TAMISASAA ODUU IJOO AFAAN OROMO; RSWO

ODUU Hatattama WBON hidhamtota siyasaa 130 ol basu lola jaba tplf fi nafxanya kuno |Moha Oromo


TAMISASAA ODUU IJOO AFAAN OROMO


Uummanni Oromoo Beelaaf saaxilamaa jiraachuu: Ona Najjoo


Lixa Oromiyaa, keessattuu, Konyaa Lixa Wallaggaa fi Qeellem Wallaggaa keessatti, Uummanni Oromoo LMKII’n dirqisiifamuun, yeroo dheeraaf akka midhaan hin oomishanne taasifamaa; oomisha ooyiruu irraa qabus akka hin galfanneef, ooyiruu irratti jalaa gubamaa turuun wal-qabatee, yeroo ammaatti Uummanni Oromoo Ona Najjoo keessa jiru beelaaf saaxilamee jiraachuu.

Matakkal: Maanguddoon Oromoo, Obbo Dhinsaa Goobanaa jedhaman, Kamisa Adoolessa 15, 2021, Konyaa Matakkal, Ganda Goongoo jedhamuun waamamu keessatti, ooyiruu isaanii irraa gara manaatti osoo galaa jiranii, Loltoota Mootummaa Koloneeffataa Impaayera Itoophiyaan karaatti qabamuun, mana isaanii fuul-duratti geeffamuun, sa’aa lamaa oliif mukatti hidhamuun erga turfamanii booda rasaasaan ajjeefamuu; haati warraa isaaniis LMKII’n akka malee dhaanamuun miidhaa qaamaa irra ga’eef hanga har’aatti wal-aansa fayyaa tokkollee hin argatin jiraachuu.



Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.