QABAMUU FI AJJEEFAMUU HOGGANTOOTA ADDA BILISUMMAA UUMMATA TIGRAAY (ABUT)

QABAMUU FI AJJEEFAMUU HOGGANTOOTA ADDA BILISUMMAA UUMMATA TIGRAAY (ABUT)


Berhanu Hundee | Guraandhala 07, 2021


Kutaa Sadaffaa


Carraan ABUT kana booda maal ta’a?

Gaafii kana yoon kaasu dhimma keenya dhimma ABOtu sammuu kiyya keessa dhufa. Hoggantootni ABO olaanoo ta’an, bara 1980 keessa shiftoota Somaaliyaatiin guyyaa tokkotti rashamanii bool’a tokkotti gataman. Kanaaf ergasii kaasee guyyaan gootota Oromoo ayyaaneffatamaa jira. Yeroo hoggantootni bakka tokkotti dhuman sana, ABOn balaa sanarraa dandamatee akka jaarmayaatti ni jiraata jedhamee hin yaadamne ture. Garuu jaarmayaan kun kunoo har’allee jira. Osoo jaarmayaan kun badeeyuu uummata Oromootiif afuura waan ta’eef bara baraan jiraata. Dhaloota dhufaa dabrantu isa yaadata. ABUTis akkasuma. Har’a hoggantootni isaa dhumanillee jaarmayaan kun hin badu; baduullee hin danda’u. Yeroodhaaf garuu hanga PPn olaantummaa ishii agarsiisuu yaaltutti ABUT laaffachuu danda’a; gonkumaa baduu garuu hin danda’u. Dhaloota biraatiin yookaanis bifa biraatiin ittifufa ta’a malee baduun isaa waanuma hin yaadamnee dha jedheen amana. Maaltu beeka, waraana kanarraa dandamatanii, deebi’anii cimuu danda’u. Hundumaa arguuf teenya.


Uummatni Tigraay qabamuu fi ajjeefamuu hoggantoota ABUT akkamitti laala? Egereen Tigraay maal ta’uuf deema?

Akkuma baddaatti gabaabinaan ibsame, hanguma fedhan hoggantootni ABUT balleessaa qabaatanillee; hanguma fedhan fedhii saba isaanii dura fedhii dhuunfaa isaanii guuttachaa turanillee, hamma tokko uummata kanaafiis ykn Naannoo kanaaf waa hedduu waan hojjetaniif, uummata Tigraayirraa galata qabu. Karaa biraatiin yoo laalame immoo, ABUT fi hoggantootni isaa uummata Tigraayiif mallattoo bilisummaa ti. Uummatni Tigraay ittin boona. Qabsoo ABUTn durfamu keessatti uummatni Tigraay ilmaan isaa kumaatamootaan lakkaawaman dhabee jira. Haa ta’u malee kan bilisummaa isaa goonfate jaarmayaadhuma kanaani. Kanaafuu, yeroo hoggantootni isaa haala kanaan qabamanii salphatanii fi ajjeefaman lammiileen Tigraayi garaan isaanii gubachuun waan ooluu miti. Ammaaf humna dhabanillee seenaaf galmeeffatan. Gaafa deebi’anii humna horatan, madaa dabre sana yaadatanii xiiqii keessa galan. Salphachuun hoggantoota isaa, salphachuu saba kanaa akka ta’eetti laalu. Uummata seenaa qabu fi seenaa isaatiin boonu waan ta’eef, seenaa boonsaa sana xureessuu hin barbaadan. Kanaafuu PP akka diina saba kanaatti laalu jechuu dha.

Egreen Tigraayi xumura waraan kanaatiin murtaa’a jedheen yaada. Maal jechuu dha? Uummatni kun har’a waraan kana keessatti hedduu miidhamee jira; biyya isaarraa baqatee jira; biyya ofiirratti salphatee jira; ijoolleen isaa dhumanii jiru; qabeenyi isaas saamamee jira. Wanti irra hin gahin hin jiru. Kanaaf kana booda PP wajjin waliigalee nagaan ni jiraata jedhanii yaaduun hin danda’amu. Kana booda keessumaayuu sirna Nafxanyaa jalatti deebi’ee akka qama Itoophiyaatti waan of laalu natti hin fakkaatu. Yeroofis ta’u yoo PPn ykn Nafxanyootni waraan kana injifatanii deebi’an (hubadhaa: waraanni kun garuu hin xumuramu), kana booda Tigraayi nagaa fi tasgabbii argattee hin jiraattu. Dirree jeequmsaa taatee ittifufti jechuu dha. Karaa biraatiin yoo laalame immoo, humnaanis ta’ee akka tasaa; karaadhuma fedheenuu haa ta’uu yoo loltootni Tigraayi waraana kana injifatanii humnaa’anii as bahan, Tigraayi walaba taate ijuuruun filannoo osoo hin taane dirqama ta’a jedheen yaada. Haa ta’u malee, yoo humootni Federaalizimii naannolee hafanii cimanii sirna Nafxanyaa kana hundeen buqqisan, Tigraayi wallaba taate ijaaruun barbaachisaa hin ta’u ta’a?


Waraana kana duras ta’ee isa keessatti dogongorri hojjetame maali?

Akkuma yaadatamu, fakkeessuufis ta’e dhugumatti nagaa barbaadanii ta’uun isaanii beekamuu baatullee, PPn hoggantoota ABUT tti jaarsummaa ergaa turte. Sababa maaliitiin osoo hin milkaa’in akka hafe beekamuu baatuus, ana akka natti fakkaatutti oftuulummaa hoggantoota ABUT irraa kan ka’ee ta’uu mala tilmaama jedhun qaba. Osoo humna isaanii sirriitti hin tilmaamin waan lafumaa ka’anii dhaadachaa turan natti fakkaata. Akkuma seenaa biyya Itoophiyaa tana keessatti beekamu, yeroo hundaa abbootiin irree humna malee dhaadachaa, oftulummaadhaan osoo bokokanuu booda hallayyaatti galu. Hoggantoota ABUTis isuma kanatu isaan qunname natti fakkaata. Yeroo waa hundaa harkaa qabna; meeshaalee waraanaas gurguddoo hedduu qabna jechaa dhaadatan sana, tarii akka PPn humnoota ollaa (kan akka Eertiraa fi Somaaliyaa) daboo ittibaastu hin hubanne ta’a. Kanaaf, waan dogongoran natti fakkaata.

Karaa warra PPtiin yoo laalle immoo, isaaniis yeroodhaaf diina isaanii (ABUT) injifachuuf jedhanii humnoota alaa biyyatti galchuun; keessumaayuu humnootni Eertiraa Itoophiyaa seenanii waraana kanarratti hirmaachuu fi qabeenyas saamuun isaanii akka Addunyaan PP ija fi qalbii keessa galafttu taasise. Kuni immoo balaan isaa amma osoo hin taane booda mul’ata. PPn rakkoo keessaa hin baane keessa galuuf teessi. Kanatti dabalamee immoo qorannoon walaba ta’e akka hin gaggeeffamne PPn dhoowwuun (dhorkuun) ishii xiyyeeffannaa Addunyaa keessa ishii galchee jira. Dhiibbaa wanti kun hunduu qabu suuta suuta mul’achaa jira. Fakkeenyaaf gamtaan Awuroophaa gargaarsa Itoophiyaaf kennamuuf saganteeffame dhaabuun mallattoo isa tokkoo dha. Wanti baddaatti ibsame kun dogongora guddaa PPn hojjettee dha. Ammaaf itti hin fakkaatu malee, booda kisaaraa keessa galuuf deemu jechuu dha. Gochaan ykn dogongorri PP kun karaa diploomaasiitiin ABUTiif bu’aa qaba.


Hawaasotni fi mootummootni Addunyaa waraana kana akkamitti laalu/hubatu?

Hawaasotni fi mootummotni Addunyaa waraana tokko keessatti kan xiyyeeffannaa kennan yoguma namootni qayeerraa buqqa’anii gara baqachuutti deemanii dha. Hanguma lakkoofsi baqattootaa baay’achaa deemu caalaatti xiyyeeffannaa argata. Dhimmi baqattootaa baay’ee isaan yaaddessa. Kanaaf qaamni walaba ta’e tokko biyya seenee akka qorannoo gaggeessu gaafatu. Hoggantootni ABUT osoo waraanni hin calqabin dura araara PPn gaafatte didanillee, yeroo waraaanni qophii keessa jiru fi calqabe booda, akka waan karaa nagaa barbaadaniitti ofdhaadhessaa turan. Gama kanaan Addunyaarraa xinnoo hubannoo akka argatan waan taasise fakkaata. Kuni karaa diploomaasiitiin akka isaan gargaaru tooftaaf ta’ullee, yeroodhaaf garuu bu’aan isaan argatan hin jiru.

Karaa biraatiin immoo, akka miidiyaa hawaasummaarratti mula’chaa ture fi jirutti namootni alaa tokko tokko yeroo isaan PP qeeqantu hubatama. Kan isaan ittiin qeeqaman keessaa inni tokko, PPn daboo barbaaduuf jettee humnoota hidhatan Eertiraa fi Somaaliyaarraa gara naannoo Tigraay akka galchitee dha. Kuni ija Addunyaatiin birmadummaa biyyaa ykn naannoo tokkoo cabsuu waan ta’eef, fudhatama hin qabu. Karaa diploomaasiitiin yoo laalame, dhimmi kun PP dhaaf kisaaraa dha. Gochaan kun hawaasota fi mootummoota Addunyaa tokko tokko waan aarse fakkaata. Akkuma barreeffama kana keessatti bakkee tokkotti tuqame, waraanni PPn gaggeessitu kun sirrii waan hin taaneef, fakkeenyaaf gamtaan Awuroopaa (EU) gargaarsa silaa Itoophiyaadhaaf karoorfame akka dhaabu murteessuu isaa ti.


– Ittifufa –

 

 

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.