Seenaa Kuma Sadii fi Seenaa dhibaa fi Shantamaa

Damee Boruu: Waxabajjii 5, 2020

Kan akka Uummta Oromoo Seenaa isaa himachuu fi falmachuu dagate biyya lafaa irra waan jiru natti hin fakkaatu. Bara OroAmharaa Dhiqaalaan Habashaa Addisuu Aragaa harmaa fi harka muraan Anoolee fi dhumaatiin Colonqqoo Minilkiin raawwatame seenaa oduu afaanii akka tahe walatjii itti ol bahee Uummata Oromoo itti himuun kan yaadatamuu qabu. Garuu seenaan kun Uummata Oromoo biratti Seenaa qabatamaa fi jiraataa Uummanni Oromoo argaa fi dhageetiin walii dabarsaa har’a gaafii dhaloonni dhalla warra dhumanii akka jiran dagatee kana jechuun isaa nama hin dinqu. Maaliif yoo jenne Ilmaan nafxanyaa Uummata Oromoo horii irraa kan adda isa baasu gadi jedhee marga dheeduu dhiisuu isaa qofa jedhanii waan yaadaniif. Kana jechaa har’a illee Addisuu Aragaa abbaa aangoo tahee Uummatni Oromoo maal akka gochuu qabnu nu gorsa. Amhaarri qor-qalbii Uummata Oromoo baraa dheeraaf waan cabsee jiruuf uummatni keenya sodaa Amhaara qabaachuun na yaaddessa.

Karaa biraa warri seenaa kuma sadii himatan kun raga fuula tokko illee hin qaban.  Of guddisanii, of tuulanii fi of kulanii dubbachuuf haamilee qabu. Mootummaan isaanii   kuma sadii jedhamu kun kan eegalee Mootuu Sabaa jedhamee farfarma. Seenaan ragaan kan agrsiisu isheen Mootu Yemen turte. Galaana diimaa as ceetee hin beektu. Isheen kan keenya jechuu irra Araba ture jechuutu dhugaatti dhiyaata. Karaa biraa Kononeel Abiyi waa’ee partii isaa PPE ilaalchisee yaroo dubbatu” Itoopiyaan Duurtiin kabajamtuu fi Sodaatamtuun bara baraan ni jiraatii” jedhe ijaaramuu partii isaa booda.

Seenaa kijibaa kuma sadii isaan waliin hin qabnu. Impaayerri Itoophiyaa har’a jirtu kan ijaaramtee yaroo   impaayeeryaalistonnii Awuropaa biyya Afrikaa hirmaatan ture. Bara 1884 Berliin irratti wal gahii Afrikaa hirmaachuuf godhame irratti imalaan Minilki argamee ture. Gargaarsa Meeshaa waraanaa bara warra Minilki badhaase keessaa Fransaayii, Ingilzii fi Itaaliyanii warra duraa turan. Gargaarsa meeshaa waraana baraa argateen hammenya hiriyyaa qabaneen yaroo sanatti kan cabe Uummata Oromoo qofaa hin turre. Sabaa fi sab-lammiin Impaayeera Itoophiyyaa keessa jiran yaroo tokkotti caban. Warra harka laachuu didee lole irra dhumaatii fi saaminsa amma kana hin jedhamnetu irratti raawwatame.

Yaroo sanaa kaasa amma Waraana Addunyaa isa lammaffaa Impaayeerri Itoophiyaa garba gurguruun beekamti. Biyyoonni Afrikaa baayyeen akka Itoophiyaan obbolaa isaanii Afrikaanota gurguraa turte hin quba hin qaban. Sabni mo’amee hin gurguramne hin jiru. Haa tahu malee warri akka Walaayita waan Mootiin isaanii Xoona jedhamu Minilikiin baayyee loleef jecha Uummatni Walaayitaa duchaatti akka garba tahee gurguramu itti murtahee jira jedhama.

Gara seenaa kuma sadii kan lafa irra hin jirree deemuun hin barbaachisaa mit. Seena Impaayeera Itoophiyaa isa keessa jiraannee agarree fi beeknu kaasuu wayya. Ammaan an beekuu fi yaadadhu biyya lafaa kana irratti uummatni akka uummata Ipaayeera Itoophiyaa keessa jiraatu rakkinna, dhumaatii fi salphinaaf saaxilamee tokko hin jiru. Mootonni isaanii garuu kijibaan sammuu uummataa wan yaroo hundaa dhiqqaa jiraniif uummatni iyyuu waan dhugeefate fakkaata. Kan ciniinee bulu hin qabu. Kan ufatee gadi bahu hin qabu.Kan dhugee dhiibuu bahu hin qabu. Kan dhukkubsatee itti waldhaanamu hin qabu. Bara baraan akka baala mukaa irraa harcaa’aa utuu jiru “ati nama biyya lafaa irra jiru hundaa caalta” yaroo itti jedhan dhugaa godhee fudhachuun burjaaja’insa hiriyaa hin qabne.

Bara 1973 utuu beelli uummata milliyoona hedduu fixxaa jiru Mootummaan Haayilee Salaasee coomaa fi Daadhiin gibira baasa. Baraa 1984 akkuma kana utuu namni milliyoona baayyeen dhumuu Mootummaa Mangisuu Haayile Mariyam partii guddaa millioona baayyee base gochaa ture. Bara Mootummaa EPRDF tahe bara mucaa EPRDF Kononeel Abiyi beelli uummata kana biraa hafee hin jiru. Uummata milliyoona heddutu beelaaf saaxilamee jira. Kononeel Abiyi garuu akkuma Mootota isa duraa turanii coomaa fi dhaadhiin Masaraa Minilki keessatti gibira baasaa ture. Gaafa bara 1973 sana qabeeamma guyyaa har’a  gargaarsi biyyaa lafaa uummata Impaayera Itoophiyaa kana biraa hin hafne.

Baqataa fi hirkkataan biyya lafaa keessaa isa duraa tahee kan jiru Uummata Impaayeera Itoophiyaa keessaa burqu akka tahe kan ijaan agarru. Biyyoota Afrikaa kan akka Sudaan, Somalee, Keeniyaa, DJibuutii, Misiraa, Libiyaa, tanzaaniyaa, Ugaandaa fi Afrikaa kibaa keessa faca’ee jiru uummata kana. Biyoota Arabaa mara keessa namoota baqatanii deeman caala dubartoota hojetoota manaa Mootummaan Itoophiyaa doolara nagadaa ergaatu harka guddaa dha. Baqatootaa fi hirkatoota keessaa warri ayyaan argatee immoo biyya Awustiraaliyaa, Awuropaa, Kanadaa fi Ameerikaa galanii jireenya ijaarachaa jiru. Kaan immoo gamoojji keessatti bineesaan nyaatama. Kaan immoo dooniin galgalee bishaan keessatti kufee iribaata qurxumii akka tahe hubannee jirra.

Mee egaa kabajamuu fi ulfinni Uummata Itoophiyaa isa kami inni farsamaa jiru? Uummata sana olola sobaan hadochaanii bara baraan akka gad guggufee buluuf gochuun tooftaa fi tarsiimoo Mootumaa Impaayeera akka tahe beekamaa dha. Ummatni kun jiruu fi jireenya isaa hubatee warra bara baraan isa gowwomsu yoo of irraa hin darbu tahe ayyaanni isaa bara baraan akkuma kana rakkachaa fi jireenya gadadoo jiraachaa hafuu taha. Akkuma “mucaan hantuutaa haadha jalatti gonbsaa uruu barti” jedhan Mootonni waanuma mootummaan isaan duraa hojjete gaadiduu isaa fudhatanii hojjetu. Kanaafuu jijjiramne tokko illee argamuu didaa jira.

Dhiyyeenya Mootummaan Baajeta bara isa dhufuu baayye guddaa godhee qopheesse jiraa jedhame oduun midiyaa irratti dhiyaaate ture. Garuu baajeta kana keessa maallaqni bilooyyni baayyeen lakka’amuu si achi kadhaan akka argamuu xiyyeefatameeti jiraa jedhan. Akkamitti biyyi tokko gara fuula duraa kadhaa irraan horii amma kana argadha jedhee baajeta baafata? Biyyi tokko tasa balaan hin eegamne yoo irra gahee. Mootumman humna ol yoo tahe gargaarsa gaafachuun hammeenya hin qabu. Garuu mootummaan kadhatee biyya bulchuu mootummaa dha jechuun baayyee ulfataa dha.

Impaayerri Itoophiyy biyya lafaa irratti kan beekamtu tokkoffaa beelan, lammaaffaa kadhaan, sadaffaa baqataa fi hirkataa, arfaffaa haa galatooman malee ijoollee Oromoo akka tahe wal nama hin gaafachiisu. Adunyaa kana irratti biyya haala qabatamaa kanaan beekamtu mootonni ishee biyya dureetti, kabjamtuu fi sodaatamtuu jehdan uummata garaa qulaa fi hudduu qulaa jiraatu burjaajeessani bitu.

Uummatni Oromoo sobdoota kana hudduu qabee of irraa darbuuf harka wal qabatee WBO wajjin hiriira galuu malee filmaata biraa hin qabu. Filmaata Bilxiginaanuu dide malee filmaatan uummatni hiree isaa kan deefatu tokko hin qabu. Akkuma gaafa EBRDF sana namoota Oromoo keessaa lama sadiin ministeera tahuun ni mala. Mataa isaanii waan nyaatan argatu malee Uummata Oromoo waan gadi fidu tokko hin jiru. Karaa biraa Motummaa Impaayeera Itoophiyaa gatiitti Uummata Oromoo irratti bifa haaraan deebisanii akka ijaaran dagachuu hin qabnu. Uummatni Oromoo jala muree kan hubachuu qabu filmaata kijibaa keessa gaaga’ama malee bu’aa tokko akka hin arganne beekuu qaba. Kaayyoo fi akeekni Uummata Oromoo inni duraa fi dhumaa waanjoo garbummaa Impaayeera Itoophiyaa of irraa ciree gatuu dha.

Qabsoon bifa hedduu qaba. Namni dhaaba Siyaasaa yookan oggeesitootaa jalatti gurmaa’ee karaa danda’uun qabsaa’uun mirga isaa ti. Garuu namootni baratan biyya alaa taa’aan yookan magaalota biyyaa keessa jiraatanii qabsoo qawween godhamaa jiru warri gad buusee ilaallu rakkina guddaa qaba. Warri lolaa jiran waan qabsoo sana hoogganuu danda’an itti fakkaatu. Qabsoo kan hooggannu, isa itti beela’u, isa itti dheebotu, isa itti dhiiguu fi itti du’u qofa.

Akkuma gaafa Mootumman EPRDF kufuu Qeerroo Oromoo harkaa aangoo butachuuf wal cabsaa turan gaafa WBOn injifannoon tarkaanfataa dhufu irraa butachuuf hin wixifatan jedhee hin yaadu.  Ammala duureyyii -xixxiqaa waan taheef hafuu hin danda’u. Garuu WBOn dammaqinsaan warra kanas akkuma diina warra kaanii of irraa ittisuun dirqama isaa ti. WBOn dandeeti hooggana dinqissisamu waan qabuuf diina irratti injiannoo galmeesaa deema jira. Oromoonni haqa Uummata Oromoof dhaabbannu hundi WBO jajjabeessuu fi waan qabnu maraan utubnee akka hin gufane eeganaa guddaa gochuuf qabna. WBOn uummata isaaf wareegama guddaa baasuun kabajaa itti horee jira. Rakkinni dureyyii -xixxiqaa ayyaan ilaalatummaa dha.  Aanggoo arganaan kaayyoo qabsawwaniif gatanii warra Habashaa wajjin aangoo qircachuu illee of booda hin jedhan. Kanaafuu hooggana qabsoo kana dureyyii -xixxiqaaf dabrsuun badii guddaa akka fidee dhufu WBOn ammumaa hubachuu qaba.

Gadaan Gadaa Bilisumma Ti!

Injifannoo Uuummata Oromoof!


History of Cushites

blank
blank
blank

blank

blank

Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

blank

PM Abiy Ahmed says African Americans live in the past

PM Abiy Ahmed says African Americans live in the past In the first part of this video, Ethiopia’s Prime Minister Abiy Ahmed Ali (Nobel Peace...

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

Breaking news: mass murder in Ambo

Disturbing picture from Ambo where Hachalu was buried today. Unknown number of unarmed youth were assassinated by Abiy soldiers today. July 2, 2020 Via Qaanqee...

I have bad news for Abiy and neo-nafxanyaas

I have bad news for Abiy and neo-nafxanyaas, YOU HAVE AWAKEN THE OROMO NATION! Moa Abagodu, PhD, July 5, 2020 The Oromo Nation do not have...

More arrests in Sidama as authorities refuse to hand power to new region

More arrests in Sidama as authorities refuse to hand power to new region By Sidama Human Rights Activists, May 8, 2020 The persistent violations of human...