Qabsoon Qeerroo Bilisummaa Oromoo ABO jalatti qindaayee Oromiyaa fi lammiilee Oromiyaa walaba baasuudha.

[SQ-onkoloolessa 31/2020]
qeerrooQeerroon Bilisummaa Oromoo faayidaa dhuunfaa fi dantaa namootaa kabachiisuuf osoo hin taane kan qabsoo gaggeessu Oromiyaa fi lammiilee Oromiyaa walaba bahanii akka isaan nagaan qe’ee isaanii fi biyya isaanirra jiraatan akkasumas nagaa fi tasgabbii haaraan Oromiyaa keessatti jiraatee Impaayera Itiyoophiyaa irra darbee gaanfa Afrikaaf nagaan akka jiraatuuf roorroo isaa fi lammiilee Oromiyaa irratti gaggeeffamutti xumura gochuuf qabsoo isaa ABO jalatti qindaayee kaayyooo,heeraa fi seera ABOn taliigamee qabsoo hadhooftuu gaggeessaa as gahe ammas gaggeessaa jira.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo har’aa ogummaa fi dandeettii qabuutti fayyadamee ofis tahe sabaa fi biyya isaa gargaaruun kan irra jiraatu barnootaaf bahee reeffi yeroo gara manaatti deebi’u arguu caalaa wanti garbummaa akka sabaatti nurratti sirna amma jiruun nurratti fe’amee jiru eelaan hin jiru.
Qabsoon keenya amma karaa nagaa irraa gara daandii warraaqsaatti akka cee’uuf roorroon daangaa darbe Oromiyaa keessatti lammiilee Oromiyaa irratti addatti immoo Oromoota sabboontota tahan irratti raawwatamaa jiru daran Qeerroon Bilisummaa Oromoo jiraachuuf wabii dhabaa waan jirruuf qabsoo haala waliin tooftaa haaraa warraaqsa jijjiirama sirnaa fidu gaggeessuuf qophiin xumuramaa jira.
Jiraannu baranna hojjetannees bulla haala amma jirruun Oromoonni fi lammiileen Oromiyaa jiraachuuf wabii dhabanii haati ilmoo ishee awwaallachuu yeroo dhorkamtu arguurra duunee biyyoo dhuffachuutu furmaata jennee amanna.
Qabsoo karaa heerri biyyittii eeyyamuun Mootummaaan gadaa isaa fixatee afaan qawween aangoo isaa dheereffachuu barbaadu waamicha ABO Mootummaa Cehumsa Biyyoolessa Oromiyaaf godheef daandii yoo hin saaqne gaaga’ama mudatuu fi lubbuu baduuf akkasumas kisaara biyyittiirra gahuuf kan itti gaafatama fudhatu Mootummaa gadaa isaa fixatee afaan qawween nama ajjeesaa,hidhaa jiru kan Abiyyi Ahimediin durfamu tahuu ummata bal’aa keenyaa fi Addunyaaf himuu feena.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo tooftaa qabsoo kee jabeessi of tumsi sirna kana hundeen buqqisi biyya mataa keenyaa fi Mootummaa mataa keenyaa hundeeffachuuf akka jirrutti of qopheessi.
Du’a sodaa xurree Qabsaa’ota Oromoo Oromiyaaf jecha wareegaman irraa hin maqnu.
Injifannoon Ummata Oromoof.

Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...