ONN: Waxabajji 4,2018-Shaamboo
===================
Magaalaa Shaambuu Keessatti Ibsaan Uummatarraa Cituun Walqabatee Hiriirri Mormii Guddaan Galgala Kana Erga Qeerroo Bilisummaa Oromoo tiin Taasifamee Gadhiifamuufii Nuu Gabaasan

Guyyaa (7) toorbaaf ibsaa magaalicharraa balleessuun uummata Shaamboo dararaa kan turte wayyaaneen.

Amma sa’a kana waxabajji 4,2018 (27/9/2010) galagala sa’a 7:00 (1:00) irraa egalee mormiin qeerroof uummataa bifa qindaa’een eegale gara tarkaanfii qaama poolisiifi waajjiraalee kanneen akka waajjira Ibsaafi bulchiinsa magaalaarratti tarkaanfii eegalameen sa’a ammaa sa’a 1:50tti ibsaan ifee jira qeerroon magaalaa guutuutti dhiichisaafi “abbaan qabsoo ABO dha, abbaan biyyaa Oromoodha” jechuun OPDOn kan uummata darartu itti yaaddeeti jechuun OPDO balaaleffachuun mormii dhageessisaa jira


ONN:Waxabajji 4/2018 Godina Wallagga Lixaa Ona Beegiitti walitti Bu’iinsa mootummaan wayyaanee saboota Benishaangul Gumuziif uummata Oromoo gidduutti uumeen manneen uummata Oromoo 50 ol gubachuuf hanga ammatti namni tokko Wareegamee Afur yaalamaa jiraachuu gabaasan.

Ganama kana walitti bu’insa Lixa Oromiyaa Beegiitti shira walitti bu’insa mootummaa wayyaaneetiin uumameen uummatni Benishaanguliifi Uummatni Oromoo Ona Beegii gidduutti waliin walitti bu’insa dhalateen ilmaan Oromoo irraa namni Ashee Hasan Ahemad jedhamu wareegamee jira. Namni afur ammoo haala hammaataan miidhaan irra gahee hoospitaala Beegiitti yaalamaa jiran. Manneen jireenyaa uummata nagaa 50 ol gubatanii jiraachuu Qeerroo Bilisummaa gabaase.


ONN: Waxabajjii 4,2018-Oduu Injifannoo
======================
Har’a lola Oromoo fi Wareertoota Somaalee gidduu Baha Oromiyaa,Goodina Harargee bahaa aanaa Cinaaksaan araddoota adda addaatti ganama kana adeemsifamee ture injifannoo Oromoon goolabameera.
Aanaa Cinaaksan Araddaa Dabalweennee fi Araddaa Marar bakka jedhamanitti diinnii fi Goototni Oromoo dhukaasa walitti bananiin ,Diinni daaraa taatee,amma tana makiinaa Sadiin reeffa guuraa jirti Maakalakayaan Wayyanee.

Gama Oromoorraa namni tokkooyyuu homaa akka hin taanetu himame.
Amma diina biyyaa baasanii daangaa meeqa akka ciisisantu gabaafame.
Gammachuu fi injifannoo guddaadha.
IUOti.
Keenya oluma
Diinni keenya gaduma!


ONN: Godina Gujii
==================
Ergaan karaa keessaan nu dhaqqabe akka jedhutti “Komii Hidhamtoota Command Post Godina Gujii Lixaa Magaala bulee-Horaa Waajjira Poolisiitti Guyyoota 39 Gaafii tokko malee Dararamaa jiru kana Gurraa Uummata Oromoo Biraan Nuugahaa jedhanii Iyyachaa jiran Maqan Isaanii:-
1-Barataa:- Husein Ifaaf Diido barata wagga 3ffaa Economics
2-Bara:-magaadoo Boruu, Barataa Seeraa waggaa 4ffaa
3-Barataa:- Gadaa Burqaa, Barataa kutaa 12ffaa
4-Barataa:-Birree Roobaa, Barataa Kolleejjii
5-Sallii Aanolee, Eebbifamaa University finfinnee fi
6-Addunyaa Kaasaaye yoo ta’anu kan hiraarfamaa jiranidha” jechuun Qeerroo Bilisummaa Oromoo ONNf gabaase





ONN: Waxabajji 4,2018-Jaarsoo
===========
Haala yeroo irratti Lixa Oromiyaa Wallaggaa ona Jaarsoo keessatti haala yeroo irratti Qeerroo Bilisummaa Oromoo marii taasifachuun irbuu jaallummaas haaronfatanii jiran.

Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020