Ayyaantuu Online

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? – MARSAA LAMMAFFAA – Lakkoofsa Torbaffaa

Qabsoon Bilisummaa Oromoo eessaa ka’ee garamitti deemaa jira? – MARSAA LAMMAFFAA – Lakkoofsa Torbaffaa

Berhanu Hundee, Waxabajjii 28, 2019

Barreeffama kutaa jahaffaa keessatti obsi uummata Oromoo akka gowwummaatti laalamuu akka hin qabne fi akkasumas faayidaan uummatni kun jijjiirama dhufee jira jedhamurraa argates akka hin jirre fakkeenyota adda addaa kaasuudhaan dhimmoota tokko tokko ibsuu yaaleen ture. Barreeffama kutaa torbaffaa kana keessatti aggaammii Oromoorratti akka Sabaatti godhamaa jiru fi bu’aaleen QBOn argamsiises gaaga’ama keessa akka jiran ibsuuf waan tokko tokko kaasuu barbaada.

Osoo waan guddaa barbaadnuu kan harkaa qabnuu akka hin dhabne!!

Yaaliin fonqolchuu Mootummaa dhiyoo kana godhame kun waa baay’ee nu hubachiisuu qaba. Akkuma namootni adda addaa yaada isaanii ibsaa turan/jiran, yaaliin Mootummaa fonqolchuu kun waan Naannoo Amaaraatti qofa karoorfame osoo hin taane, fakkeessuuf yoo ta’e malee, karoorri inni hangafti Mootummaa Itoophiyaa kan Jiddugaleessaa fonqolchuuf akka ta’e wantootni kana mul’isan hedduu dha. Karoorri kun kan dhiyootti bahe ykn akka tasaa godhame osoo hin taane, kan yeroo dheeraa ittiyaadamee fi ciminaan irratti hojjetamaa turee dha jedheen yaada. Mootummaa Jiddugaleessaa fonqolchuun maaliif barbaachise? Kan yeroo Wayyaanee hin yaadamini fi hin yaalamin maaliif yeroo ammaa ta’e? Gaafiilee kanaaf deebiilee adda addaa jiraachuu malanillee, ani sababaalee armaan gadii kanan tilmaama.

Egaa, sababaaleen kun akka hubannoo kiyyatti malee, kanaa alas kan biraas jiraachuu malu. Kan ta’es ta’u, akkuman baddaatti tuqee dabre, yaaliin akkanaa kun barumsa fi hubannoo guddaa Oromoof kennuu qaba. Uummatni ykn Sabni Oromoo akka waliigalaatti gaaga’ama keessa akka jiru fi addatti immoo Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBOn) haala badaa keessa seenuuf akka jiru dammaqinaan hubannee, waan nutti deemaa jirus alaalattui arginee, ofirraa qolachuuf yoomiyyuu caalaa tokkummaan Oromoo amma barbaachisaa dha; murteessaa dhas. Tokkummaa Oromoo yoon jedhu, akka Sabaatti, akka uummata bal’aatti; akka dhaloota Oromoo hundaatti; ilaalcha siyssaatiin, ayidoolojiidhaan, naannoodhaan, amantiidhaan osoo walhinqoqqoodne tumsa waliif ta’uudhaan diinota keenya dura dhaabbachuu bira dabarree injifachuu danda’uuf qophii ta’uu qaban jechuu kooti.

Osoo fonqolchi kun milkaa’ee jiraatee, haalli Oromoo akka Sabaatti maal ta’uuf akka deemu hubachuu nu barbaachisa. Uummatni keenya sirna durii sanatti deebi’ee gabroomfatamuu baatullee, haala jijjiiramu keessatti wareegama ulfaataa akka nu gaafatu beekuu qabna jechuu kooti. Dhumarratti, Dr Abiyyi laalchisee wanti ani baddaatti akka sababaatti dhiyeesse, dhugaa ta’ullee, garuu akka balleessa isaatti kophaatti baafnee isatti quba qabuun furmaata waan hin taaneef, ayidoolojii fi kaayyoo fedhellee yoo qabaate, akka ilma Oromoo keessaa bahee tokkotti yeroo rakkoo isa bira dhaabbachuun dirqama ilmaan Oromoo ti jedheen amana.

Yoo fedhii uummata bal’aa Oromoo kan faallessu ta’e, adeemsa isaa fi hojii isaa qeeqaa, garuu akka rakkoon nageenyaa isarra hin geenye karaa danda’ameen gargaaruun barbaachisaa dha. Kun akkuma jirutti dirqama lammummaa ta’ee; QBO laalchisee garuu qabsoon kun hanga galii isaa gahutti; hanga hiree murteeffannaan uummata Oromoo mirkanaa’utti qabsoon kun ittifufuu qaba. QBO galiidhaan gahuu qofaatu Saba/Uummata Oromootiif furmaata xumuraa (lasting solution) fiduu fi wabiis ta’uu danda’a. Karaan biraa waan furmaata maayii fidu natti hin fakkaatu. Maqaa tokkummaa Itoophiyaa eeguu fi eegsisuu jedhuun uummatni Oromo kana booda dhimma isaa dagachuu hin qabu. Jaalatamus jibbamus, dhimma Saba kanaatu dursa argachuu qaba. Kanuma dubbiin!!!

Hanga walitti debinutti nagaatti

 

Exit mobile version