Tarkaafiin Waraanni Bilisummaa Oromoo Fudhatu jabaate itti fufe

Tarkaafiin Waraanni Bilisummaa Oromoo Fudhatu jabaate itti fufe

Caamsaa 16, 2021
Tarkaafiin Waraanni Bilisummaa Oromoo

Waraani Bilisumma Oromoo Zoonii Giddugaleessaa Ona Kuyyuu bakka addaa Ganda Dhahee jedhamtutti tarkanafii fudhateen waraana mootummaa irraa 21 ajjeesuun 14 ammoo madoon adabuu beeksiseera.

Achuma Ona Daarrattis tarkanfii WBO tarkaanfii fudhateen waraana mootummaa irraa 29 ajjeesuun 26 madoon adabuu ifoomse.

Akkasuma naannoo bosona Nyaamaaritti tarkaanfii fudhateen waraana mootummaa 35 ajjeesuun 28 madoo gochuun beekameera.

Dabalataan, Caamsaa 15/2021 WBOn Zoonii Giddu Galaa Kaabaa fi Kaaba Lixa Shaggar keessa socho’u Ona Abuna Gindabarat Ganda Migir keessatti haxxee hidhuun tarkaanfii laalleessaa fudhateen waarana mootummaa 20 ajjeesuun 10 madoo ulfaataan adabuu beeksiseera.

WBO Zoonii Lixaa Ona Qondaalaa bakka addaa Zeebee jedhamutti waraana mootummaa uummata dararaa ture 74 ajjeesuun 61 ol yoo madeessu, akkasuma Ona Mandii iddoo lamati tarkaanfii fudhateen loltoota mootummaa 93 ol ajjeesee 86 ol madoon adabuun meeshaa baay’ee hiikuun moora qabsoo uummata Oromoof galii gochuu beeksise.

Godina Qellem Wallaggaa Ona Sayyoo ganda Walgahii Guddinaa (Walloo Baangaa) bakka addaa Baangayii jedhamutti WBO’n tarkaanfii fudhateen injifannoo galmeessuu beeksiseera.


Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.