ta’an guutuutti barbadaa’uu fi kaanis madeeffamuu Ajajaan WBO Godina Dhihaa Jaal Kumsaa Dirribaa gaaffii fi deebii SBO waliin godhan keessatti beeksisaniiru.

Waxabajjii 05,2018ttis Gootichi WBO Godina Dhihaa Gaara Abbaa Seenaa bakka addaa Qorkaa jedhamutti waraana Agaazii haleeluudhaan 7 ajjeesee 11 ol ammoo madeessuu Ajajaan WBO Godina Dhihaa Jaal Kumsaan hubachiisaniiru.
Dhaggeeffattoota/hordoftoota SBO gaaffii fi deebii Jaal Kumsaa Dirribaa waliin goone sagantaa keenya guyyaa Roobii keessatti qabannee kan dhihaatnu ta’uu beeksisna.

Similar Articles

Comments

  1. maaloo soba kana yoomuuma dhiiftuu isiin oralii kee erga bara meeqaa inuma barbadesituu garuu qabatamaan wantii tokko ilee hiin jiiruu kiijiibuma kiijibduu malee sobdota wayii dhuguma motumaa ethiopiatuu waraanii kuun huundumtuu jalaa dhuumee caliisee ta’aa waan hiin fakkanee hiin oddesiinaa umata kana sobuu hiin dandessanii

    • Obbo Abdii Boruu Oddeessa Wayyaane malee oddeessa qaamni biraa baasu gurri kee fi ijji keess hin argu fakkaata. Yoo shakkii qabaatte nama naannoo sanii qunnamte mirkaneefachuu dirqama keetti. ammoo toftaa joolleen OPDO ooftu kana ofi irraa dhissi. WBO fi ABOn injifannoo galmeessa jiran. jaalate jibite dhimma keenya miti.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020