Uummatni Keenya Abaarsa Qaba Laata?

Uummatni Keenya Abaarsa Qaba Laata?

Damee Boruu: 11/24/2020

Abiy regime encourages border conflicts between communities

Waan diinni keenya nuun jedhu dhiifnee maalummaa keenya of xinxaluun barbaachiisaa natti fakkaatee jira. Warri ilaalcha koo kana faallaa fudhatan waan akka uummataatti nu irraa barbaadamuu godhaatii akka hubannaan koo qajeelaa hin taane mirkaneessa. Warri  garaan keessan gubachaa jiru immoo WBO keessa jiru. Noruu WBO! Isin ijoolle Jeneral Taadasaa Biruu waan taataniif komiin koo isin ilaalu. Utuu isin hin jraannee boquu keenya ol qabannee deemuu hin dandeenye. Jabaadha! Injifannoon galaa! Gufuu fi gufaatiin isin hin argatiin. Kana booda gara Saba Oromoo tarkaanfachuun barbarbaada.

Saba Oromoof beekaa fi Gootni akka Jeneraal Taadasaa Biruu deebisee waan dhalaataaf jiru hin fakkaatu. Yoo dhalateef illee lubbuu hin dheeratu. Jeneral Taadasaan Uummata Oromoo ijaare qabsoo gochuuf akka karaa dheeraa deemuu qabu bareechee hubatee jira. Maqaa waldaa wal gargaarsaan Ijaarsa Mecaa fi Tullamaan Oromoota wal itti fiduun akeeka isa duraa ture. Diinni Oromoo Uummata akka gargar facaasee lafatti dhidhiitaa irra deemaa jiru bareechee hubatee jira.

Isilaamnii fi Kristaanii bakka tokko itti hin nyaatan jedhee diina Uummata Oromoo ijoollee abbaa tokko gargar baasee jira. Tooftaan kun Mootota Habashaa tooftaa bara baraan Oromoo gargar baasanii bituuf ittiin faydaman keessaa isa duraa ture. Jeneral Taadasaan Oromoota amantii hunda qaban Arsii keessatti bakka Dheeraa jedhamutti walitti fidee akka horii qalanii waliin nyaatanii ilmaan abbaa tokko akka tahan wal barsiisaa jira. Mootummaan Haayile Selaasee waraana taankii fi madifii gurguddaa qabu wajjin nama Jeneral Taadasee Dubballee jedhamuun hooganee itti erge.

Akka dhufeen wal gahii kana ammaaf ammatti facaasii jedhee jeneral Taadasaa Biruuf ajaja dabrsa. Jenerel Taadasaa Biruu atis jeneraala anis jeneraala badi asi harkaa irraa ajaja hin fudhuu jedhee dida. Yaroo sana uummatni achi jiru rommuu jalqabe jedhama. Waan inni gaafa sana uummata Oroomon jedhetu waan jabaadha. “Maaloo garaan keessan aaree akka gubatu mimixa/barbarree nyaadhaa, isin dura aanaan ajjeesu hin sodaatina” jedhe. Waraanni gaafa sanaa balaa hin buufne. Garuu Jeneral Taadasaa fi akeeka isaa balleessuuf Mootummaan Haayile Silaasee isa adamsuu itti fufe. Basastonni Mootummaa boobii mana Siniima Ejersa Goroo jiru irratti darbanii Waldaa Mecaa fi Tullamaan akka rawwate raga qabna jedhanii Hoongantoota waldaa kana irratti kisiin banamee warri akka Mamoo mazamar yaroo fanifamu, Jeneral Taadasaaf du’a irra gara umurii guutuu hiidhamutti Haayile Silaaseen foyyeessef. Sana booda amma Haayile Silaaseen kufu qofaa baafamee Galmsoo hidhaa qofaa bahu irra ture.

Akka Mootummaan Haayile Silaasee kufeen gara Finfinnee itti deebi’ee qabsoo gochuuf Kononeel Haailuu Qixxeessa miseensa Dargii nama ture dabalatee dagalaa Jibaatii fi Mecaa hundura uummata isaa tahe seene. Kan harka isaa qabee diinaaf kenne uummata koo jedhee warra inni aangoo guddaa qabu irraa gadi of buusee qabsaa’uuf jiru tahuun baayyee nama dhukubsa.  Akkuma har’a kana Dargiinis kijibaan warra Abbaa lafaa jechuun jeneral Taadasaa fi Kononel Haailuu itti geerare barataa Meles Takilee fi qootee bulaa tokko wajjin rashane. Jeneral Taaadasaan lafa taakkii tokko hin horanne. Garuu nafxanyoonni abbaa lafaa jedhanii ajjeessan.

Maxxansaa gababaa kana keessatti Seenaa Jeneral Taadasaa Birruu barreessuf yaaluu koo miti. Hubannaa isaa keessa waan gugguddaa lama waa’ee Ummata Oromoo hundura dubbii qoratamuu fi hubatamuu qabu inni kaase ifatti baasuu yaaluufiin yaade. Oromoo kun gargar fafaca’aa akka tahe hubatee walitti fiduuf tattaaffii yaroon isaa hin geenye godhe.  Inni lammaffaa “mimixa/barbarre nyaadhaa garaan keessan haa gubatu” kan jedheef Uummatni Oromoo akka sabaatti soda guddaan akka guutamee jiru hubachuu isaa akka tahe ifaa dha. Kan gochuu danda’u of dhiiga isaa uummata isaaf dhangalaasuun xurree qabsoo nuuf baase.

Oromoo keessa gantuu fi galtuu lakkobsa hin qabnetu jira. Kana beekne qabsoo itti seenuu qabna. Dalloonni har’a kana bareechanii hubachuu qabu. Yoo kana hin hubanne wareegama guddaa baasuuf deemu. Diina Wayyaanee of irraa kaafne kan nafxanyaa of itti fudhannee jirra.  Diina nafxanyaa nu irraa fagoo jiru utuu ilaalaa jirru gantuun bobaa keenya jalaa boola akka nuuf qotaa jirtu daganna. Yaroo boola buunu quba nyaachuun gatii hin qabu. Ilmaan Oromoo isa hidhamuu fi ajjeefamuu duba gantutu bobaa jala jira.

Yoo nagaan jiraachuu barbaadne gantuu fi galtuu nuyi jidduu jirtu of keessaa haa baafnu. Ajjeecaa bara kana hidhamuuf ayyaana argachuu kana hawwisiisu tahaa jira. Warri bilxiginaa ofiin jettu OPDOn seera isa kamiin mana hidhaa keessaa nama baasaanii, mana keessaa nama fudhanii nama ajjeesuuf eehama qabaatte? Seerri biyya keessa jiruunis tahe biyyaa lafaan haalli sukaneessaa kaa eehamu hin jiru. Gochi OPDO kun sagalee guddaan abaraumu qaba. Lubbuun ilmaan Oromoo amma lubbuu bilaachaa illee ulfina dhabee jira. Kan ulfinaa isaaf malu of dhowwate uummata keenya. Yaroo diinni “girisa” jedhee nu waamu keessa keenya ilaaluu qabna ture. Waaqayyo lakkoobsa keenyaan nu eebisee, qabeenyaa fi qillensa lafaan nu badhaasee jira. Karaa biraa waan onnee nutti waakkate fakkaata.

Mee qalbiin waan leenci tokko hoomaa girisa gafarsaa godhu qalbiin ilaala. Kan guddina isaanii immoo kan baayyina isaanii. Yaroon sana ilaalu garaan na gubata. Hoomaan gafarsaa kun uummata koo natti fakkaata. Loluu isa hin barbaachisu. Utuu onnee qabatee dhabatee leenca isa ari’uu kana lafatti irra deemee daaraa gochuu danda’a. Maaliif uummatni keenya du’uu malee ajjeesuu walaale? OPDOn seera waan jedhamu yoo hin beektu tahe uummatni keenya seera eenyuu kabjaa jira immoo sodaatee rommaa jira. Karaa koof waan hoomaa gafarsa sana irraa adda tahe hin argu.” Hoomaa girisa manaa tokkicha risaa wayya” jedhu warri geeraru. Gaarummaan baayyina qabaachuu gilbeefanne bitamna malee sanyii keenya dugugamee laayyootti hin dhumu. Duguugamnee baduu irraa waan ollu natti fakkaata.

Fincila Xumura Gabrummaa gochaa jirra yoo jenne utuu seerri jiraate iyyuu seeraa ala mirga keenya eegsisiifachuuf qabsoofna. Utuu kadireen, kabinees, poolisii fi sareen OPDO illee nu ajjeesaa jirtu fincila gochaa jira jechuun qaani’a. Karaa eeguu fi gabaa uguruun fincila miti. Yoo baayyate didaa taha. Kana dura waraana kumaatamaan nu irraa qubsiise nu uukkamsee nu qabee jira jennee wakkana. Waraani nafxanyoon OPDO irraa boojite qabdu kunoo ijoollee Tigray kumaata dhibbaan kan itti dhaqe rasaasan waadaa jirti. Waraanni Tigray deeme dhadhaabata(crunch) qabate malee abdan kilaashinkoovi qabatee nutti hin deebi’u.

Uummatni miliyoona shantamaa ol taha jennu saroota OPDOn gad gototamee akka bineesa guyyaa guyyaan ajjeefamaa jira. Uummatni yoo fincile diina kana halkan tokkotti of irraa kaasee buluu utuu danda’uu maaliif taa’ee dhuma? Orma irraa baratu malee onnee ergifachuun hin danda’amu. Warra Wayyaanee akkataa itti humna nfxanyoota of irraa ittisaa jiran ilaala. Humna Wayyaane waraanni fi mishaan waraanaa baraa qabu dadhabe kana fincilli Uummata Oromoo Qeerroo fi Qarreen hoogganamee harka qullaa of irraa buqqise.

Ammam iyyuu dhiigni itti haa dhangala’u malee of irraa buqqisnee jirra. Humni Wayyaanne fi nafxanyootaa warri dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasaa turan yaroo walitti galagalan jidduutti bahuu qabna. Waraana kan keenya miti. Warri nafxanyaa akka injifanno hin arganne gochuu qabna. Nutti as galgaluuf akka deemtu dagachuu hin qabnu. Nama qawwee baatu sodaataa jirra yoo jenne waraanna Wayyaanne OPDO caalaa qawwee qabu fincilli Uummata Oromoo Qeerroo fi Qarreen hoogganame sadii dura afuura kutee akka of irraa buqqise aggarree jirra.

Waan haaraa argaa jirru OPDOn bakka ilmaa, haadhaa fi abbaa ajjeefti. Bakka abbaa mana, haadha mana fi ijoollee ajjeefti. Obboleessa fi obboleettii, bakka obboleessaa fi obboleetti ajjeefti. Ajjeechaan gosa kana Waaqaa fi nama biratti fudhatama hin qabu. Balleessa isaaf abbaan itti gaafatamuun dhugaan tahes sobaan karaa dha. Seerri bifa kanaan biyya Oromoo keessatti akka hojjetu yoo OPDOn kan barbaaddu tahe isheenis Waaqa irra gadi hin buune. Maatii qabdi, obboleessaa fi obboleettii qabdi, abbaa fi haadha qabdi. Eenyu caalaa immoo qabeenya uummata tuul’attee jirti.  Tarii poolisiin nu bira jirtu fagoo irra dhufuun ni mala. Abbaa fedhe haa tahu namni dhala Oromoo ajjeesse du’uu qaba. Hoomaa girisaan itti baanee sodaa tokko malee ijaa bahuun eebisamaa dha. Reefa keenya isa kufee irraa tarkaanfannee gumaa baasuu haa dursinu.

Qabeenya OPDO mana ishee dabalatee ibiddi haa nyaatu. Waan hundaa dura kan nama ajjeesu du’uun dirqama. Seera OPDOn fide kana fudhannee ittiin badii jalaa of baraaruu qabna. Haqa qabna. Mirga keenyaaf falmanna. Diina nu fixaa jiru of irraa ittisuuf tarkaanfiin fudhannu seera biyya lafaan fudhatama qaba. Seerri biyya lafaa yoo biyya qabaatan qofa hojiin mul’ata. Yoo jabbanne diina kana humnaan of irraa hin ittisne malee qee’een keenya qee’ee gadda fi booyicha tahee hafuuf deema. Diinni akka laalatutti yoo rukkunne akkuma Wayyaannee nu irraa buqqifatee baqata. “Barcuma ulfinaa abbaatu of jalatti baattatee deema” jedha Oromoon.

Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaati!

Injifannoo Uummata Oromoof!

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.