Tarkaanfii WBO Zoonii Kibbaa, Guraandhala 14, 2021

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 

 


Walaloo

#Kaleessa;

Xiyyaarri utuu hin hafin
Guurtee taankiif Bazuqaa
Federaalaaf humna addaa
Zaappaaf milishaa buqaa,

 

Utuu tokko hin hanbisin
Wallaggatti Bobbaastee
Ilmaan haadha hiyyeessaatti

Maqaa shanee moggaastee,

 

Jaarsa Hojjetaa isaaf
Laaqana geessuuf kaatu
Isa qotee horsiisee

Dafqa cobsuun jiraatu,

 

Shaneef geessita jettee
Itti roobsuun rasaasa
Qonna isaa jalaa gubdee

Hagabsiteetta ilmaansaa,

 

Dubbatamee dhumaaree
Badiinkee yaa namana
Mee waa xiqqoo dubbadhuu

Keessumaa kan baranaa?

 

Gujiif wallaggaan irraa
Kuttee ibsaaf Quunnamtii
Waraanni kee gudeedee

Daa’imaafi dubartii,

 

Godoo haadha hiyyeessaa
Abidda itti qabsiisee gubee
Akka waan ammas-qalaa

Itti naanna’e sirbee,

 

Guddaaf Xiqqaa hidhaatti
Qabee isaan darbatee
Yeroo fedhetti ajjeesee

Bosona keessatti gatee,

 

Maatiin reeffa ilma isaa
Lafaa kaasuu sodaatee
Utuu iji isaa ilaaluu

Bineensi jalaa nyaatee,

 

Kadhaa meeqaan coratee
fudhatee hambaa bineensaa
Ilma isaa awwaalaa bahe

Gujiif wallaggi kaleessa.

 

Har’ammoo,
Akka waan jaalalakeen
Maraatee Uummatni wallaggaa
Akka waan afaan qawween

Mirkaneessitee nagaa,

 

Kaabinoota kee guurtee
Waraanatti uffistee uffata
Kaameeraadhaan waraabdee

Fakkeessitee uummata,

 

Saba gowwoomsuuf yaaltus
Miidiyaadhaan gabaastee
Dhiyootti hinuma haamta

Waan kaleessa facaaste!

 

Dhagaa bu’uuraa jettee
Ittiin sobuuf uummata
Inni ati har’a keesse

Boollakee irra dhaabbata.

 

Kaabineen jettee uummata
Nu hin sobdu akka duraa
Hundeetti si buqqisuuf

Qeerroon Bosona jira.

 

………………..­……………………………………………………………….

Yadesa M Gudina
May be an image of 2 people, people standing and outdoors

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.