Poolisiin ajjeechaa shamarree Haayimaanot Badhaadhaaf warra shakkaman afur to’achuu beeksis

Haayimaanot Badhaadhaa
(BBC Afaan Oromoo) — Komishiiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee shakkamtoota afur ajjeechaa shamarree Haayimaanot Badhaadhaa kan Kolleejjii Fayyaa Hospitaala Xuqur Anbassaatti digrii lammaaffaa barataa turte keessaa harka qaban jedhe to’annaa jala oolchuu beeksiise.

Shamrree kun Kollejjii Fayyaa Hospitaala Xiqur Anbassaatti digrii lammaaffaa barataa kan turte yoo ta’u, guyyaa Wiixata, Caamsaa 25, 2020, hojii qorannootiif laaboraatoorii keessa turte keessatti ajjeefamte.

Poolisiin magaalaa Finfinnee ibsa galgala kana fuula feesbuukii isaarratti maxxanseen akka beeksiiseetti, namoota yakka ajjeechaa shamarraa kanarratti raawwatan irratti xiyyeeffannaan qorannoo gaggeessuun seeratti dhiyeessuuf hojjataa jiraachuu himeera.

Haaluma kanaanis namoonni ajjeechaa kanaan shakkaman afur to’annoo jala oolfamusaaniis ibseera.

Shabarree Haayomaanot guyyaa Wiixataatti mooraa hospitaalichaa keessatti laaboraatorii gamoo bulchiinsaarratti argamu keessatti qorannoo gaggeessaa bakka turteetti ajjeefamuushee Komishiniin Poolisii kun beeksiise.

Haata’u malee, erga haala sukkaneessaa ta’een qaamashee irra bakka garaa garaa meeshaa qara qabuun waraanamteen booda guyyaa Kibxataa Caamsaa 26, 2020 sa’aatii 11 irratti reeffi ishee kutaa keessatti argamuu ibseera.

Bilbilli harkaafi meeshaaleen gara biraa shamarree kanaas fudhatamuu qorannoon bira gahamuufi namoonni yakka kanaan shakkaman afran to’ataman irratti qorannoon cimee itti fufuus ibsichi dabalee himeera.

Shamarree kun digrii ishee jalqabaa Yunvarsitii Teeppii irraa qabxii olaanaadhaan erga eebbifamteen booda yunivarsitichuma keessatti barsiisaa kan turte yoo ta’u, barnoota digrii lammaffaa isheetiif gara Koolleejjii Saayinsii Fayyaa Xiqur Anbassaa galuun barnoota ishee hordoffaa osoo jirtu yakki kun irratti raawwatame.

Yakka shamarree kanarratti raawwatame qorachuun ummataaf ifa kan taasisuu ta’u kan hime Komishiniin kun, maatiifi hiriyoota isheetiifs jajabina hawweera.



Ajjeechaa Suukanneessaa Haadha Ilmaan Afurii irratti Ona Laaloo Assaabii keessatti Raawwatame | RSWO


Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...