Oromiyaan nagaa argachuuf Mootummaan Ce’umsaa Oromiyaa ijaaramuun dirqama

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Fulbaana 27/2020

qeerrooQabsoon Bilisummaa Oromoo baroota hedduuf geggeeffamaa ture dhiibbaa mootummaa abbaa irree dhufee darbaafi dhiibbaa michoota mootummichaan, akkasumas kanneen dantaa isaanii eeggachuuf jiraataniin galma barbaadamu akka hin geenye danqamaa har’a ga’eera. Haaluma ulfaataafi walxaxaa keessatti wareegamni guddaan kaffalamee injifannooleen haga ammaatti argamanis kan hin tuffatamnedha. Bara 1991-1992 Addi Bilisummaa Oromoo chaartera seenuun jiraachuu Oromoofi Oromiyaa har’aaf sababa ta’uu bira darbee hubannaa uummanni keenya haga ammaatti argatee qabsoo isaa geggeeffataa jiruuf utubaa guddaadha jennee amanna. Waggoota 27 keessatti qabsoon uummataa dhawaataan jabaatee mootummaa abbaa irree hudhee qabuun sirni bulchiinsa ADWUI fudhatama akka hin qabne addunyaaf mirkaneessee mootummichas amansiisuun keessoo isaatti haaromsa akka godhu taasifamee jijjiiramni kabeebsaan kan gaaffii uummataa fi akeeka Qabsoo Bilisummaa Oromoo deebisuu hin dandeenye uumamee ture. Jijjiiramni kabeebsaa kun “dirree dimokiraasii baballisuun deebii gaaffii uummataatiif karra saaqa” jedhamee abdatamee tureera. Haata’u malee, qaama ‘hoggana jijjiiramichaa’ jedhamuun guyyaarraa gara guyyaatti mirga sabootaa sarbuun ajjeechaafi hidhaa jumlaan geggeeffamee, paartileen siyaasaa sochii irraa danqamanii, miidiyaaleen ugguramanii abdiin saboota biyya kanaa akka hongaa’uufi adeemsi dimokiraasii akka gufatu taasifamaa har’a ga’e.

Akkuma hunduu quba qabutti yeroo ammaa kana Oromiyaafi Oromoon haala yaaddessaa keessa jiru. Haala amma deemamu kanaan egereen Oromiyaa fi lammiilee Oromiyaa yaaddessaa akka ta’e namuu hubachuu danda’a. Hogganoonni paartilee siyaasaa Oromoo irra guddaan badii malee hidhamanii jiru. Bakka bu’oonni dhaabota siyaasaa kanneen dhaaba isaanii bakka bu’anii filannoorratti hirmaatu jedhamee qopheeffame aanotaafi godinootarra jiran hedduun mana hidhaatti argamu. Ajjeechaan jumlaan sababa mootummaa biyya bulchu hin deeggarre qofaaf uummata Oromoo irratti raawwachaa jira. Abdiin ce’umsa gara dimokiraasiitti tumsa qaama biyya bulchuun taasifamuuf uummanni qabaachaa ture golgolaa’ee akka jiru haala jirurraa hubachuun ni danda’ama. Kun utuu kanaan jiruu qaamni “biyyan bulcha” jechaa jiru kun bara bulchiisa isaa fixatee Fulbaana kana booda mootummaan seerawaan biyya kana akka hin jirre heera biyyattiitu hima. Akkuma argaa jirrummoo murni ‘biyyan bulcha’ jedhu kun humna waraanaafi tikaa fayyadamee aangoo isaa dheereffachuuf wayita abbalu mul’ata. Gocha kana uummanni keenya akka hin fudhanne qabatamaan agarsiiseera.

Yeroo barri bulchiinsa mootummaa abbaa irree kanaa dhumatee jirutti, yeroo murni aangoo dheereffachuu barbaadu nageenya biyyattii booressee waliin dhahaa jirutti, filannoon haqaa haala barbaadamuun akka hin geggeeffamne qaama aangoorra jiruun taasifamaa yeroo jiru kanatti Mootummaa Ce’umsaa Oromiyaa ijaaruun dhimma fardii ta’ee mul’ata.

Mootummaa Ce’umsaa Oromiyaa ijaaruun barbaachisaa akka ta’u kan taasisan haalota hedduutu jiru. Isaan keessaa akka fakkeenyaatti kaasuuf:

  • Biyyi kun sirna wal fakkaataafi bulchiinsa waloo qabaachuu dhabuusheeti. Kana yeroo jennu, Naannoon Tigiraay humna ofii ijaarrattee filannoo mataa ofii geggeeffachuun mana maree mataashee hundeeffattee jirti. Har’a Tigiraay bifa kamiinuu qaamni fedhe itti seenee akka fedhe gochuu hin danda’u. Mirga hiree murteeffannaa saba ofii kabachiifatanii jiru.
  • Naannoon Amaaraa gaaffii bu’uuraa sirni mootummaa kanaa dhiibbaa irratti gochaa jiru hin qaban. Mootummaa federaalaa dhuunfatee kan bulchaa jiru caasaa mootummaa naannoo Amaaraati jechuun ni danda’ama. Fedhiin isaanii sirnaan guutamaa waan jiruuf yaaddoo homaatuu qabaachaa akka hin jirre hubachuun ni danda’ama.
  • Saboonni akka Affaar, Gambeellaa, Benishaangul Gumuz fi kkf “mootummaan kun fedhii keenya nuuf guuta” jedhanii eeggachaa waan jiran fakkaata. Kana keessatti saboonni akka Sidaamaa, Walaayittaafi Somaalee mirga isaaniif falmachaa akkuma jiran mootummaan keessa seenee hacuucaa jiraachuun beekamaadha. Isaan kana PPn daldala siyaasaaf itti fayyadamee addunyaatti mullisa.
  • Oromiyaan dirree waraanaafi jeequmsaa taatee Oromoon nagaa dhabee yaaddoon jiraata. Hogganoonni siyaasaa Oromoofi ilmaan Oromoo kumoota hedduun lakkaa’aman mana hidhaatti dararamaa jiru. Ilmaan Oromoo Walloo irratti duulli walitti fufaan geggeeffamaa jiru akeeka Oromoo cabsuuf deemaa jirudha. Saamichi guddaan ajaja Abiy Ahimediin geggeeffamu Oromiyaa keessatti qote bulaafi daldaltoota Oromoo irratti raawwataa jira. Xiyyeeffannaan guddaan Oromoo cabsanii Oromiyaa dhuunfachuuf geggeeffamaa jira.

Haala kanaan itti fufnaan egereen Oromiyaa yaaddessaa kan ta’eefi eenyummaan Oromummaa dhabamuuf kan hojjetamaa jirudha. Kana waanta’eef, Oromiyaa diinarraa baraaranii Oromummaa jiraachisuuf Mootummaan Ce’umsaa Oromiyaa ijaaramuu qaba jennee amanna. Mootummaan Ce’umsaa Oromiyaa ijaaramee bulchiinsi Oromiyaafi nageenyi Oromiyaa mootummaa ce’umsaa Oromiyaatiin geggeeffamee nagaan erga bu’ee booda filannoon haqaa geggeeffamee Oromoon mootummaa mataasaa kan ofii ijaarrateen akka bulu gochuun fardiidha. Kana gochuuf ibsa ABOn Fulbaana 13/2020 baase qaamni dhimmi isaa ilaalu hojiitti akka hiiku asumaan gaafanna. Kanuma waliin Qeerroon Bilisummaa Oromoo Mootummaan Ce’umsaa Oromiyaa akka ijaaramu tumsa irraa eegamu akka raawwatu ibsuu barbaanna. Uummanni Oromoo yaada kana ofitti fudhachuun hojiirra oolmaasaaf akka hojjetu abdii qabna.

Hayyoonni Oromoo biyya keessaafi ala jirtan Oromiyaa dhabama irraa oolchuufi Oromoo jiraachisuuf ogummaafi beekumsa qabdaniin Mootummaa Ce’umsaa Oromiyaa ijaaramuuf tumsa barbaachisu akka gootan gamanumaan waamicha isiniif dhiyeessina. Dhaabbileen hawaasaa adda addaa kan biyya keessaafi ala jirtan deeggarsa barbaachisu gochuun saba keessan akka baraartan dhaammanna.

Maayiirratti, Oromiyaan nagaa argachuuf Mootummaan Ce’umsaa Oromiyaa ijaaramuun dirqama akka ta’e hubachuun qaamni “dhimmi Oromiyaa na ilaala; nageenyi biyyattii na ilaallata” jedhu tumsa barbaachisu gochuu qaba. Nageenyi waaraan argamee gara filannoo haqaatti deemuun mirgi hiree murteeffannaa saba Oromoo akka mirkanaa’u gochuuf hojjechuun dirqama lammiilee maraati. Qaamni humna waraanaafi tika biyyaa qabatee aangoorra jiru humna qabu fayyadamee aangoo isaa dheereffachuuf kan itti deemu yoo ta’e Qeerroon Bilisummaa Oromoo ammumarraa qophii akka godhuufi uummanni keenyas mirgasaa kabachiifachuuf mirga akka qabu beekuun of qopheessuu qaba.

Injifannoo Uummata Oromoof!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Fulbaana 27/2020
Finfinnee, Oromiyaa.

Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...