Peresedaantiin Ameerikaa hogganoota NATO waliin mariitti jiru jedhan

Peresedaantiin Ameerikaa hogganoota NATO waliin mariitti jiru jedhan

Keelloo: Waxabajjii 7,2021

Biden NATO
Suuraa: Peresedaantii Ameerikaa, Joe Biden, fi hoggana waraanaa NATO Secretary General Jens Stoltenberg, miidiyaa hawaasaa irraa

Dhimma sarbamiinsa Itoophiyaa keessaa ilaalchisuun Ameerikaan NATO waliin mari’achaa jiraachuun himamaa jira.

Ameerikaan sarbama mirga namoomaa Itoophiyaa keessaa dhabaabsisuuf biyyattiin garaa marii siyaasaatti akka deemuu qabda gaafataa turte.

Kana gochuun ala hariiroon Itoophiyaa waliin Ameerikaan qabdu rarraa’aa ta’uu kan ibsu qoqqobbiin Ameerikaa tibba darbee, dhorkaa Visaa kaardii fi eegumsa nageenyaa gochuufii dhaabuu ishee ibsiteetti.

Kana malees Ameerikaan meeshaa waraanaa mootummaa Itoophiyaaf kan hinkennine ta’uu ibsuun michoonni ishee Idil Addunyaas tarkaanfii fakkaataa akka fudhatan waamicha dabarsitee turte.

Labsii Ameerikaa kana Itoophiyaan kufaa taasiftee turte. Yaadoti gama aangaa’ota Itoophiyaan dhimmicha ilaalchisuun lakkifamaa turan Ameerikaan biramadummaa Itoophiyaa keessa seenaa jirti, dhimma keessoo biyya keenyaa keessaa harka ha fudhattu jedhan.

Waraanni Eertiraa Itoophiyaa keessaa akka bahu kan gaafatte Ameerikaan ammoo qoqqobbii ishee kanaan badii raawwataa jiran beekanii qondaalonni mootummaa Itoophiyaa biyyattii gara nagaatti fiduuf marii siyaasaa biyyoolessaa akka gaggeessaniif labsicha baasuu ibsite.

Yoo sana kan didan ta’e tarkaanfiin dabalataa itti aanu Itoophiyaa irratti Ameerikaadhaan akka fudhatamuu jirus ibsiteetti.

Tarii mariin tibbana dhimma Itoophiyaa ilaalchisuun waraana addunyaa irratti beekamtii qaban NATO waliin taasisaa jirtu waraana gara Itoophiyaa fi Eertiraatti bobbaaduufi yaadni jedhu deddeemaa jira.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.