Sirni Leexaa (Unitary) kan balaaleffatame sirna ukkaamsaa mormuudhaaf malee tokkummaa jibbuudhaaf miti!

Yooseef Mulugeetaa Baabaa (PhD)
Afaan Oromootti kan hiike Qaasim Amaanooti.

Ida`amuun yookaan tokkummaan baayyee gaariidha; garuu tokkummaa (ida`amuu) jechuun bifa tokko ta`uu jechuu miti. Hedduminni eenyus haaluu kan hin dandeenye seera uumamaati. Aadaa garagaraa qabaachuun mataa isaatti rakkoo ta`uu hin danda`u. Rakkoo kan ta`u beekkamtiin yoo kennamuufii dhiiseedha. Keessattuu biyya teenya Itoophiyaa keessatti aadaan garagaraa hin jiru jedhanii ilaaluun dogongora.  Garaagarummaan Afaanii fi aadaa akka jireenya hawaasummaatti fudhatamuu  qaba malee, akka rakkootti yookaan sodaatti ilaallamuu irra hin jiraatu. Itoophiyaa keessatti aadaa adda ta`e (Afaan tokko, amantaa tokko, hubannoo seenaa tokko, ilaalcha tokko….kkf) ni mirkaneessina jedhanii yaaluun yaada baayyee dogongoraa fi fudhatama hin qabneedha.

Kanaafuu Itoophiyummaan heddumina ummata isii irratti kan hundoofte ta`uu qabdi. Hedduminni aadaa sabbonummaa Itoophiyummaa waliin wal-hin falleessu.  Miira Itoophiyummaa waliinii uumuun kan danda`amu, caasaa faaydaa waliinii eeguu fi hunda hammatu diriirsuun yoo danda`ame duwwaadha. Hedduminni aadaa tokkummaa Itoophiyaatiif kan gumaachu yommuu ta`u, faallaa kanaatiin immoo olaantummaa saba ofii qofa argisiisuun sabboonummaa Itoophiyaa kan diiguudha. Jaalalli biyyaa dhugoomuu kan danda`u tokkummaa cimaa /ida`amuu keessatti garaagarummaan yoo kabajame duwwaadha. Itoophiyummaanis ta`ee, garaagarummaan aadaa keenyaa miidhaagina ittiin gammadnu ta`uu qaba.

Hundaa olitti eenyummaan sabummaa dogongora kan hin qabnee fi gaariis gadhees miti. Sababni isaas sabummaan mataa isaatti gaarii yookaan gadhee waan hin taaneef.  Haata`uu malee hunda keenyaa kan yaachisuu qabu sabummaan gaariidha yookaan gadheedha yaada jedhuun hawaasa keessa hubannoo jiru sirritti beekuun sirreessuu dhabuudha. Sababani isaas sabboonummaan sirriin biyya kan ijaaru yommuu ta`u, sabboonummaan sobaa biyya kan diigu ta`uu isaa beekuu barbaachisa. Yoomiiyyuu garaagarummaa aadaas ta`ee sabaatiif olaantummaan yookaan gadi aantummaan kennamuu hin qabu. Akka fakkeenyaatti saba tokko kan biroo irraa ol kaasanii ilaaluun; kophatti baasuun; jumlaan qooduun; kabaja namarraa gadi buusuun fa`a akka sabboonummaa gadhetti kan ilaallaman yommuu ta`u, biyya kan diiguudha. Kanaafuu ka`umsi rakkoo inni ijoon sabummaa uumamaan arganne mataa isaa osoo hin taane sabboonummaa sobaa akka ta`e jala muramee beekkamuu qaba.

Sabboonummaa dhugaa xureessuu fi xiqqeessuun baayyee balaa qaba. Sabboonummaan dhugaa kan balaaleffatu Itoophiyummaa osoo hin taane, sirna ukkaamsaa yookaan siyaasa ukkaamsanii bulchuuti. Kanaafuu ADWUI`n maqaa ida`amuutiin walitti baqee sirna mootummaa ukkaamsaa akka hin uumne of eeggannoo guddaa gochuu qaba. Sababni isaas tokkummaa jechuun bifa yookaan haala tokko qabaachuu miti. Waarshaan Saamunaa tokko oomisha wal-fakkaatu oomisha; ilmi namaa saamunaa miti; eenyummaa isaa  (aadaa, afaan, falaasama) qaba. Kanaafuu sirna federaaliziimii sirna ukkaamsaa irraa adda baasuun gaaffii cunqursaa sabummaa baroota hedduuf ture bifa seera-qabeessa ta`een deebisuun waliin hojjechuun barbaachisaa ta`a.

Qaamoleen eenyummaan sabummaa isaan hin gammachiifne tokko tokko gaaffii sabummaa akka “dhiphummaa fi siyaasa gosummaatti” ilaalu. Wanti beekkamuu qabu garuu falaasamni akkanaa kun tokkummaa itoophiyaatiif balaa guddaa qabaachuu isaati. Akkuma ibsuuf yaale eenyummaan sabummaa walitti hidhamiinsa dhiigaa hin argisiisu. Sabboonummaan walitti dhufeenya ummata Itoophiyaa kan yeroo dheeraatiin kan uumamee fi taatee seenaa fi hawaasummaati. Kanaafuu yaad-rimeen `saba` jedhu Aadaa, afaan, hubannoo seenaa, xiinsammuu fi kkf bu`uura kan godhateedha malee akka gosummaa dhiigaan kan wal-qabatuu miti.

Kanaafuu namni tokko eenyummaa sabummaa isaa Itoophiyummaa yookaan Keeniyaa of gochuudhaan haaluu hin danda`u. Itoophiyaa yookaan Keeniyaa ta`uudhaf dirqama eenyummaa sabummaa isaa jijjiiruu qabaa?  Gonkumaa ta`uu hin qabu!

Namni Kiwiiriyaan  K. Angom jedhamu waan kana yoo ibsu akkas jedha, “wanti haaluu hin dandeenyee fi dhugaan hundi keenyaa fudhachuu qabnu, aadaa keessatti dhalachuu; guddinni keenyas aadaa keessatti ta`uu isaa; kan keessatti of ibsinus ta`ee jiruu hawaasummaa keenya keessatti gaggeessinu akkasumas kan nu gahoomsu aadaa ta`uu isaati. Gama biraatiin immoo eenyummaa keenya kan of nu beeksise aadaadha. Dhugaan beekkamuu qabu tokko aadaa keenyarraa akkuma fagaataa deemnuun yookaan kan biroo waliin wal-qunnamaa akkuma deemnuun aadaa qaama biroo waliin makataa deemna. Aadaan keenya garuu eenyummaa keenyaaf hiikkaa addaa akka qabu  dagachuu hin qabnu. Aadaan biroo boodatti hafaas ta`u asirratti bu`uureffamuudhaan dhiibbaa uumuu danda`a.  Aadaa kee tuffachuu jechuun eenyummaa kee irratti tuffii fiduudhaan bu`uura kankee diiguu jechuudha. Kana gochuun immoo namummaa ofii diiguu jechuudha. Namni aadaa hin qabne nama eenyummaan isaa hir`uuti. Nama of beekuu hin dandeenyeedha. Kanaaf yeroo baayyee aadaa nama biroo kabajuunis barbaachisa.”

Yaada kana bu’ura godhachuudhaan yoo ilaallu, `Rooman` keessa yoo jiraatte dirqamatti Roomaan ta`i yoo jedhamte, Roomaan ta`uu hin dandeettu!  Kun kan argisiisu, sabboonummaan dhimma uumamaa kan jijjiiramuu hin dandeenye ta`uu isaati. Kanaafuu aadaa fi eenyummaa nama tokkoo olaanaadha yookaan gadi aanaadha jettee murteessuu hin dandeettu. Itoophiyaa har`aatiifis eenyummaa fi garaagarummaan kabajamee fi wal-dandeessisuudhaan keessa jiraachuu barbaachisa. Eenyummaan sabaa dagatamee; ukkaamfamee yookaan immoo karaa faallaan hubatamee; jaalalli biyyaa fi Itoophiyummaan dhugoomuu hin danda`u. Kan mormuu qabnu sabboonummaa daangaa dabreedha malee sabummaa mataa isaatii miti. Biyya kan diigu sabboonummaa sobaati malee, sabboonummaa dhugaatii miti. Sabboonummaan dhugaa yoo dagaage aadaan walitti dhufuudhaan biyyi akka takka taatu godha. Fakkeenyaaf, sabboonummaan dhugaa yoo jiraate qaama yookaan nama tokko akka sabaa qofatti kan laalu osoo hin taane, akka lammii biyyaatti ilaala. Namni aadaa isaa kan jaalatuuf garaagarummaa qofaaf ta`uu hin qabu. Aadaan garagaraa jiraachuu qofaan sabboonummaa Itoophiyaa haaluun hin danda`amu.  Akka J. Nereeree mirkaneessetti:- “ Sooshaalizimiin dhugaa kan Afrikaa garee tokko obbolaa godhatee, kan biraa immoo akka diinatti hin ilaalu.  Obboloota kiyya jedhee warra ilaaluuf loogee, kan obboleessa isaa hin taane irratti miidhaa geessuuf hin yaalu. Namoota hundaa akka fira dhiiga isaatti laakka`a.” ( falaasama Ujaamaa jedhamuun akka ibsametti) (Nereeree 1965:170) . Ilaalchi  Afrikaa kun faaydaa waliiniitiif jechas fudhatama qabaatee Itoophiyaa keessattis hojirra ooluu yoo danda’e akka gaariitti galma qabaata jedheen amana.

Kanaafuu namni fayyaa qabu tokko tokkummaa hin jibbu. Sodaan kiyya garuu maqaa tokkummaatiin sirna ukkaamsaa akka hin uumneedha.  Namoonni siyaasaa tokko tokko Itoophiyaa har`aa irratti  aadaa tokko fe`uuf yaalu. Kun falaasama dogongoraa fi gonkumaa fudhatama hin qabneedha. Aadaa ofii kan nama biroo irratti fe`uun dhumarratti fottoquu fida. Falaasafaa fi Phaaphaasiin Kaatoliikii lammii Keeniyaa, Maakuumbaan, eenyummaan saba tokkoo biyya cimtuu ijaaruudhaaf bu`uura akka ta`e ibsuun yaada armaan gadii dhiyeesse. “Namni tokko eenyummaa isaa saba isaa irraa adda baasee ilaalcha biyyoolessummaa qabaachuuf yoo yaale, dhugarraa kan fagaatuu fi abjuudha. Kana jechuun eenyummaa biyya keetii dhiisuudhaan ilaalcha Paan-Afrikaanizimii gaggeessuuf yaaluu jechuudha.  Yaada faallaadhaan yoo ibsamu, ofii kee qaama biroo keessatti of awwaaluun, sodaadhaan saba biraa fakkaachuun yookaan wabii addaa argachuuf jecha deemuu jechuudha. Jaalala  biyyaa qabaachuudhaaf ka`umsi  eenyummaa sabummaa ta`uu isaa hubachuu barbaachisa.”

Haaluma wal-fakkaatuun Iyyaani`eel Markaahaam akkas jechuun ibse. “ tokkmmaan aadaa tokko’ afaan tokko; amantaa tokkoo fi ilaalcha tokko qabaachuudhan osoo hin taane, afaan,aadaa, amantaa fi ilaalcha garagaraa qabaatanii akka filannootti waliin jiraachuudhaan kan dhufuudha. Nyaata gosa adda addaa, amantaa   adda addaa fi ilaalcha adda addaa keessummeessuu nu barbaachisa. Manneen barnootaa fi miidiyaaleen yaada tokko tamsaasuu irra yaadni garagaraa akka dhagahamu gochuu qabu.”

Falaasama seenaa Itoophiyaa keessatti walitti ukkaamsanii bulchuun mirga dhalattoota biyyattii fi dhaabni isaa akkasumas kabajni ijaarsa biyyaa sarbamee ture.  Gatii eenyummaan qabu dagachuu jechuun Itoophiyaa cirracha gubbatti ijaaruu jechuudha.

Dr. Mararaa Guddinaa ammo dhimma kana yoo ibsan akkas jedhu, “Sirni Mootichaa federeeshinii Ertiraa diiguudhaan mormitoota Joobahaa fi Shaabiyaa jedhaman horate. Tokkuummaa Itoophiyaa irratti gaaffii homaatuu kan hin qabne hooggantoota Waldaa Misooma Maccaa fi Tuulamaa ukkaamsuudhaan oolee bulee kan argate Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) dha. Dargiinis dabaree isaatti tokkummaa Itoophiyaa irratti gaaffii homaa kan hin kaafne, Paartii Warraaksa Tokkummaa Itoophiyaa (ኢህአፓን) adda-durummaan hayyoota Tigraayiin durfamu ukkaamsuun TPLF`n argate. Paartii Oromoo biratti beekkamuu fi hayyoota Oromoo baayyeen durfamu Paartii Warraaksa Sooshaliziimii Itoophiyaa (መኢሶን) ukkaamsuudhaan sabboontota addaa kan Oromoo horate.”(ዶ/ር መረራ ጉዲና፣ የኢትዮጵያ የታሪክ ፈተናዎች እና የሚጋጩ ሕልሞች፤ የኢህአዴግ ቆርጦ ቀጥል ፖለቲካ፣ 2008፣ ገጽ. 23)

Fakkeenya biraa yoo fudhanne, Bara mootichaatti Ministeera Ministeera Barnootaa kan turan, Sahaalee Tsadaaluu, bara 1933 tti labsii baayyee dogongora ta`e kan armaan gadii akka labsamu godhanii jiru.

Humni biyyattii tokkummaadha; tokkummaan afaanii fi amantaa dhala. Kanaafuu Itoophiyaan akka duursitu kabachiisuudhaaf; tokkummaa ishiis itti fufsiisuuf, aadaa hanga ammaatti qabnu cimsinee; afaanii fi amantaa manneen barnootaa hunda keessatti babal`isuun labsiidhaan Itoophiyaa guutuu dhuunfachuu yoo dadhabne tokkummaa fiduu hin dandeenyu. Guutuu Itoophiyaatti hojii foonii fi hafuuraatiifis afaan Amaaraa fi Gi`iizii qofti seeraan mirkanaa`ee, afaanonni biroo kamiiyyuu akka badan gochuu barbaachisa. Mishiinaroonni manneen barnootaa fi Hospitaalotas akka hin ijaarre dhoorguu barbaachisa; yoo ijaaranis Afaan alaatiin barsiisuus yoo ta`e carraa lammiilee itoophiyaatiif kennuu qabu.” (ባህሩ ዘውዴ 2005 ገጽ. 132-14)

Labsii olii kanarraas wanti hubannu, adeemsa sirna leexaa /Unitary/ keessa ukkaamsaan aafaanii, eenyummaafi aadaa jiraatee aadaafi eenyummaan warra tokko kan warra kaanii caalee akka mullatu taasisa jechuudha.  Kanaaf egaa sababni Sirni Leexaa /Unitary/ (Mootummaa Giddu galeessaa) kan jibbameef. Kunis  sirna ukkaamsaa mormuudhaaf malee, tokkummaa balleessuudhaaf miti. Itoophiyummaa fi sabboonummaa karaa sirrii ta`een akkamitti walitti araarsinee, biyya qaama hundaaf dimokiraasiidhaan qixatti tajaajiltu akkamitti uumuun akka danda`amu fulduratti bal`inaan itti isin deebisa.

Turtii gaarii nuuf haa ta`u!

Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

Most Popular

Bill and Melinda Gates say Trump’s halting of WHO funding is dangerous

Bill and Melinda Gates say Trump's halting of WHO funding is dangerous and 'does not make any sense' as the philanthropists pledge an extra...

Bill Gates on how to fight future pandemics

Bill Gates on how to fight future pandemics The coronavirus will hasten three big medical breakthroughs. That is just a start By Bill Gates, Apr 23rd...

U.N. Chief Warns Authoritarians Are Weaponizing Pandemic to Subvert Human Rights

U.N. Chief Warns Authoritarians Are Weaponizing Pandemic to Subvert Human Rights At the United Nations, Secretary-General António Guterres warned Wednesday that authoritarian governments are exploiting...