SBO: Sagalee Bilisummaa Oromoo fi Ibsa ABO, Wax. 19, 2020


Gammachuun Saba Sidaamaa Gammachuu Keenya!

SBO(Ibsa ABO – Waxabajjii 19, 2020)

Kaleessa (Waxabajjii 18, 2020tti) Mootummaan Bulchiinsa Naannoo Sidaamaa Mootummoota Miseensota Federeeshinii Itoophiyaa keessaa tokkoo fi isa 10ffaa tahuudhaan beekamee ifatti aangoo Mootummaa Naannoo fudhate. Addi Bilisummaa Oromoo gaaffiin Mirga Hiree Murteeffaannaa Saba Sidaamaa haala kanaan (karaa nagaa, sirrii fi seera-qabeessa taheen) deebisaa argachuu isaa ilaalchisee Saba Sidaamaatiin Baga Gammaddan! oggaa jedhu gammachuu ol’aanaadhaani.

Kun Saba Sidaamaa kan Mirga Hiree Murteeffannaatiif baroota dheeraaf qabsoo hadhooftuu gaggeessaa yoona gaheef Injifannoo ol’aanaa fi seena-qabeessa. Milkaawinsi fi Injifannoon Sabni Sidaamaa qabsoo isaatiin argate kun Saboota akkuma Saba Sidaamaa qabsoo Mirga Hiree Murteeffannaa irra turanii fi jiran kanneen biroofis oduu aagaa/milkii fi abdachiisaa dha. Fakkeenyummaan isaatis onnachiisaa fi jajjabeessaa dha.

Saba Sidaamaatiin irra deebinee baga injifannoo qabsoo keetii fi firii wareegama qabsaawota ilmaan keetii dhandhamatte jechaa, barootni fuul-dura keenya jiran Sabni Sidaamaa Bilisummaa, Nagaa fi Dimokiraasii (Bulchiinsa Haqaa) barootaaf dheebote kan itti mirkaneeffatuu fi dheebuu isaa bahu akka tahan hawwina.

Injifannoo Ummata Bal’aaf !
Adda Bilisummaa Oromoo
Waxabajjii 19, 2020
Finfinnee

Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020