Nagaa fi tasgabbii haaraa lammiilee Oromiyaaf argamsiisuuf Mootummaa Cehumsa Biyyoolessa Oromiyaa furmaata maayiiti.

SQ – Onkoloolessa 30, 2020
Nageenya biyyittii keessatti dhabame addatti immoo Oromiyaa fi lammiilee Oromiyaa irratti ajjeechaa ,hidhaa,Saamicha, qe’eerraa buqqa’uu lammiileef furmaanni Mootummaa Cehumsa Biyyoolessa Oromiyaa ABOn labse irratti qaamotni hawaasaa hirmaannaa isaanii cimsanii dirqama isaanii yoo bahatan dararaan lammiilee Oromiyaa addattis Oromoota irratti raawwatamaa jiru xumura argata.
Hayyoonni,Abbootiin Amantii, Activistitootni, Artistootni, Abbootiin Gadaa,Abbootiin Qabeenyaa,Qotee bultootni fi qaamotni hawaasaa hanga filannoon haqaa biyyittii keessatti gaggeeffamutti fedhiin osoo hin taane jiraachuu lammiilee Oromiyaa dhugoomsuuf dirqama Mootummaa Cehumsa Biyyoolessa Oromiyaa kana tumsuu nurra jiraatu. Mootummaa Cehumsa Biyyoolessa Oromiyaa ABOn labse kun kan qaamotni hawaasaa hundi keessatti qooda fudhatan malee kana dhaabni kallacha ummata Oromoo ABO qofti ofii keessatti qooda isaa bahatu miti.
ABO waamicha dhiyyeesse furmaannii fi falli maayii Oromiyaa fi lammiilee Oromiyaaf nagaa fi tasgabbii dhabame deebisanii dandamachiisuuf Mootummaa Cehumsa Biyyoolessa Oromiyaa qofa hanga filannoon haqaa gaggeeffamutti kan jedhe haa tumsinu. Jireenya keenyaafis tahe jiraachuu keenyaafis wabiin nageenyi yoo jiraatedha nagaa fi tasgabbii haaraa lammiilee Oromiyaa maraaf akka jiraatuuf Mootummaa Cehumsa Biyyoolessa Oromiyaa tumsuun dirqama.
Kan hidhame haa hiikamu jechuuf Mootummaa Cehumsa Biyyoolessa Oromiyaa tumsinee akka hiikamu haa goonu.
Image may contain: one or more people, text that says'OROMO NATIONAL TRANSITIONAL GOVERNMENT'

Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...