Tarkaanfii Ijibbaataa OPDO Tibbanaa

Dubbisaa Share Waliif Godhaa OPDO Moofaan deebi’aa jirti.

Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa

OromooBaadiyyaa Bakka Hundaatti Walgahi Uummataa Dirqamaan Kan gaggeessaa jiru Rayyaa itti Biyyaati. Waraanni ulee fudhatee akka Waraanaa Dargi Reebee walgahi Nama Yaasaa jira.

Haala Komaandi Lixaa fi Kibba Oromia.

Yeroo Darbe Komaandi postiin Leenji Hoggansa Bulchiinsa Sadarkaa Gandaa Guutuu Oromiyaatti Leenji Guyyaa 10niif Dhimma Caasaa Gandaa deebisani ijaaruu irrati Ganda tokko irraa nama saddeti(8)filani leenjisani hojiitti bobbaasani turan. Haata’u malee namoonni kun utuu waan itti leenji’an kana utuu hojiirra hin oolchin achumaan dhiisani hafan.Namoonni leenji’a kun dubbii Hamtuu kanaan Uummata keenya dararaa dabalaataa keessaa hin galchinu jechuun didan. Dabbaalataan Haala yeroo keessaa hin gallu jedhani baayyeen isaani hojicha didani kaan hidhamani kaan immoo hojicha dhiisani magaalatti galani ta’aa jiru.

Haata’u malee #Tibbana immoo opdio tarkaanfii ijjibbaataa fudhannee ammas deebifnee tooftaa jijjiirree Ammas Bulchiinsa Ganda deebiifnee ijaarraa jedhani Walgahii Sadarkaa Aanaatti waamani maree eegalani jiru. Haaluma kanaan Namoota bara mootummaa TPLF (Wayyaanee)Muuxannoo­ hoggansaa Caasaa Gandaa qaban Caasaa opdio Moofaa Kaabinee Gandaa Durii fi Caasaa milishootaa durii kan yeroo amma hoji dhiisani Uummatatti makamani baadiyyaa keessa jiraachaa jiran Deebisani Caasaa Gandaatti Filaa jiru. Tooftaan kana Aanaalee akka Godina Qellem jalaa Aanaa jiran hunda jalatti tooftaa kanaan deebisaani Caasaa durii filaa jiru. Kana malees G. W. Lixaa Gimbi jalaas aanaalee akka Gulisoo, Haaruu, Hooma­a, Ayira, M andi, Qondaal­aa, Qiltu kaarraa, Begi, Najoo, L­ataa, etc. dhaa Caasaalee gandaa bara wayyaanee basaastummaan Nama hiraarsuu fi Dararuutiin Muuxannoo hoggansaa gandaa cimaa qaban Dirqamaan Uummanni walgahi bahee deebisee akka filatu godhani hojjetaa jiru.

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...