SBO Sagalee Bilisummaa Oromoo, Amajjii 16, 2019; VOA on Mooyyalee


SBO AMAJJII 16,2019. Oduu, Hiriira guyyaa barattoota Oromoo Amboon taasisamuuf yaamame irratti yaada hirmaattotaa akkasumas Gujii Lixaa keessatti ajjechaa waraanni





(VOA Afaan Oromoo) — Akka warrii lafaa jedhutti waraanii milishootii naannoo Somaalee fi miilotii isaanii Muddee dabrte godina Booranaa dira Mooyyalee guyyaa sagal hadhe waan hedduu balleesse.

Mootummaan Federalaa Itoophiyaa bulchiinsa godina Booranaa aanaa rakkoo akkanaatiin himan Mooyalee,Areeroo,Waacillee,Nageellee Booranaa,Guchii fi Godin aGujii keessaa fi naannoo Somaaleellee keessallee bulchoota naannoo yaamee Finfinneetti mari’achiisee akka rakkoon akkanaa itti hin deebinee biyya waliin kora taa’e.

Warra marii tanaaf Finfinnee dhaqe keessaa tokko bulchaa anaa Mooyyalee,aabba Baggajjaa Morgeeti.

Mootummaa Federalaatti ‘nagaa buusaa’ jedhee kora yaamee mari’achiise jedha.

Namuu nagaa irratti walii galee taatullee ‘wannii namii irratti wal dhabe ariitiin fala argachu malte jenne’ jedha.

“Waraanii diqqaallee hin qabuu dandaallee hin qabu,” jedha

Sadaasaa bara 2018 Mooyale lola torbaan tokkoo keessa ture Muddee ammoo guyyaa sagal akka kanaan akka aabba Baggajjaan jedhetti qabeennii biyyitii bara hedduu jaarratte hedduutit bade.

Olloota Oromoo gabraa fi olloota waraanii kun gube jedhan keessaa:

  • Qabbahnaawaa
  • Maddoo Miigoo
  • Gooroo Sooddaa
  • Gooroo Buttee

Mooyyaluma keessaa ganda 01 fi 2 faallee guddoo gubanii amma nama hedduutti baqatee ala ciisaa jedha aabba Baggajjaan.

Walumattuu waraanii Muddee dabartee kun suuqii,hoteelii manneen jireennaa fi qabeenna akka aabba Baggajjaan jedhetti 2,153 gubee kaan ammoo saaman.

  • Qabeenna mootummaa ka akka biirolee baranootaa, biiroo bisaanii, fayyaa fi waan akkanaa dabalee 9
  • Baankii Gamtaa Oormiyaa ka birrii miliyoona 32 caalaa keessaa saaman jedhanii fi hedduu.
  • Hoteelii 53
  • Mana jireennaa 1,500
  • Suuqii fi manneen daldalaa 300

Manneen saaman ykn guban kun akka aabba Baggajjaan jedhetti manneen qorqoorroo,buuyyoo,qiriccoo fi waan hedduu namii jiraatuun.

Mariin araaraa bulchiinsii godina Booranaatii fi ka naannoo Somaalee Finfinneetti taa’an muddamsuu jirtu qabbaneessanii nagaa buusuu. Waan kora irratti walii galan aanaa fi gandatti ittiin hojjachuu.

Lolii akkana Mooyale balleesse sun eegii dhaaatee ya ture amma waraani mootummaa Itoophiyaatti alfa eeguutti jira.

Nama baqatellee ummaaa fi dhaabbilee namii hedduun itti wal gargaaree jireenna isaa faluufiitti jiraa namilleen diqqaattullee amma qaheetti galuutti jira jedha bulchaan aanaa Mooyyalee aabba Baggajjaa Morgee.

Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...