Saayinsiifi uumama: Aduun samii Wallagga Bahaa Naqamteetti ‘sadii taatee’ mul’atte maali?

Saayinsiifi uumama: Aduun samii Wallagga Bahaa Naqamteetti ‘sadii taatee’ mul’atte maali?

Aduun samii Wallagga
Aduu sadii fakkaachuun Wallagga Bahaa Naqamtetti samiirratti mul’atte jedhamte

(BBC Afaan Oromoo) — Kibxata ganama Caamsaa 25, 2021 jiraattotni magaalaa Naqamtee samii irratti waan adda taheef raajeffachiise arguu BBCtti himan.

Namootni BBCn dubbise aduun, ”sadii taatee mul’atte” jedhan.

Suuraan ‘Aduu sadii agarsiisu’ kun miidiyaa hawaasaa irrattis bal’inaan qoodamaa ture. Jiraataan magaalaa Naqamtee Caalaa jedhamu tokko akkas jechuun BBCtti hime.

”Har’a ganama naannoo sa’a 2:40 yeroo tahu aduun sadii taatee nutti mul’atte. Geengoo uumanii sadii tahanii ifaa turan. Inni gidduu ifni isaa baay’ee guddaadha. Ifa akka malee cimaa waan qabuuf ilaaluu hin dandeenye.

Suuraa kaasuu dadhabneeti fuullee ijaa [kishaafaa] ijatti kaawwachuun suuraa kaasne. Daqiiqaa 40 booda geengoo uuman. Sadanuu wal irraa fagaatanii bakka adda addaa irra taa’an. Bifa orbiit uumuun achirra sarara tokko irra bifa geengoon taa’an,” jedhe.

Caalaan aduun bifa sadiin mul’ate jedhu kun sa’a tokkoo ol turuun ganama keessaa naannoo sa’a shanii baduun bakka durii isaatti deebi’uu hime.

Magaalaa Naqamteefi naannoo ishee eda roobni cimaan akka tureefi har’as duumessi xiqqaan jiraachuu himee, maaliif kun akka uumame garuu waanan hubadhe hin qabu jedhe.

Jiraataan biraa dubbisne ammoo ”waan raajiidha!” jedhe. ”Namootni baay’een wal waamuun ilaalaa turan. Waan akkasii takkaa arginee hin beeknu,” jechuun hime.

Aduun akkamin sadii fakkaattee mul’atti?

Obbo Kibiret Atsbaa dhaabbata qorannoo hawaa Itoophiyaatti ogeessa Astiroonoomiidha.

”Waan akkasii kun maqaa qaba. Sun dog jedhamee beekama. Atimoosfera keenya keessa yeroo cabbii jajjabaan jiraatu ifni aduu cabbii keessa galuun deebi’ee calaqqisa.

Ifni aduu cabbii keessa galuun digirii 60’n deebi’ee kallattii biraatti calaqqisa. Isheen gidduu jirtu aduudha. Warri xixiqqaan lamaan ammoo balaqqeessa isaati.”

Kallattii tokko irra dhaabbachuun yeroo ilaallu bifa amma mul’atu kanaan sabbata waaqayyoo halluu jedhamu irratti mul’ata jedhan.

Obbo Kibiret Atsbaa yeroo roobni yookiin duumessi jiraatu haalli akkasii uumamuu danda’a jedhan.

Namootni BBCn dubbises eda galgala jechuun Caamsaa 24, 2021 akka roobaa tureefi yeroo waan kun mul’ates akkasuma duumessi jiraachuu himan.

Ogeessi biraan Obbo Naahom Abuunaa miseensa dhaabbatichaa yoo tahu, isaanis yaada wal fakkaataa qabu.

Yeroo haalli akkasii uumamu kana ifni aduu cabbii yookaan qilleensa akka malee qorraa tahe keessa yeroo galu digirii 22’n deebi’ee balaqqeessa’uun sarara halluu sabbata waaqayyoo [rainbow] qabu uuma jedhe.

”Ifni aduu cabbii xixiqqaa keessa yeroo galu gara bitaafi mirgaatti ificha erga. Kallattiin ifichaa ni jijjiirama jechuudha.

Jalqaba ifni adiin gara cabbiitti gala. Kun bu’uura halluu hundaati. Ifni inni halluu diimaa qabu fageenya xiqqaan yoo balaqqeessa’u, inni magariisni ammoo fageenya guddaan balaqqeessa.”

Wantootni akkasii kunneen walumaagala ”parhelion” jedhamuun kan beekaman yoo tahu, kan amma uumame gosa ”parhelion” keessaa Sun Dog jedhamuun beekama jedhan.

Gama biraan Gaaddidduun Addeessaa kanaan dura yeroo gara garaatti kan uumame yoo ta’u, kan itti aanu Caamsaa 25, 2021 mul’ata.

Gaaddidduun Addeessaa kun yeroo Dacheen/Lafti Aduufi Addeessa gidduu taatudha. Kana irraa kan ka’een ifti Addeessi Aduu irraa argatu ni gaaddisaa’aa.

Eeshiyaa, Awustiraaliyaa, Garba Paasifiik fi Ameerikaa lamaanirra ji’aafi aduun guutummaatti walirra bu’u.

Kunis gosoota gaadidda’uu Addessaa hedduu jiran keessaa tokkodha.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.