Sirni Leexummaa Yaad-Rimee Qabatama Hin Qabne Kan Jiruu Fi Jireenya Ilma Namaa Irraa Adda Ta`Eedha!

Yooseef Mulugeetaa Baabbaa (Ph.D), Guraandhala 16, 2020
Afaan Oromootti kan hiike Qaasim Amaanooti.

Kutaa-2ffaa

Hedduminni seera uumaa waan ta`eef, biyyi hedduminna hin keessummeessine itti fufuu hin dandeettu. Itoophiyaa keessatti heddumina sabootaa akka sodaatti ilaaluun Seenaa waliinii itti fufsisuufis ta`ee waliin jiraachuudhaaf rakkoo uuma. Dachee Itoophiyaa kana keessatti mirgi sabootaa fi nama dhuunfaa qixatti mirkanaa`uu kan danda`u hedduminaaf beekamtiin yoo kenname duwwaadha.

Qaamoleen tokko tokko hedduminaa fi afaan akka taatee yeroo dhiyootti fakkeessuun dhimma siyaasaatiif yommuu oolchan ni mul`ata. Fakkeenyaaf: gaaffiin sabummaa Itoophiyaa keessatti akkka waan haarawa ta`etti qaamonni morman ni jiru. Kun dogongora guddaadha. Seenaa fi falaasama Itoophiyaa keessatti gaaffilee ijoo lamatu ture. Gaaffii wal-qixxummaa (faaydaa qixa argachuu) fi eenyummaa sabummaati. Gaaffileen kunniin ifatti kan dhooyanii mul`atan bara 1960`moota keessa yaa ta`u malee sanaan duras turanii jiru. Rakkoon guddaan ture garuu beekkamtii kennuufii dhabuudha.  Gaaffiin sabummaa bu`aa sirna ADWUI tii miti. “Gaaffiin sabummaa hin turre jechuu fi gaaffii sabummaa akkamitti Itoophiyummaa waliin walitti araarsina? ” jechuun wantoota adda addaati!

Tokkoffaa irratti eenyummaa sabummaa jechuun namoota dhiigaan walitti dhufan hin argisiisu. Sabboonummaan taatee seenaa akkasumas hawaasummaa walitti dhufeenyaa fi waliin jireenya ummata Itoophiyaa yeroo dheeraaf tureen kan uumameedha. Kanaafuu Itoophiyummaan aadaa fi seenaa irraa adda bahee ibsamu tokkos hin jiraatu. Gama biraatiin eenyummaan sabummaa uumama (ontological) waliin waan walitti hidhata qabuuf filannoo dhuunfaa nama tokkootii miti. Sabummaa qofa osoo hin taane, koorniyaa fi bifas filannoodhaan argachuun hin danda`amu. Eenyummaa uumamni naaf kenne balleessuu hin danda`u;fedha balleessuu osoo qabaadheeyyuu uumama  waliin walitti bu`uu ta`a. Namni uumama waliin wal-dhabe yoomiiyyuu mooyatamaadha.

Kanaafuu, Itoophiyummaan sabummaa cinatti dhiifte taanaan, boca malee qabiyyee waan hin qabneef itti fufuu hin dandeettu. Namni tokko hamar ykn konsoo ta`ee Itoophiyaa filatamaa yoo hin taanee rakkotu jira jechuudha. Itoophiyummaa eenyummaa adda ta`e tokko qofa keessummeessitu yoomiiyyuu uumuun hin danda`amu. Amma booda dachee Itoophiyaatti garaagarummaa obsaan kan hin kabajine, qaama ilaalcha tokko qofa isinirratti fe`a jedhu baadhachuun hin danda`amu. Filannoon jiru  Itophiyummaa eenyummaa hedduu fi amantaa adda addaa qixatti keessummeessuun hammattu uumuudha. Akkuma falaasafaan jedhe” nageenyi jiraachuudhaaf, filannoon jiru qaamni biroos akka jiraatu haayyamuu qofaadha”

Ilaalcha fiwudaalaa “nuun olitti Itoophiyaan dhugaa hin uumamne” jedhu yeroon irra dabree jira. Itoophiyummaan eenyummaa sabummaa hin hammatu taanaan ummanni siyaasa isaaf ta`u filachuun waan hin oolleedha. Eenyummaa ummatichaa (afaanii fi aadaa) isaa osoo hin kabajiniif, lafa (lagaa fi gaara) isaa jaalachuun tuffii tuffii oliiti. Seenaa dhugaa kana immoo ummata Ertiraa irraa barachuun ni danda`ama.

Tokkummaan Itoophiyaa jiraachuu kan danda`u hawwii qabatama hin qabnee fi ilaalcha siyaasa adda addaa dirqamaan ykn waliigalteen itti fe`uudhaan walitti ukkaamsuudhaan miti. Waliigalteen biyyoolessummaa fi tokkummaan ummataa afaan,aadaa fi amantaa tokko qabu uumuun barbaachisaadha jechuun falaasama dadhabaa ta`e qabatanii deemuun jiraachuu Itoophiyaatiif balaa guddaadha. Seenaa siyaasa Itoophiyaa keessatti gaaffii eenyummaatiif ka`umsi inni guddaan sirna leexaa akka ta`e osoo beekamuu paartileen siyaasaa tokko tokko akkamiin walitti baquu akka barbaadan ifaa miti. Afaan, aadaa fi seenaa garagaraa dirqiin walitti makuun walitti ida`uuf yaaluun finxaalessummaa hamaa fi balaa guddaadha. Oduun durii afaan tokko;aadaa tokkoo fi amantaa tokko jettu gatii hangamii akka nu kafalchiise seenaan ummata Itoophiyaa raga guddaadha. Falaasamni akkanaa kun Gadaafummaa (reductionism) kan jedhamu yommuu ta`u,ilmi namaa ilaalch mataa isaa kan aaddunyaa ittiin hubatu qabaachuu isaa akkasumas yaadota qaama hedduu xiyyeeffannoo keessa kan hin galchineedha.

Yeroo baayyee warri sirna leexummaa barsiisan falaasama bu`uura hin qabne kan Itoophiyummaa jedhuudha. Itoophiyummaa yommuu jedhamu, garaagarummaa aadaa fi seenaa saboota biyyattii jidduu jiru haaluun alatti hiikkaa biraa hin qabu. Kun immoo Itoophiyummaa kallattii tokkoon faarfamuun alatti kanneen birootiif beekkamtiin hin kennamu. Inumaayyuu afaanii fi aadaa akkasumas siyaasa adda ta`e tokkoof olaantummaa kennuun garaagarummaan aadaa biro ni haqama. Imaamanni barnootaas haala kanaan bocama. Tanaan dura sirni bulchiinsa warra Kaabaa ummata Itoophiyaa gara kibbaa “hin qaroomne” jechuun sirna baroota isaanii barsiisuuf yaalaa turanii jiru.  Biyyattiin saboota aadaa fi afaan adda addaa qabdu taatus warri sirna leexaa leellisan gara biyya qaniyyee takka qabdutti gadi xiqqeessuu barbaadu ture. Haala kanaan biyya guutuu akka isaaniif tolu qofatti bocuu barbaadu. Leellistoota Itoophiyummaatiif gaafiin siyaasa eenyummaa yoomiiyyuu gammachuu hin kennuuf. Kanaafuu garaagarummaa aadaa ballleessuun Itoophiyaa olaantuu takka ijaaruuf yaaluu isaanii itti fufan. Xiyyeeffannoon isaaniitis akkuma barreessitoota warra lixa addunyaa seenaa qaamni hundi ittiin boonu tokko qofa ijaaruuf kan yaalaniidha.

Mootummaan ammaa kunis sirna leexummaa ykn falaasama ida`amuu jedhuun, gama tokkoon tooftaa addunyaa haaraa kan jedhamu kolonummaa warra lixaa harka garaa jalaatiin hojirra oolchuuf kan yaalaa jiru ta`uu isaa beekuun barbaachisaadha. Yaad-rimeen addunyaa haaraa jedhamu kun faallaa warra Awurooppaa yommuu ta`u, ofii isaanii qulqulluu gochuun ilaalchi isaanii qofti addunyaaf akka taatutti warra ilaalaniidha.  Sirni haaraa kun (Ilaalcha tokko, karaa tokko, amanntaa tokko) qofatu barbaachisa jechuun kan seenessuudha. Gama biraatiin immoo karaan addunyaawaa haaraan kun, heddumina aadaa Awurooppaa (cultural pluralism) kan hin fudhanne ykn garaagarummaaf obsa kan hin qabne; aadaa tokko qofa (uniformity of culture) kan gadi hin dhiifne; dhuunfaa waaqeffachuu irratti kan cichu (individualism) human ofiitii ol uumama of harkatti galfachuuf kan hiixtan; ofii isaanii uumama biro irraa adda of godhanii kan ilaalan; rakkoo ilma namaa hundaaf deebii nan qaba warra jedhu; ilaalcha baayyee boodatti hafaa maqaa qaroominaan (civilization) ykn hammayyummaan (modernism) tiin kolonummaa harka wayyaa jalaa (neo-colonization) gaggeessuu barbaaduudha.

Haata`uu malee siyaasni Itoophiyaa rakkoolee hawaasummaa furuu kan danda`amu aadaa tokko qofa calanqisiisuun osoo hin taane, kaayyoo waliinii yoo qabaatan duwwaadha. Paartilee adda addaa walitti baqsuun tokkummaa dhufu hin jiru. Gaaffiin amma jiru kan eenyummaa fi ofiin of bulchuu ta`ee osoo jiruu paartilee  walitti makuu fi falaasama ida`umuu bocuudhaan gaaffiin deebi`u hin jiru. Sababni isaatis deeggarsa hawaasaa waan hin arganneefiidha.

Mariin dhimma filannoo hin qabneedha!

Yeroo ammaa sabboonummaa Itoophiyummaa fi sabboonummaa sabummaatiif madaalliin eeggamuun haala itti dadhabame irra geenyee jirra. Kanaafuu dadoowwan dabranii fi rakkoolee yeroo ammaa wal-dhabee fidaa jiran balleessuun gaarii ta`a. Akkamitti lammuummaa Itoophiyaa fi muuxannoowwan aadaa gara garaa sabboonummaa Itoophiaa waliin madaalchisuu dandeenya? Walitti makamuunis ta`ee gargar fottoquun tokkummaa lammummaa biyyaatiif rakkoo ta`u. Hooggansa   siyaasa Itoophiyaa ammaa irraa kan eeggamu yaada walitti makamuu fi adddaan fottoquu walittti dhiyeessuudha.

Kana gochuudhaaf jaalala biyaa fi tokkummaa waliigaltee irratti hundaa`e kan saboota qixatti hirmaachise jajjabeessuudha. Hoogganoonni bulchiinsa gaarii kallattii hundatti fudhatama qabu hojirra oolchuudha. Warra makamuu dhaadhessan (siyaasa kolonummaa) gaggeessanii fi addaan fottoquu (sabummaa) dhaadhessan walitti dhiyeessuun kaayyoo waliiniitiif akka hojjetan gochuudha. Mariin furmaata ijoo yommuu ta`u, kanneen daangaa adda addaa dhaabbatan akka wal-amananii fi ijjannoo waliinii qabataniif kan gargaaruudha. Warri waliin morkatan kunneen wal-qixxummaa fi haqummaa ummata Itoophiyaa guutuutiif qabsaa`uu qabu. Walitti dhufeenyi madaalawaa ta`e waliigaltee seena-qabeessa hunda biratti fudhatama argatu hojirra oolchuuf faaydaa guddaa qaba. Ilaalchi hunda keenyaatuu yoo jijjiirame hooggantoota siyaasaa ceesisuuf gahee guddaa qaba. Keessattuu garaagarummaan sabboonummaa sabaa fi Itoophiyummaa gidduu jiru akka waliigaltee biyyoolessummaa hin qabaanneef danqaa guddaa ta`anii jiru. Garee daangaa lamaan dhaabbatuun yaada gara garaa qaban kana bifa taasgabbii qabuun walitti fidanii wal-qixxummaa fi haqummaa biyyaatiif hojjechuu barbaachisa.

Itti fufa…

Turtii gaarii!

Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...