Oromo Protests Continues – July 19, 2020

blank


How Oromo pedestrians are treated on the streets of Finfinne? This video is an example




Source: Irbuu Shinniiggaa

Abiy Haamad sirna abbaa irrummaa Itoophiyaa irratti diriirsuuf irriba dhaba. Kanaaf sagal Asmaraatti deddeebi´a. Moodeela sirna abbaa irrummaa Asmaraa jiru Shaggaritti fidee hojiirra oolchuuf dhama´a. Waan namni kun hubachuu dadhabe tokko itti himna. Moodeelli abbaa irrummaa Isaayaas Afawarqii kan Asmaraatti hojjete Itoophiyaa irratti, keessattuu Oromiyaatti gonkumaa hin hojjetu. Sababa isaa ibsuun ni danda´ama.

Isaayaas maaluu yoo tahe qabsoo ummata Eertiraa sirna Nafxanyaa jalaa bilisa baasuuf godhame hogganee injifatee aangoo qabate. Kanaafuu hangamuu abbaa irree gara jabeessa tahullee, kaleessa qabsoo waggaa 30 keessatti tarree duraarra dhaabatee lolee lolchiisee Eertiraanota sirna Nafxanyaa jalaa baase. Kanaaf jecha lammiin biyyattii hangamuu yoo isa morme keessoo isaatti garuu Isaayaasiin ni kabajaan. Sana qofa miti. Ummanni Eertiraa lakkoofsaan xiqqoo dha. Humna waraanaa fi polisaa heddumminaan leenjisuun ummata kana ukkaamsuun ulfaataa hin tahu.

Gama Itoophiyaatti yoo deebine garuu seenaan jiru guutuutti kan Eertiraa irraa adda. Abiy OPDO dha. OPDO jechuun ammoo seenaa qabsoo Oromoo keessatti maqaa badduu dha. Wayyaanee jalatti guddatee ummata keenya fixaa fi ficcisiisaa as gahe. Seenaa qabsoo Oromoo keessatti gahee diinummaa malee gahee firoomaa hin qabu. Gurmuun isaa kan silaa seeratti dhihaatee adabamutu masaraa seene. Ummanni Oromoo nama Abiy jedhamu maqaa eega dhagahee reefuu waggaa 2 yookiin 3. Injifannoo qabsoo Oromootiin argame saamee aangoo ittiin qabate. Onnee ummata Oromoo keessatti diinummaadhaan beekama. Har´a ammoo caalaatti diinummaa isaa hammeessee agarsiisaa jira. Hayyuu Oromoon jaalattuu fi jala yaatu guuree hidhaatti naqeera. kaanis ajjeeseera.

Namni akkasii abbaa irree tahee humna qawweetiin saba guddaa kanarra bubbuluu hin danda´u. Yeroodhaaf nama ajjeesuu, hidhuu, ukkaamsuu fi hiraarsuu ni danda´a taha. Garaaf bultoota Afaan Oromoo dubbattu hagoo qabatee ittiin Oromoo burjaajessuu kajeela taha. Akka Isaayaasittin Itoophiyaa dhiitee bulcha jedhee hawwuus ni mala. Afaaniin tokkummaa Itoophiyaa lallabaan Oromoo fi Amaara gidduutti ibidda qabsiiseen Amaara qabadhee Oromoo dhaha jedhee fiigaas jira. Kun garuu fagoo hin deemu. Oromiyaa keessatti Oromoo qofa osoo hin taane dachiin Oromiyaa illee isa tufteetti. Umriin isaa gabaabduu dha. Gorsi inni Isaayaas irraa fudhatee Oromoo irratti raaw´achuuf fiffiigaa jiru kan umrii aangoo isaa dheeressu osoo hin taane kan gabaabsuu dha.

Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

blank

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

PM Abiy Ahmed says African Americans live in the past

PM Abiy Ahmed says African Americans live in the past In the first part of this video, Ethiopia’s Prime Minister Abiy Ahmed Ali (Nobel Peace...

The Oromo Demand: The Removal of Statues of Menelik II

The Oromo Demand: The Removal of Statues of Menelik II By Leenjiso Horo, July 5, 2020 Today in the United States of America, the statues of...

Breaking news: mass murder in Ambo

Disturbing picture from Ambo where Hachalu was buried today. Unknown number of unarmed youth were assassinated by Abiy soldiers today. July 2, 2020 Via Qaanqee...