Sirna Kabajaa Amajjii 1, 2020: Waajjra ABO Finfinnee Gullalleetti

[SBO – AMAJJII 01,2020] Amajjiin 1 guyyaan seena qabeessii fi Seensi Bara Haaraa yeroo jalqabaaf Finfinnee Gullalleetti kan argamu Waajjira Muummee ABOtti har’a haala ho’aa fi gammachiisaadhaan kabajamee oole.

Sirna kana irratti H/D ABO Jaal Daawud Ibsaa dabalatee miseensotni hoggana dhaabaa, murnootni hawaasaa adda addaa fi keessummootni argamaniiru. Keessumaa Qeerroo fi Qarreen baay’inaan argamuun sagantaa kana bareechaniiru.

Kan dhihoo hidhaa bahe Koloneel Gammachuu Ayyaanaa fi Artistootni Oromoo bebbeekamoo fi jaallatamoon kan akka Ilfinash Qannoofaa sagantaa kana irratti hirmaataniiru. Artist Ilfinash Qannoo waggaa 29 booda har’a Waltajjii Gullallee irratti deebitee sirbuun seenaa hojjette.

Sagantaan kun eebba maanguddoota Oromoon kan saaqame yoo ta’u, yaadannoon sammuu wareegamtoota Oromoof taasisameera.

Hayyu-Dureen ABO Jaal Daawud Ibsaa guyyaa kana ilaalchisuun, ABO maaliif akka Amajjii 1 kabaju seenaa dhufaatii isaa irratti, akkasuma dhimmoota waytaawoo ta’an adda addaa irratti haasaa godhaniiru.

Bu’uuressitoota ABO keessaa tokko kan ta’an Jaal Xahaa Abdii, Jaal Abdii Raggaasaa fi Koloneel Gammachuu Ayyaanaafaan walduraa duubaan haasawa godhaniiru.

Qophii kana irratti Qeerroon Bilisummaa Oromoo Uwwisaa fi Bokkuu Koloneel Gammachuu Ayyaanaa yoo badhaasan, Jeneraalummaas muudaniiru.

Walaloolee fi diraamaanis waltajjii kana gubbaatti hirmaattotaaf dhihaataniiru.

Walumaagalatti sagantaan Amajjii 1 fi seensi bara haaraa 2020 Waajjira ABO Gullalleetti kabajame kun milkiidhaan obba’eera.


Similar Articles

Comments

  1. Sabni keenya dhahata lama qabaachuun isaa beekkamaa dha.
    Dhahattan kunis biiftuu fii baatii irratti kan hundaa’an ta’uun mirkanii dha.
    Jijjiirraa bara haaraa lameen wallaaltan moo, ayyaanni Ammajjii 01 kun seenaan isaa maali?

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...