SBO: ODUU AMMA NU GAHEEN

Oduun amma SBO dhaqqabe akka hubachiisutti Godina Qellem Wallaggaa Ona Anfilloo naannoo Shebelitti kan argamtu ganda Xooxxii jedhamtu irraa lammiileen Oromoo 200 ol ta’an ajjechaa fi dararaa suukanneessaa waraanni mootummaa irraan ga’aa jiru jalaa dheessuudhaan gara bulchiinsa naannoo Gambeellaatti baqatanii jiran.

Namootni 50 ol ta’an Waxabajjii 16,2020 guyyaa kaleessaa buqqa’uu kan ibsu oduun kun, har’a Waxabajjii 17,2020 ammoo namootni 150 ol ta’an qe’ee fi qabeenya isaanii dhiisanii gara Gambeellaatti baqataniiru jedha.
Lammiileen Oromoo dararaa waraana mootummaa jalaa dheessan kun yeroo ammaa Gambeellaa ganda 03 keessatti walitti qabamanii mootummaan naannoo Gambeellaa akka isaan gargaaruuf kadhataa kan jiran yoo ta’u, hanga ammaatti qaama isaaniif rifaatee gargaarsa jalqabaa midhaanii fi bakka qubannaa isaaniif godhu akka hin argatin jiran oduun kun ni addeessa.
Lammiilee Oromoo Ona Anfilloo naannoo Shebel ganda Xooxxii irraa buqqan kana keessatti jaaroleen, dubartootni, daa’immanii fi dargaggootni illee akka argaman oduun SBO dhaqqabe ni hubachiisa.

Ummatni gandoota hedduu keessaa baqatuuf dirqamaa jira kan jedhu oduun kun, lakkoobsi nama buqqa’uus dabalaa deemuu akka hin oolles addeessa.
Ummatni kun gargaarsaa fi dirmatnaa kan barbaadu waan ta’eef, qaamotni adda addaa hojii namoomaa fi kkf irratti hojjetan, darbees akka ummataatti ummatni Oromoo waan danda’uun akka itti dirmatu dhaamsa dabarsina.