Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Waxabajjii 21, 2018


ONN: Oduu Ammee, Injifannoo WBO, Waxabajjii 21, 2018
===========

Gootichii WBO Godina Gujii Bahaa keessa socho’u guyyaa har’aa Waxabajjii 21, 2018 humna waraana diinaa gara iddoo qubsuma ishee Ona Gooroo Doolaa, bakka qubsuma ishee magaalaa Jiddoolatti adeemaa jirtu irratti tarkaanfii laalessaa fudhatee loltootni diinaa namni kudhanii lama (12) yammuu ajjeefaman, madoon gara nama kudhanii ol ta’uu ummatni naannichaa nuuf dhaamanii jiru. Humni diinaa yeroo tarkaanfiin kun irratti fudhatametti konkolaataa lama wal duraaf duubaan adeemaa kan turan yammuu ta’u haxxee hidhuudhaan haleellaan laalessaan irratti fudhatamuun konkolaataan fuula dura adeemu erga nagaadhaan dabarfamee booda konkolaataa boodarraan deemaa ture irratti xiyyeeffatuun gaaga’ama ol aanaa irraan gahamee akka jiru gabaafamee jira.

Waraanni Wayyaanee Goninoota Gujii Bahaa fi Dhihaa keessa qubatee jiru ummata Oromoo nagaa yakka tokko malee ajjeessuun goolessaa akka jiru Oromia News Network deddeebisee gabaasaa turuun ni yaadatama.
Muummichi Minesteeraa Wayyaanee Dr. Abiyyi Ahmad dheengadda paarlaamaa Wayyaanee irratti yammuu dubbatu “Waraanni Kan faashinni isaa itti darbe dha; kottaa karaa nagaa qabsaa’aa” jechuudhaan jaarmaalee akka Adda Bilisummaa Oromoo, Adda Bilisummaa Biyyoolessa Ogaaden fi Ginbot-7 akka biyyatti galanii qabsaa’an waamicha taasisuun kan yaadatamu yammuu ta’u, yeroo amma kanatti waraanni Wayyaanee ammoo Oromiyaa keessatti bobba’ee ummata Oromoo Gujii, Booranaa, Harargee fi Wallaggaa goolessuutti bobba’ee akka argamu gabaafamaa jira.
Hordoftoota keenyaa babal’ina Oduu kanaa hordofnee kan isiniif dhiheessinu ta’a.
*Suuraan Faayila keenyarraa ti.



Gareen hidhamtootaa mana hidhaa Wayyaaneerraa hiikaman kanneen akka Masfin Abbabaa fi Kaffaaloo Tafarraa kan keessatti argaman guyyaa har’a Waxabajjii 21, 2018 awwaala Waahila isaanii Tasfaahun Camadaa kan mana hidhaa keessatti wareegame daawwachuuf akkasumas abaaboo kaa’uuf gara Godina Harroo Guduruu Wallaggaa aanaa Guduruu, Ganda Harbuutti kan argamu Waldaa Makaanayyasuus deemuuf yammuutti jiru. Ummanni Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, keessattuu ummanni magaalaalee Finca’aa fi Shaambuu simannaa ho’aa godhaaf jedhamee eegama.




Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...