Of ijaarun gahee hojii hirmaachuun yeroo kamirrayyuu ammatti barbaachisaa dha, Kutaa 5ffa

Ayyaanaa Gobaanaa fi Caalaa Hayiluu irraa, Muddee 16, 209

Jaallan keenya qabsoo irratti wareegaman maal nu dhaamaani? Osoo diina waliin kokkee al qabaa  kufaa kuffisanii,jaallan duraa fi duuba isaanitti hafanitti maal dhaaman? Sabboontonnii fi qabsaahonni keenya kanneen manneen hidhaa fi haala adda addaatiin harka diinatti wareegaman hoo maal dhaammatan?

‘’Kaayyoo fi akeekni keenya biyya Walaboomtee fi uummata bilisoome qabaachu dha.’’ jedhan. Akeeka fi kaayyoo jaallan keenya itti wareegaman sana galmaan gahuuf jecha  lubbuu qabsaa’oota saba keenyaa hedduutu wareegame, hardhas wareegamni suni sakandiif illee osoo hin dhaabbatin ittuma fufee jira. Ilmaan Oromoo, keessumaa WBO’n hedduun zoonilee qabsoo  hundaa keessatti hardhas osoo waraanaa diinaatiin lolaanii kan wareegaman beekamoo kan hin beekamnee hedduu dha. FDG ABOn labsamee hoogganamee ammallee itti fufee jiru keessatti, qeerroo fi qarreen hedduun irratti mirga saba keenyafi jecha karaa nagaa osoo qabsoo mirgaa godhanii ijoollen osoo gaa’ila isaanii hin argin diinaan ajjeefaman hedduu dha.  Erga Oromoon sirna Nafxanyaa jalati kufee kaasee Oromoo dammaqiinsa qaban  yakkuun mana hidhaa Itoophiyaa keessatti kan du’an qabsaa’oota hedduun kan beekamanii fi hin beekamne lakkoofne hin fixnu. Qabsa’oota kaayyoo qabsoo Oromoo galmaan gahuuf murannoo qaban bakka buuten isaanii dhabaman akka jaal Nadhii Gammadaa,Jaal Lammeessaa Boruu, Weellisaa Jireenyaa Ayyaanaa, Dabbasaa Guyyoo fi kanneen biroo kumaatamaan kan lakka’aman ilmaan saba keenya hedduu dha.

Imaanaa jaallan keenya kana hunda fiixan baasuf Oromiyaa bilisoomte deebifannee ijaarrachuuf of ijaarun dirqama akka dhala saba kanaatti qabnu hirmaachuun qabsoo saffisuun dirqama qabsaa’oota ilmaan Oromoo hundaati.

Jaallan kunneen dandeettii,sabbonummaa fi ogummaa qabaniin qabsoo Oromoo keessatti kanneen qooda olaanaa qaban yommuu tahu, keessafuu Jaal Nadhi Gammada  hooggantoota olaanoo qabsaa’ota  Oromoon qabaacha turte keessaa nama tokkoo dha. Nyaaphni Oromoo garuu sodaa irraan ka’ee as buuteesaa akka dhaabamsiifte beekamaadha. Jaal Lammeessaa Boruu immoo bara 1992 as buuteen isaanii hin beekamne.Jaal Lammeessan hooggana Shanee Gumii ABO kan turan yoo ta’u bara Hayilasillaasee waggaa 6 hidhaman, bara Dargii waggaa 10, bara sirna kanaa ammoo achi buuteen isaanii dhabame. Seenaa qabsoo keenyaa gaafa qorannuu fi dararama hooggantoonni keenya argan gaafa yaadannu qabsoon wareegamaan eegalamte, wareegamaan as gahuu hubanna.

Weellisaa Jireenyas akkasuma erga  bara 1996 humna tikaa mootummaa Wayyaaneetiin ukkaamfamee achi buuteen isaa dhabame.Erga gaafa sanaatii du’eef jiraan isaa utuu hin beekamiin waggaan meeqa darbeera.

Akkasumas hayyuun argaa dhageettii Oromoo aab Dabbasaa Guyyoo, oggeessa faalasama Oromoo  osoo inni aadaa fi duudhaa Oromoo barsiisuu guyyaa ayyaana Irreechaa  biyya Keeniyaa magaalaa Naayiroobii keessaa humna sirna gita bittuu Impaahera Xoophiyaa,kan keeniyaa waliin tahuun as buutee dhabamsiisan. Hanga yoonaa garuu as buuteen beekamaa miti.Fakkoo jaallan kanaa marsaareetii adda addaa irraa kan argannee dha.

Jaallan keenya yaadacha, seenaa issanni oli kaasa kaayyoo isaanis fiixan baasna. Kaayyoo jaallan keenyaa osoo hin dabsin yoo fiixan baasne seenaa isaanii ol kaasun dhalootan akka yaadataman taasisna.

Of ijaaraun yeroo kam irrayyuu amma maalif nu barbaachisa?

Barruu keenya kutaa 3ffaa fi 5ffaa  keessatti barbaachisummaa jaarmayaa yeroo kaasnu, jaarmaya, jaarmayaa, ammas jaarmaya… jechun kan irraa deddeebineef garee fedhii tokko waliin qabu irraa kaasuun hanga saba keenya sirna cunqursaa alagaa jala jiraatu tokkootti, osoo of hin ijaarin  akka dhunfattis tahee akka sabaatti kaayyoo isaa fiixaan baafachuu hin danda’uu. Yoo of ijaaruun sochii qabsoo taasisan akeeka dhuunfas tahee, gaaffii sabummaa waliin qabnu fiixan baaffachuu ni dandeenya.

Qabsaa’aan Russia kan ture fi hoogganaan Paarti Bolshevik, Viladmir Ilich Lenin barbaachisummaa jaarmayaa ilaalchiiseee, yeroo dubbatu akkas jedhee ture.” Jaarmayaa yoo qabaanne Russia akka barbaannet asiif achi gaggaragalchina”Jedhee ture. Uummati hin ijaaramin akka bishaan gabatee irraati. Abbaa fedhetu akka barbaadetti asiif achii galgaalchee ittiin xabata. Uummati hin ijaaramin akeeka tokko walin hin qabu, afaan adda addaa dubbata.  Ummati Oromoo saba bal’’a kaayyoo tokkoo fi hiree tokko waliin qabu, kaayyoo isaa dagachuun, osoo qabeenya qabuu diinaaf dhiisee, meesha diinaa tahuun, sirna cunqursaa jala jiraachaa jira. Osoo ijaaramee qabeenya isaa akka bu’aa fidutti invest godhata malee caallise akka hin taaneti hin qisaasessu.

Oromoon diina isaa injifachuuf of ijaaree sochii wayyaawaa walirraa hin cinnee fi kaayyoo kaleessaa fi hardhas gootonni ilmaan Oromoo qaqqaaliin itti wareegaman galmaan gahuuf falmaa isa dhumaa gochuu qaba. Yoo of ijaarre duwwaa akeekaa fi abjuu keenya maniin geenya. Barreeffama keenya darbe kessatti biyya walaboomte fi saba bilisoome qabaachuu dandeenya jennee turre. Oromoon yoo of ijaare, Ilmaan isaa dirree qabsoo keessaa diinan loola jiru tumsee bilisummaa fi walabummaa ofi mirkaneeffachu danda’a. Jaarmiyaa isaa hammatee waan barbaachisuun tumseess aangomsuu danda’a. Oromoon yoo of ijaare qabeenya isaa fi dandeettii isaa walitti kuufate sirnaan dhimma itti bahuun kaayyoo waloof oolchuu danda’a.

Oromoon waan beekuu qabu, akka sabaatti kabajaa nuuf malu argachuuf sichis caalaatti of jiraachisuuf qabsoo gochuun mirga namummaa akka tahe tasuma dagachuu hin qabnu. Oromoon akka saba sirna gabrummaa jala jiru tokkootti yoo of ijaare  duwwaa walii galatti bilisaan dhaalannee gabrummaan  akka hin jiraanneef qabsoo gochuu danda’a. Biyya jiruu fi jireenyi Oromoo gadadoo fi boo’icha tahe kana keessaa kan baanus ofi ijaaru duwwaa dhan.

Dhugaa Oromoon qabu, WBOn dirree falmaa irraa jiru, hayyooti Oromoo,miidiyaalee sagalee Oromoo tahan akeeka fi kaayyoo qabsoo keenya barsiisaa jiran, kan akka raadiyoo sagalee Walabummaa Oromiyaa faa fi isaan biroo misensooti fi qondaaloti ABO kan kaayyoo ganamaa osoo hin dagatin qabsoo irra jiran ilmaan Oromoo milyoonaan bifa adda addaan biyya keessaa fi alaan qabsoo fiixan baasuuf qabsa’aa jiran hunda caalatti of ijaarun soochii qabsoo bilisummaa fi walabummaa itti fufuun galmaan ga’uun imaanaa jaallan keenya fiixan baasuu ta’a.

Irra deddeebin Oromoon akka of ijaaru, dhaammachaa, erga of ijaaree akkammitti akka hojii hirmaachun barbaachisu yaada keenya kutaa duraa gumaachuu barbaadna. Hojii hirmaannan manni tokkoyyuu ijaarama. Hojii hirmaannan sirna Gadaa keessatti akkam akka ture baruu keenya itti aanuu keessatti hanga tokko laaluu yaalla.

                Hojjii hirmaachuu jechuun keenya maal jechuu dha?

Maalif Oromoon akka Oromootti of ijaarun hojii hirmaachuu barbaachise laata? Yoo of ijaare akkammitti tahu qaba laata? Of ijaarun qabsoo keessatti hojii hirmaachun hojii keenya nu saffisuun yeroo saganteeffanneti ummata keenya sirna kolonni Habashaa, aadaa kijibaa irratti hundaa’ee yeroo hunda akka cilalluu bifaa jijjirrachuun afaan fajjii uumun saba keenya irratti roorrisu yeroo itti gabaabsu meeshaa qabsoo nuuf tahuu danda’a. Fakkeenyaf yeroo ammaa kana sirna Nafxanyaa ganama nurra tursuufi afaan faajjii seenaa keessatti beekamu” Yee biltsiginnaa Paarti/ Ethiopian Prosperity party/ EPP ” jechun kan asi bahan waan haaraa osoo hin taane waanuma beekamudha. Rakkoo diinagdee fi misoomina hawaasa tokkoo keessatti fiduuf duraan dursee haaloti guutamuu qaban ogummaa diinagdee keessatti qoormaati imaammata diinagdee hedduutu jira. Haala guutuu qaban keessaa biyya tokko misoomsuf nagaa fi tasgabb iin jirachuun murteesa dha.  ABOni ergaa abba biyyumaa ofi mirkaneeffate nagaa waligala yoo fiide booda imaamata dinagdee yeroo gabaaba fi dheeraa kan saba Oromoo ittin misoomsu ofi harka qaba. Oguma dinagdee akkamitti biyya guddisan kan qoratanii beekanis namaa  heddu qaba. Kanaaf jecha sabi Oromoo afaan faajja’uu hin qabu. Oromoon amma kan itti xiyyeeffannaa kennuun ofi ijaarun hojii hirmaachun qabeenyaa ofii, lafa ofii diinaa harkaa baasuu qaba. Dhimma diinagdee ilaalchise gara fulaa duraati itti deebina. Hojii hirmaachuun sabi keenya bilisoomee misoomsun dirqama taha.

Of ijaarun hojii hirmaachufi kaayyoo tokkoo qabaachun akkaan murteessa dha.

Of ijaarun hojjii hirmaachun kan jaarmaya tokko gargaaru, osoo nami dandeetti/ beekumsa qabu irratri hundaa’ee waan waloof gumaachee akeeki akka walootti waliin qaban saffisuun galmaa isaa rukkutuu danda’a. Yaada hojjii hirmaachu (labour division) jedhu kana yeroo duraafi kan beeksiise abbaa National Economics kan ture namicha Inglizii, Adam Smith jedhame beekamu ture.

Adam Smith 1723-1790

Akka yaada ogeessa kanaatti, hojii hirmaachun, waan hojjatamu tokko ogumma adda addaa walitti cuunfudhaan, waa tokko oomishuu/ galmaan  gahuu jechuu dha. Jaarmaya keessatti hojii/dirqama akka dandeettii fi fedhiitiin qooddatanii hojiirra oolmaa isaaf akkaan yoo hojjatan kaayyoo qabsoo bilisummaa fi walabummaa oromiyaa galmaaan gahuuf yeroo nu gabaabsa. Hojii hirmaachuu jechuun egaa dirqama hirachuun, dirqama qabnu sana ol guddisuun( specialize) gochuun waan hojjachuuf saganteeffanne yeroo barbaadne keessatti fiixan baasuf nu gargara. Gareen adda addaa dirqama itti kennaame yeroo fiixan baasu bu’aan isaa kan waloo ti.

Jaallan dirree waraanaa irra jiran karaa waraanaa irratti yeroo xiyyeeffatan, warri karaa siyaasaa  qabsoo karaa nagaan ijaaramanii uummata keenya dammaqsuu fi ijaaruu irrati yoo xiyyeeffatan, dameen dinagdee  immoo osoo rakkoon hin dhalatin tahuu malaa boru dhufu dursanii akeekuun karaa diinagdeen qabsoon keenya akkamiin humna jabaa godhatee akka deemuu fi rakkoo dinagdee hiikuu irratti yoo xiyyeefate, dameeleen hunduu dirqama isaa irrati yoo xiyyeeffate hojjii hojjatamu specialize gochuun kaayyoo keenya galmaan gahuuf haalan nuuf salphisaa deema.

Jaallan kaayyoo, yeroo hunda dirqamni ani qabu qabsoo kana fiixan baasuf jechuun of gaaffachun dirqii taha. Waliif waliin kaayyoo qabnuuf wareega akka ogummaa fi  dandeettii keenyatiin kaayyoo waloof gumaachun, walii tumsuun( solidarity )murteessaa dha.

Egaa hojii hirmaachuun:

  • Waan dandeenyun specialize gochuun rakkoo gamtaa keessatti qooda gumaaachuu,
  • Oguma adda addaa qabnu walitti fiduun rakkoo akka sabaatti waliin qabnu hiikkachuuf,
  • Hojjii keenya saffisiisuun waan dhaloonni gadaa hedduuf itti wareegaman galmaa keenya  akka rukkutuuf,
  • Warrii aangoo/gaafatama sabaa qaban dirqama gubbaa jalaan qoodanii hojiirra oolmasaa too’achuu danda’uun hojjiin saffisaan raawwatamuusaa gilgaaluu danda’u.

IUOF.

Itti fufaa.

Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...