Shirri OPDOn biyya diiguuf qopheeffate

Via Dabessa Gemelal, Muddee 29, 2018

Ilmoo dabaafi abaarsaa kan taate OPDOn biyya diiguuf maraachaa jirti.cAkka saree maraatuu fi bineensa waranamee wan argatte hunda ciniinutti kaateetti. Shirri xaxxu hundi jalaa fashalaa’aa jira.

Fakkeenyaaf:

1. Olola FB irratti gaggeeffamuuf Team Leader dhaabuun qoqqoodinsa uummata Oromoo naannoon akka uumamu gochuu. Hanga yoonaatti namoota team leader FB ta’uun ji’aan qarshii 4,500 fi durgoon hojjechaa jiran afur irra geenyee jirra. Maqaa isaanii ni saaxilla.

2. Hiriira ABO balaalleffatu qindeessaa turte. Xiyyeeffannoon bakka hiriira kanaa immoo ABMBOO dha. Gudar irratti TEST ta’us kufee jira

3. Daangaa GEEDOO gubbaatti uummata Wallagaa irratti namoota maallaqaan bituun cufsiisuun, waldhabdee ummata Oromoo gidduutti uumuu. Kana kan qindeessuuf yaalii gochaa ture Milkeessaa Miidhagaa akka ta’e dubbatamus shirri kun fashalaa’ee jira.

4. Abbootii Qabeenyaa Oromoo addaan baasuun olola irratti gaggeessuu yeroo ta’u Abbaa qabeenya Hootela Ilillii Gamshuu Bayyanaa irratti jalqabamee jira.
Guyyaa kaleessaa ololtuu FB OPDOn bobbaaste keessaa tokko maqaa#Hana_Regasa jedhamtuun fayyadamuun barreffamnni maqa ballessiin fuula FB irratti dhoobameera. Niitiin kun Afaan Oromoo barreesuus ta’e dubbachuu hin dandeessu.

Barreeffamni maqa balleessii kaanimmoo account FB maqaa #OBN_Oromia_Bloggers_Network jedhamu kan Addisuu Araggaa ta’uu beekameera. Addissuu Araggaa nama Account FB baay’ee qabuu fi FB Ifa Baas kan jedhamu karaa nama #Ifabaas Abbaa kubbaniyaa Advertising tokkoon al kallattiin oofamu qaba.

Barrefama olola Gamshuu irratti gaggeeffamu kana kan qopheesse nama Guddataa Galaalchaa jedhamu yeroo ta’u Hana Regasatti kan laate Taayyee Danda’aa ta’uu baramee jira.

Odaa Gurreen



Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020