Oduu Tarkaanfii WBO Giddu gala Oromiyaa fi Zoonii kibbaa

WBO, Sadaasa 1, 2020
WBOGootichi waraana bilisummaa Oromoo WBO’N waraana maafiyaa Impaayera xoophiyaa kan Yeroo ammaa kana koloneel Abiyyi Ahmediin hoogganamtu Irratti dhukaasa akka bakakkaa Irratti roobsuun battalatti humna weerartuu kanarraa 60 Ajjeesuun Meeshaa danuu irraa booji’uu Ajajaan WBO zoonii Gidduu Galeessaa oromiyaa Kaaba Lixa Shaggar keessa socho’uu Beeksisee jira!
Irree fi gaachanni Ummata Oromoo waraanni bilisummaa oromoo WBO’N Zoonii Kaaba Lixa Shaggar keessa socho’uu Onkoloolessa 31/2020 aanaa Hidhabuu Abootee ganda Alam Ganaa keessatti tarkaanfii fudhateen humna weerartuu kanarraa baayyee du’aaf madoon adabuu Ajajaan WBO Zoonii Kaaba Lixa Shaggar keessa socho’uu ibsee jira.
Aanuma Hidhabuu Abootee keessatti ganda Yaayyaa Dhaka Booraa iddoo Tulluu Gobbee jedhamuttis Sadaasa Guyyaa har’aa 01, 2020 tarkaanfii yeroo 2ffaaf fudhateen humna weerartuu kanarraa 60 ol battalatti yoo ajjeessu baayyee immoo ishee madoon adabee jira.yeroo ammaa kana Madoo Hosptalaatti guuraman keessaas ergamtuun nafxanyaa 5 hospitaala keessatti duu’uu maddeen Zoonii Kaaba Lixa Shaggar irraa ibsu.
Lolli kun ganama sa’aatii 1:00 irraa kaasee hanga galgala sa’aatii 12 kan deeme yoo ta’u; WBOn meeshaa fi qabeenya danuu diinaa irraa booji’uun qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisisuu ajajaan WBO Zoonii Gidduu Galeessa Kaaba Lixa Shaggar Beeksise.
WBOn zoonii Gidduu Galeessaa Kaaba Lixa Shaggar.
#Bifuma Walfakkaatuun GUYYAA 1/11/2020
WBO’n Zoonii Kibbaa Cibraa Soddom Booroo Buttaan Lattuu Liiban amma daqiiqaa muraasa dura Aanaa Gumii Eel-dalloo ganda Malkaa gubaatti tarkaafii haleellaa cimaa ilmaan Habashaa irratti fudhachuun 10 du’aan yoo geggeessu, 9 ammoo madoo taasisee Injifannoon goolabe. Lafaaf lafeen keenya diinaan qixa nu hinbaattu.
Dhiigaaf lafee keenyan Oromiyaa walaba ni ijaarra!
Injifannoo Ummata Oromoof!

Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...