SBO Sagalee Bilisummaa Oromoo, Hagayya 24, 2018

SBO: Hagayya 24, 2018. Oduu, Gabaasaa Gumaacha Sabboontonni WBOf Taasisan ilaallatuu fi Araara ABO fi Mootummaa Itoophiyaa Jidduu irratti Yaada Ummataa.





Similar Articles

Comments

  1. Gurmuulee Jaarmaya TBOY kan tahan Gurmuun SHamarran WBO fi Gurmuun D/WBO Walitti dhufuudhaan Ayyaana iida Arafaa kabajatan.

    Hagayya 21-2018 waaree booda sa’atii 2:00pm-7:00pm tti ayyaana arafaa yeroo kabajatanitti ayyaana kana sababeeffachuudhaan walii galtee araaraa mootummaa itoophiyaa fi ABO gidduutti ta’e irratti hawaasaaf ibsoota bal’aa gochuufiidhaan gammachuu fi deggersa qaban ibsataniiru.
    Haaluma kanaan haala yeroo ammaa ilaalchisee ibsaa fi waamicha hawaasa oromoo magaalaa sana’aa jiraatuuf gochuu fi akkasumas bu’aa ba’ii qabsoon keessa dabre waliif kan tuqan yammuu ta’u qooda fudhannaa shamarran qabsoo oromoo keessatti qabanii fi walumaa galatti yaadota cuunfaa tahan hawaasaa waliin irratti haasaa godhaniiru.
    Dabalataanis qophii ijoollee fi walaloolee adda addaatiin ayyaaneffachaa Oolaniiru.
    Gurmuuleen Jaarmaya TBOY kun diinagdee battalatti waltajjii ayyaanaa irratti argame tumsa qabsoo bilisummaa oromoof erga gumaachanii booda xumura irratti ibsa ejjennoo qabxii jaha(6)Of keessaa qabu baafachuun goolabataniiru.

    1, Bilisummaa Ummata Oromoo dhugoomsuuf qabsoo Addi bilisummaa oromoo karaa kamiinuu godhuuf deggersa guutuu kan qabnuu fi dirqama keenya dacha dachaan bahuuf murteeffanne.

    2, ABOn rakkoo siyaasaa mootummaa itoophiyaa wajjin qabu karaa nagayaatiin furuuf itti jiru dinqisiifachaa,waan nurraa barbaachisu hundaan cinaa kan dhaabbannu ta’uu ibsanna.

    3, Wabii QBO kan ta’e WBO yeroo kamuu caalaa waan dandeenyuun cinaa ni dhaabbanna.

    4, Jijjiiramni yeroo ammaa empaayra itoophiyaa keessatti gootota qabsaa’ota ilmaan Oromoo tiin mul’ate akka lafa qabatuuf qabsaa’onni Oromoo akka gamtaan hojjetan dhaammanna.

    5, Olola maqa balleessii dhiheenya kana lixa oromiyaatti maqaa WBO tiin saamichi geggeeffame jedhee afarfamaa jiru soba dhugaa irraa fagaate tahuu waan hubannuuf gadi fageenyaan kan balaaleffannu tahuu ibsanna.

    6, Ajjeechaa suukanneessaa maqaa daangaatiin ummata keenya irratti geggeeffamaa turee fi ammas itti jiru ni balaaleffanna.

    Hagayya 21-2018
    Gurmuu Shamarran WBO fi
    Gurmuu Damee WBO irraa
    Yaman Sana’aa.

    Horaa Bulaa.
    Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaa ti.
    Injifannoo Ummata Oromoof!!

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020