OPDOn Eenyuu?  Essaa Dhuftee As Geesse?

OPDOn Eenyuu?  Essaa Dhuftee As Geesse?

Damee Boruu: 02/26/2021

OPDO

Iaarsi OPDO jedhu yoom dhalate? Eessatti dhalte? Kaayyoo fi Akeeka maalii irratti hundeefame? Kan bu’ura isaa hundeesse eenyu akka tahan qorachuun waa’ee rakkina hiikamuu hin dandeenye OPDO fi Uummata Oromoo jidduu jiru hubachuuf nu gargaara. Ijaarsi booda kana TPLF jedhamee beekamu yaroo duraa TLF (Tigray Liberation Front) jedhee of waama ture.  Kaayyoo fi akeeki isaa bara jalqabu labsate biyya Tigray bilisoome ijaaruu ture. Akkuma qabsoon isaanii jabaachaa dhufeen mqaa TPLF (Tigray People’s Liberation Front) kan jedhutti jijjiratan.

TPLF kan ijaaramtee ijoollee Sochii Bartoota Ethiopiaa(Ethiopian Student’s Movement) keessa turaniin waan taheef ilaalcha goflaa bitaa qabu.  Warri yaroo sana kaayyoo Markisiizemii fi Leeninizemi  qabatee ka’e qabsawwanii (revolutionary) godhanii waan of fudhataniif  jecha qabsoo haqaaf fi tarkaanfataa kan tahe hundaa gargaaruu barbaadu. Yaroo Tigray keessatti hundeefaman naannoo Asambaa waraana EPRP (Ethiopian People’s Revolutionary Party) jedhamuun qabamee ture. TPLF warra EPRP fi EDU (Ethiopian Democratic Union) naannoo Tigray keessa haleelaan baafte. EPRPn finxaaleyyi sochii bartoota Ethiopia yoo tahu warri EDU immoo haracaatuu warra abbaa lafaa Mootummaa Dargii dura dhaabbatan turan.

TPLF Mootummaa Dargii iyyuu yoo cabsitee biyyaa Tigray bilisoomtee ijaaruu yookaan biyya Itoophiyaa bulchuun itti mul’achuu waan dideef fala barbaaduu jalqabde. Duraan dursitee warra EPRP irraa harcaate hafte maqaa ANDM (Amharaa National Democratic Movement) jedhuun deebistee ijaartee wajjin hojjechuu jalqabde.  Warri ANDM kun illee gareen isaanii sochii barootota Itoophiyaa keessa waan dhufaniif ilaalcha tarkaanfataa tahe akka qaban beekamaa dha.

Akkuma kana naannoo 1984 ABO wajjin hojjechuuf walii galteen wal hubannaa tokko godhanii waraana amma tokko karaa Wallagaa fidhanii waliin loluu jalqabanii turan. Haa tahu malee warri TPLF jabeessanii loluu barbaadu. Yaroo sana warri ABO hoogganan immoo sana hin barbaadan. OLAn iyyuu akka hin guddannee warra gufachiisaa turan warra akka Leencoo Lataa fi Dimaa Nogoo turan. Hojii gaafaa sana dhoksaan qabsoo bilisummaa Uummata Oromoo fi ABO irratti hojjetaa turan kunoo har’a ifatti bahanii farra bilisummaa Oromoo akka hojjechaa jiran Uummatni Oromoo ni arga. Lakkisaa uummatni keenya isin hin barbaadu jedhanii waraana TPLF isaan gargaaruu dhufe of irraa baasan.

Sana booda TPLF fala biraa barbaaduun dirqama. Bara 1990 utuu Mootummaan Dargiin hin kufiin waggaa tokko dura Tigray bakka bilisoomsiste keessatit booji’amtoota Oromoo walitti qabadee OPDO (Oromo People’s Democratic Organization) kan jedhu maqaa itti mogaafte. OPDOn kaayyoo fi akeeka dantaa Uummata Oromoo tiksuu fi Oromota haqa Uummata Oromoo ofitti fudhatanii itti amananii ittiin bulaniin hin ijaaramne.  Kan ijaaramee kaayyoo fi akeekaa halagaa tiksuuf namoota ofii isaanii iyyuu bilisummaa hin qabneen ture. Jijjirama bara 2018 dura Tigray keessatti bakka itti OPDOn ijaaramte itti OPDOn mana barumsaa ijaaratee Abbaan Dulaafaa akka deemanii eebisanii waan yaadatamu.

Akkuma seenaa irraa beekamu gabrummaan kan eegale namoota waraana irratti booji’amniin malee bifa namaan miti. Namni adiinis bara gabra tahaa turte jira. Yaroo warri Awuroopaa gabrummaa biyyaa lafaa irratti diriirfatan immoo biyyi Afrikaa, Ashiyaa fi Ameerikaa Kaabaa fi Kibaa walii gala akka biyyaatti garbummaa jala turanii qabsoo bifa adda addaan bilisa bahaa dhufan. Kanaaf eegaa waan guddaa hubatamuu qabuu ijaarsi OPDO bilisa tahe mataa isaan kan murteesse hojjetu hin qabu ture. Akeekni hundee ijaarsa OPDO bitaa yookan bulchinaa TPLF Uummata Oromoo irratti diriirfatu mijjeessuu dha. Kanaafuu yaroo hundaa wal gahii OPDO irratti bakka bu’aan TPLF taa’ee hubachuu fi qajeelfamaa kenuuf qaba.

Caamsaa 1991 Kononel Mangistuu Haayile Mariyaam maatii fi miseensota Dargii 50 fudhatee gara Zimbaabwee frinxiixee yaroo baqatee biyyaa bahu waraanni TPLF Finfinnee marsee jira. Baatii dhuma kana keessa Konferensiin magaala Londoon keessatti kan Mr. H. Cohen (Assistant Secretary of State) hooganu OLF, TPLF, EPLF fi bakka bu’aa Mootummaa Dargii wajjin godhame. EPLF Eritera bilisoomtee qabatee jirti. Waarraanni Dargii waan faca’ee jiruuf bakka bu’aan Mootummaa Dargii waan gaafachuu danda’an hin jiru. Humni OLF illee guddaa hin turre.TPLF Finfinnee seentee akka tasgabeesitee baatii sadii keessatti Mootummaan cehumsaa dhaabbatu waliif galame. OLF fi TPLF jidduu sababa OPDO jirtuuf rakkoon jalqabaa kaase haa jiraatu malee marii taasisan sana irratti dhimma saba tokko ilaalu keessa hin galu jedhanii walii galanii turan.

Yaroo Mootummaan cehumsaa dhaabbatu OLF ministrii sadii akka hooganu godhamee ture. Sana keessa tokko Ministrii barnootaa ture. Waan bu’aan guddaan Uummata Oromoof argame keessa Afaan Oromoon barachuu, kitaabota Afaan Oromoo qopheessu, aadaa fi Seenaa Oromoo deebisan ol kaasuutu mul’ata. Akkuma kana illee Uummata Oromoo ifatti waa’ee eenyummaa isaa dammaqisuu fi ijaaruu yaroo gabaabaf illee tahuu ayyaanni argamee ture. Mootummaa cehumsaa kana keessatti waan guuddaan argame keeyata 39 (article 39) hiree of murteefachuu kan jedhu sabaa fi sab-lamii Itoophiyaa kan waltii fidu argamuu dha.

Utuu fagoo hin deemne TPLF waan OPDO ijaaratee jirtuuf OLF mootumaa cehumsaa keessaa diibdee baasuu filate. WBOn akka kaampii galu gootee malaan itti marsitee fixe. Warra baqate akka bineensaa adamsite galaafataa turte. Kaan immoo mana hidhaa Hursoo fi Dhidheessaa keessatti ukkaamsitee akka dhukkubnii fi buusaan fixu goote. Qabsawwan Oromoo warra akka Nadhii Gammadaa fi Guutamaa Hawoosi uummata isaanii wajjin qabsaawwuuf gara Balee yaroo filatan Warri abbaa garaa warri akka Leencoo Lataa fi Diimaa Nogoo WBO kaampii galshanii erga ficisiisanii booda  paas portii dipiloomaasiin fudhatanii karaa Bolee ala bahanii akka qabsoo Oromoo takaaluu itti fufan ergaman.

Mootummaan EPRDF yaroo bu’reefamu Oromiyaan naannoo tokko taate OPDOn mootummaa naanoo Oromiyaa akka bulchitu tahe. Biyya Oromoo seenuuf duraa kaase waraanni TPLF warra OPDO Afaan Oromoo dubbatu of dura oofee deemaa ture. Presidantiin tahee Oromiyaa kan 1992-1995 bulchaa ture nama Hassen Ali jedhamu ture. Namni sun akkuma aangoo gadhiiseen biyya sanaa irraa bahee gara Ameerikaa baqatee waan hafeef waa’een isaa baayyee kan dhaga’amu hin jiru.

Bara 1995 amma 2001 namni presidantii Oromiyaa ture nama Kumsaa Damaksaa jedhamu.  Namni kun maqaa Oromoo mogaafate malee maqaa dhaloota isaa miti. Dhalootanis ilma nafaxanyaa Illuu Abbaa Boraa akka tahe komatama. OPDOn irraa guddaan warra Akka Abbaa Dulaa maqaa sobaan deemaa akka jiran beekamaa dha.  Qabsoo keessatti maqaa of mogaasuun waanuma jiru. Kan OPDO garuu waan Kaayyoo ijaarsa hin qabnee nama Afaan Oromoo dubbatu malee nama Oromoo tahee haqa Oromoo dhaabbatu barbaachisaa hin ture. Kan barbaadamu kan akeeka TPLF bakkaan gahu ture. Nama akka Erimiyaas Lagasee Ethio 360 Oromummaan dhabamuu qaba jedhutu miseensa OPDO olaanaa ture.

Baraa 2001 amma 2005 presidantiin Oromiyaa nama Junediin Saddoo jedhamu ture. Bara bulchaa isaa kana keesaa Oromoo sababa adda addaan gargarbaasuun baayyee babal’atee ture jedhamee oddesama. TPLF yaroo barbaadu OPDO Finfinnee keessaa baafte gara Adamaa ergiti. Yaroo warri nafxanyaa Finfinnee keessatti ishee rakkisan immoo Finfinneen abbaa qabdi jettee OPDO gara Finfinnee akka deebitu gooti.

Bara 2005 amma 2010 presidantiin Oromiyaa Abbaa Dulaa Gmmadaa ture. Booj’iamtoota Oromoo keessa warra filatamanii B. Jennerala tahan Abbaa duulaa Gammadaa, Biraanuu Julaa fi Baacaa Dabalee turan. B. J. Baacaa Dabalee yaroo soorata irraa waamamee akka gara Tigray duulu gaafatamu “warri haaluu bahu barbaadan na duukaa kootaa” jechuun isaa kan yaadatamu. TPLF irraa aarii guddaa akka qabaachaa ture agrsiisa. Abban Duulaa waan Malasaa gargaaruuf waan hojjetu sodaa malee hojjetu jedhama. Warri kaan waan hojjetan maraaf TPLF irraa eehama argatan malee hojii tokko mataa isaaniin raawachuu ni sodaatu jedhama.

Namoota saboonnumaa Oromoo qabanii fi baratan keessaa dura kan utuu hin booji’amnii fedhiin OPDO keessa yaroo duraa seene Dr. Nagaasoo Gidadaa ture.  Dr. Nagaasoon Tokkummaa Bartoota Oromoo Awuropaa (TBOBA) ijaaree bara dheeraaf OLF wajjin hojjechaa ture. Booda keessa waan Ijaarsa Bartoota Oromoo Awuroopa (TIOBA) Mee’esoon wajjin hidhatama qabuu jedhamanii warra komataman wajjin yaada tokko taana jedhuun TBOBA keessaa ari’ame. Sana booda Warra Ijaarsa Bilisummaa Saba Oromoo ( Oromoo People’s Liberation Organization) hundeesse keessa nama tokko ture. Bara 1991 jalqaba bakka waraana TPLF deemee Malasaa Zeenawii wajjin erga wal quunnamee booda Malasaan qabsawwaa waan taheef wajjin hojjechuun ni danda’ama jedhee IBSO keessa bahee OPDO itti dabalame erga warri OLF mootummaa keessaa bahee Ministeera beeksisaa tahee jira. Bara 1995 amma 2001 prezedantii Itoophiyaa ture.  Dhuma irratti Malasaatiin ammoo fooliin kee Dargii Dargii jechaa jirra jedhee wal gahii isaa dhiite bahee ijaarsa siyaasaa waan seeneef tajaajila argachuu qabu irraa sarbamee yaroo dheeraaf rakkachaa ture. Erga TPLf aangoo irraa buute OPDOn tajaajila isaa sarbame deebisteef ture. Haa tahu malee bara 2019 boqotee jira.

Bara 2010 amma 2014 Prezedantii Oromiyaa kan ture nama Alamayoo Atoomsaa jedhamu ture. Akka oddeessamu yoo tahe namni adda duran ergaa TPLF didee fi Saammichi qabeenya Uummata Oromoo irratti godhamaa jiru akka dhaabbate murti godhatee dura dhaabte nama kana jedhama. Kanaafuu summii isa nyaachisanii yaroo gabaaba keessatti akka lubbuun isaa darbu godhame jedhama.

Bara 2014 amma 2016 namni prezedantii Oromiyaa ture nama Muktar Kaadir jedhamu ture. Namni kun beekumsaa fi dandeetii biyya bulchuu tokko hin qabu jedhama. Garuu TPLF warra jiran keessa baayyee amanamaa waan taheef aangoo guddaa kana argachuu danda’ee jira. Bara kana keessa qabeenyi Uummata danutu saamame. Ilmaan Oromoo hedduun hidhaa fi ajjeechaan dhabamanii jiru jedhama. Muktaar kana irratti namni baayyeen gaddee jira.

Bara 2016 amma 2019 namni prezedantii Oromiyaa ture nama Lammaa Magarsaa jedhu. Lammaa Magrsaa bara qabsoon Bilisummaa Uummata Oromoo jabaachaa fi humna horachaa dhufe keessa gara aangoo dhufuun akkuma Alamayoo Atoomsaa ajaja aangoota TPLF irraa dhufu diduu jalqabe. Uummatni Oromoo kan buluu qabu namoota ofii isaa filateen malee ajaja olii irraa dhufuun miti jedhee ejjennaa fudhate. TPLF bara baraan OPDO akka calii kan ofirra naannesaa jirtu utuu barbaadee jiraatee Obbo Lammaa kana illee achi irraa gatuu dandeessi ture. Garuu qabsoon Uummata Oromoo waan itti muddaa dhufeef akka durii sana OPDO dorsisuu fi sodaachisuun akka ishee hin baafne TPLF illee waan hubate fakkaati. OPDO keessas warri Obbo Lammaa tumsaan baayyachaa waan dhufaniif mootummaan EPRDF of qaruu filate.

Qabsoo Uummata Oromoo wajjin diddaan OPDO dabalamee bara 2018 keessa akka MM Haayile Mariyam Dasalenyi fedhii isaan aangoo gadi dhiisu tahe. Yaroo sana keessa namni achi jiraan isaa dhagamee hin beekne Kononeel Abiyi Ahmed jedhamu ijaarsa EPRDFiin akka MM tahu muudame. Yaroo kana keessa saamsi, hidhaa fi ajjechaan Uummata Oromoo irratti kalatii fi alkaalatiin itti jabaachaa jira. Haa tahu iyyuu malee akkaataa deemsa Obbo Lammaa Magarsaa irraa kan ka’e qabsawwan Oromoo dogongoruun amma “bilisoomnee jirra”, “ilmaan abbaa Gadaa masaraa Minilki seenanii jiru” jedhanii qabsoo Qarree fi Qeerron kuma shanii ol dhiiga itti dhangalaasanii fi qaama ittii hir’atan akka gara darbu tahe. Obbo Lammaa Magarsaa “gooftaan koo Uummata Oromooti” jechaa akka daganu nu godhe.

Koneneel Abiyi waangoo hoolota keessaa tahee argame. Gaafa Wayyaane wajjin ture nama gaaduu fi gantuu tahe adda duraan hojjechaa ture. Namni ilmaan Oromoo irraa harkaa fi milaa ciraa ture isa. Kan biyya olaa fi biyya keessa deemee qaroo ilmaan Orooo akka bineensa addamsee fixaa turu isa. Tumaatii, hidhaa fi ajjeechaa ilmaan Oromoo irra gahaa tureef kan adda duraan itti gaaftamuu qabu Geetachew Asefaa utuu hin kononeel Abiyi Ahmed tahuu qaba. Abiyi Ahmed buluguu dhiiga ilmaan Oromoo dhugaa jiraatee fi dhugaa jiru. Kan har’a isa maraachaa jiru dhiiga ilmaan Oromoo akka tahe mamiin hin jiru.

Obbo Lammaan bakka mataa isaa dabarsee aangoo akka qabatu godhe. Obboo lammaan “Anaa fi obboleesa koo Abiyi kan gargar nuu baasu du’a duwwaa dha “jedhee utuu waakkatuu miila isaa lamaan jalaa buute sareef kenne. Kononeel Abiyi nama safuu hin beekne fi sabii hin qabne bulguu dha. Waan isa dura jiru hundaa irraa baabura oofee ofii jiraachuu barbaada. Waan TPLF dhoksaan nama ukkamsaa fi ajjeessaa turte har’a guyyaa waaree saafaa gochaa jiru. Ilmaan Oromoo tasa achi buuteen isaani hin beekamne warra akka Nadhii Gammadaa fi Dabasaa Guyyoo kan itti gaafatamu nama gaaduu fi gantuu tahee hojjechaa ture kana. Warra akka Haacaaluu Hundeessaa fi kumaata hedduu ija keenya duratti ajjeefaamaa jiraniif illee kan add duraan itti gaafatamu isuma.

Waan TPLF wajjin waggaa 27 dhoksaan hojjechaa ture xiqqaate bara aangoo olaanaatti Uummatni Ormoo ilmaan isaa kumaataman itti wareege ol isa baase utuu jiruu Uummata Oromoo waggaa komaaf of duuba deebisuuf akeeka qabu ifa godhee. Lafee Mootii nafxanyootaa lafee keessaa yaasee siidaa ijaareef jala foqoqaa bula. Oromiyaa irratti komandii postii labsee ilmaan Oromo irratti summii roobsuun lubbuu beeladaa fi namaa galaafataa jira. Kan TPLF takkaa gootee hin beekne Uummata Oromoo xiyyaaran barbadeessa. Qotee bulaan Oromoo akka beelaan dhumuu gochuuf qabeenya qonaa ciruu fi ibidaan gubuu hojii godhatera. Garaa jabeenya hiriyyaa hin qabneen jaarsa, jaartii, daai’maa fi dubartii ulfaa ajjeessuun Oromiyaa keesatti hojii fardii tahee jira.

Qabeenya Oromoo saamuun, Uummata Oromoo qee’ee isaa irraa buqqisuun, abbaa barbaade ajjeessuun, abbaa barbaade hidhuun Oromiyya naannoo gaddaa fi booyichaa godhaa jira.  Mana wajjin beeladaa fi nama gubuun yaroo duraaf taatee mul’ate. Mana keessaa baasee kan nama ajjeessu malee maaliif akka nama ajjeessan waan beekamu hin jiru. Nama hidhamee seera jala jiru mana hidhaa keessaa baasanii ajjeessuun maaliif akka barbaachisaa tahe hin beekamu. Warra kumaatamaan mana dhunfaa, mana barnootaa, warshaa fi mana hidhaa adda addaa keessatti dararamaa jiran namni gaafatu hin jiru. Mana seeratti dhiyaachuuf ayyaana hin qaban. Warri dhadachi akka hiikaman jedhee gadhiisu pooliisiin gadhiisaa hin jiru. Mana hidhaa tokko bakka biraa nama naaneessuun yakka hiriyyaa hin qabne raawwachaa jiru.

Bara 2019 kaasee amma har’aa namni maqaaf prezedantii Oromiyaa tahee jiru nama Shimalis Abdisaa jedhamu nama rata’aa fi gadadoo tahe akka tahe ifa jira.  Kononeel Abiyi duuba deemee koboortaa baachuu irraa nama aangoo prezedantii Oromiyaa tahee of walaale. Shimalis Abdiisaa nama umurii isaa guutuu prezedantii tahuuf deemu itti fakkaata. Isa miti gooftaan isaa Kononeel Abiyi iyyuu tahaa hin jiru. Cubbuu inni Uummata Oromoo irratti raawwachaa jiru utuu namnuu dhiifama isaa godhee Waaqayyoo ibida mataa isaa irra buusee isa guba.

Artistii kabjamaa fi jalatamaa Haacaaluu Hundeessa eenyu akka ajjeesse Uummatni Oromoo bareechee beeka. Gumaa Haacaaluuromoo ni baafata. Garuu Shimalis Abddisaa utuu poolisiin qoratee Abbalutu ajjeesse hin jenne afaan banee“ Haacaaluu Shaneetu ajjeese “ yaroo jedhuu  dhugatti Haacaaluu kan ajjeesse gooftaa isa jaakeetaa baatuuf akka tahe nuuf himaa jira. Haacaluu ajjeessanii ilmaan Oromoo qaroo tahan ajjeessuu fi mana hidhaa keessatti uguranii aangoo dheerefachuun waan fakkaatu miti.

Akkuma jalqaba irratti kaafne OPDOn kaayyoo fi akeeka siyaasaa bakkaan gahuuf irratti hundeefate hin qadu. Kan hundeesse TPLF booji’amtoota Afaan Oromoo dubbataniin akka tahe agarreera. TPLF Meesha itti biyyaa Oromoo saamtuu fi bulchitu ijaarate malee ijaarsa Uummata Oromoof bu’aa buusu hin ijaarre. Sababa kana irraa kan ka’e Uummatni Oromoo OPDO maxxannee jedhee waamaa ture. Akka Uummatni Oromoo isaan tufatu waan beekniif maqaa ODP (Oromo Democratic Party) mogaafachuun waan yaadatamu. Kan jijjiramuu qabu kaayyoo fi akeekaa qaban malee maqaan OPDO fokkisaa tahee miti. Innuu hafe OPDO diiganii akka PP (prosperity Party)of haa mogaasan malee dhugaan jiru Poverty Party akka tahan gaaffii hin qabu.  Tasa iyyuu caasaa ijaarsaa OPDOn qabdu diigan jeequmsaa fi burjaajina ummanii biyya waliin laaqaa jiru.

OPDOn of dandeessee miila lamaan dhaabbachuu hin dandeessu. Sababni kunis burqa hundee ijaarsa ishee irraa madda. Giiftii ishee kan ishee uumee waggaa 27 ishee dhamsaa ture Uummatni Oromoo irraa buqqisee yaroo darbu gooftaa biraa barbaachaa OroAmaraa kan jedhu jala dhokachuuf filate. Uuummata Oromoo jalaa gara warra nafxanyootaa baqachuun waan nagaa argatu itti fakkaate. Har’a warra nafxanyaa fi Ezemaatu Kononeel Abiyi gatiitii itti baatee gara hallayyaa geessaa jira.Gorsitoonni isaa  warra harcaatu Dargii kan akka Kaasaa Kabadee, Shimalis Mazengaa, Dawit Waldegoorgis fi harcaatuu EPRP warra akka Dr. Birhanu Nagaa, Andargaachew TSigee fi Diyaaqonni Daani’el Kibret yoo tahu Uummatni Oromoo warra kana irraa waan nagaa fi isa gargaaruu eegachuu hin qbu.

Har’a Kononeel Abiyi warra TPLF warra isa guddise junta jedhee addunyaa kana irraa balleessuu barbaada. Garuu isa dabbalate juntaan Oromoo Sibaati Nagaa wajjin mana seeraatti dhiyaachuu qabu Abbaa Duulaa Gammadaa, B.J. Birahu Julaa, B.j. Baacaa Dabalee, Kumaa Damaksaa, Girmaa Birruu, Diribaa Kumaa, Aster Mamoo, Muktar Kaadir, Dr. Alemu Simee akka tahan dagatamuu hin qabu. Haa ooluu bulu malee akkuma kana warri buchulaa junta kana tahan Adisuu Aragaa, Addanechi Abebee, Shimalis Abdisaa, Takalee Uumaa, Awaluu abdii, Tayee dandena, Getachew Balchaa fi Faqaduu Tasamaa Qilnxxoo of qopheessuu qabdu.

Xumurraa irratti:

  1. qabsoon bilisummaa akka qawwee malee xumura argachuu hin daneenye hubtamee Uummatni Oromoo karaa danda’u maraan WBO jabeefachuu qaba. Wabiin bilisummaa Uummata Oromoo WBO qofa akka tahe jala sarree beekuu qabna.
  2. Ilmaan Oromoo qawwee diinaa baachaa jiran: Milishaan, poolisiin Oromiyaa, humni adda Oromiyaa fi RIB keessa jirtan qawwee keessan diinatti galgalchaa. Lammaffaa uummata keessan ajjeessuu keessaa qooda hin fudhatiina. Waraanni Abiyi akka waraana Mangistuu faca’uuf deema. Akka karaa irratti facaatanii kadhatu hin taane gara uummata keessaniitti baqadhaa.
  3. Seenaa bara 2018 lammeessuu Uummatni Oromoo bal’aan karaa mootumman kun irraa deemu doomsuu fi gufuu itti tahuu qabna. Karaa cufuu, gabaa lagachuu, gibira baasuu diduu barbaachisaa yoo tahu waan hiriira ilaalatu akka lubbuun nama tasa hin dabarreen mormuu qabna.
  4. Ilmaan Oromoo mana hidhaa keessatti nyaata lagannaan tahe sana ala dararamaa jiran karaa nageenyi isaanii amansiisaa taheen akka gad lakkisaman qabsa’uu qabna.
  5. Uummatni Oromoo waan hunda duraa biyyi ddigamee jeequmsi hin dhalatiin Mootummaa Cehumsaa Biyyoolesa Oromiyaa hundeefachuu qabna. Filmaata PPiin afufaa jirtu kana keessa qooda fudhachuu gonkumaa barbaachisaa miti. PPiin waggaa 50 gara boodaa nuu deebiftee nafaxnyootaa mataa Uummata Oromoo irratti ol baasuuf karoora ishee ifaa fi ifatti jalaa fashalsiisuu qaba.

Gadaan Gadaa Bilisummaa Ti!
Injifannoo Uummata Oromoof!

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.