Uummatni Oromoo Maaliif Bara Baraan du’a Suukanneessa keessumsiisuu Qaba?

Damee Boruu: May 29, 2020

Mootummaa nama nyaataa Wayyaane Uummata Oromoo irraa waggaa lama dura kan buqqisee qabsoo hadhooftuu qaron Qarree fi Qeerroo Oromoon godhaniin akka tahe diinni uummata keenyaa iyyuu haaluu hin danda’u. Qabeenyi guddaan itti barbadaa’ee jira. Marareen ilmaan Oromoo kumaatamaan irratti wareegamaniiru. Injifannoon salphaatti argame hin ture.

Warri qabsoo bilisummaa Uummata Oromoo lubbu isaanii dabarsan hunduu wareegmnii akka jiru huabatanii hiriira isa duraa seenaan. Namni tasa manaa bahee dhaqee du’e hin jiru. Bara lama duraa seenaa Qarree fi Qeerroo Oromoo of duuba deebinee yoo ilaalee harka qullaa madifii fi tankii Wayyaanee dura murannoo guutun dhaabbatanii dhiiga isaanii lolasan agarra. Dhiiga isanii akka lolaa gannaa dhangalaasanii, lafee isaanii caccabsanii Waraana Wayyaane isa amma funyaan isaa gahutti hidhatee jiru Uummata Oromoo irra buqqisan seenaa gootummaa galmeessanii jiru. Injifannoon kun Seenaa gamtaa Uummata Oromoo ti.

Jijjirama kana kan fidhe dhiigaa fi qabsoo ilmaan Oromoo erga tahee har’a maaliif Uummatni Oromoo du’a suukanneessa keessumsiisuu qaba?gaaffiin jedhu gaaffii gubaa dha. Deebiin isaa warri warregama qaalii kana baasee qabsoo godhe aangoo dhunfachuu dhiise Diqaalota Habashaa badhaasee galee rafe. Wagga lamaaf booda yaroo hiribaa dammaquu dhiitamuu, hidhamuu, adamsamuu, saamamuu fi haala sukkaneesaan ajjeefamuun uummata isaa abjuu itti tahaa jira.

Qabsoon Qarree fi Qeerron Oromoo godhan haala bishataa, qindaa’aa fi ijaaramaa ture. Seenaa qabsoo biyya lafaaf iyyuu kan fakkeenya tahu. Uummatni Sidmaa fi Sudaan qabsoo Uummata Oromoo irraa faayidaa guda argataniin bifa sanaan qabsoo gageessanii milka’anii jiru. Uummatni isaanii yaroof waan gaafate argatee jira. Xumura Qabsoo isaan kan beeku isaan waan tahe qabsoon isaanii galma gahee raawwachuu isaaf waan beeknu hin qabnu.

Hir’nni qabsoo keenya maal akka tahe ni beekna.  Qabsoofne kaane aangoo aboomachuu dhiisuutu gaaga’ama har’a keessa jiru irraan nu gahaa jira. Aangoo maaloo yaroof naa qabii jedhanii namni itti laatan hin jiru. Warri qabsa’e aangoo qabatee yoo barbaachisaa tahe gargaarsa irratti gaafachuu malee nama biraatti laatachuu miti. Qarree fi Qeerroon Oromoo gaafa Wayyaanee aangoo irraa buqqisan gantuu fi gaaduu Wayyaaneen guddifateetti aangoo dabarsanii laatan.   Waan baayyee nama gubbu warra kana keessa ilmaan nafxanyoota biyya Oromoo keessatti dhalatanii Uummata Oromoo miidhuuf warra OPDO keessa turetu maqaa Oromoon aangoo fudhachuu isaanii ti. Warri kun kaleessa Wayyaanee wajjin Uummata Oromoo saamaa fi saamsisaa, ajjeesaa fi ajjeesisa turan. Har’a immoo ifatti waraana Uummata Oromoo irrati bobbaasanii lafe irraa duguganii balleessuuf dhama’aa jiru. Ummataa Oromoo waraanni  biyya lafaa iyyuu itti boba’ee fixxuu danda’u hin jiru. Dhumma irratti Oromiyaa keessa kan dugugamtee baduuf teessu OPDO kaleessaa fi Bilxiginaa har’aa akka tahee raga seenaaf dhiisuun fedha.

Kaan waan hundaa caalaa nama ajaa’ibu namni yaroo duraaf Qarree fi Qeerroo Oromoo girisa (mangaa) jedhee waame Kononeel Abiyi tahuu isaa ti. Isa booda warri Habshaa waan ittiin Uummata Oromoo fi qabsoo Uummata Oromoo dhoqqee itti diban argatan. Qarree fi Qeerroon Oromoo shorkokistoota mogaasan. Guyyaa har’a kana Kononeel Abiyi of dura oofee qabeenya Uummata Oromoo barbadeessaa fi Ilmaan Oromoo haala sukkaneessaan kan ajjeesaa jiru ilmaan nafxanyootaa fi Habashootaa akka tahee mamiin tokko jiraachuu hin danda’u.

Danachuun uummata silaa kan isa farfamuu qabu. Karaa dingdee, hawwasumaa fi siyaasaa guddinaa biyyattiif gummacha guddaa qaba. Tufatamuu kan dhufu aangoo siyaasaa isaaf maluu qabachuu dhabee humna xiqqaan yoo dhidhitamee argamuu dha. Gara waggaa dhibaa fi shantamaaf Uuummatni Oromoo gurmuu guddaa qabu Mootummaa Habashaa jalatti dhidhitamee bulaa jira. Har’as isa durii caalaa yaroo dhiitamu agarra. Injifannoo Mootota Habshaa qofaan galma’ee seenaa irra hin jiru. Jajjaba Oromootu isaaniif ashkara tahee lolee aangoo itti ol isaan baasaa jira. Dandeettii shira xaxxuu qabu. Obbolaa lamaan gargar baasanii wal ficisiisu. Isa jabaatee sodaatan hintala itti herumssisanii afaan qabsiisu. Habashoonni har’a Oromoo abaaruu fi arbsuu dhiisanii akkaataa itti yoo tole biyya tokko yoo hamate immoo oolaa garii taanee nagaan waliin jiraanu irratti hojjeechuu isaanii wayya natti fakkaata.

Har’a waan isaan hin hubanne guddtau jira. Uummatni Oromoo bakka dheengaa fi kaleessa ture hin jiru. Baayyee jijjiramee jira. Eenyummaa isaa adda baasee hubateera. Galma qabsoo isaa akka gahu qajeelchee beeka. Akka bara Wayyaanee sana Qarree fi Qeerroon Oromoo harka ol kaasanii madifii fi taankii dura dhabatanii dhiiga isaaii lolaasaa turanii sana miti. Uummatni keenya qawween of bilisoomsuuf hidhatee qabsawwaa jira. Qabsoon uummatni Oromoo waggaa shantamman darbeef godhaa dhufe ititee gara bilisummati hatattamaan godhaanaa jira. Haalli kun guddina seenaa fi hawwaasaa waan tahee humni tokko illee gara boodaa deebisuu danda’u hin jiru.

Har’a bakka Mootummaan Naannoo Oromiyaa hin jiretti namni hammeenya amma deemaa jiru kana raawwachaa jiru maqaa Bilixignaan ilmaan nafxanyoota fi Habashoota akka tahe ifa jira. Mushuraa fi misiroo ajjeessun, ilmaa fudhaa qaphaa’u ajjeessun, ulfa baatii shanii ajjeessun, ilma Oromoo ajjessanii waraabesa nyaachiisuun, haadha ijoollee afurii ajjeessuun, ijoolle Wangeela barsiiftuu sadii warra jalaa fudhanii ajjeessuun, intala Oromoo qormaataa irra jirtu hosptala Xuqur Anbasaa (akka waan Leenca guaracha maqaa bafati) jedhamu keessatti haadun qaluun  maaliif barbaachisaa tahe? Jaarsa waggaa sadetamaa fi jaartii waggaa torbaatamaa maalii hiitan jedhee Gazexxeesaan yaroo abba aangoo Bilixiginaa tokko gaafatu “Shanee hidhuun cubuu hin qabu” jedhee deebiseef.

Shanee isatu nama mogaasa malee namni an shanee jedhee maqaa kanaan deemu hin jiru. Yoo dhalootan Oromoo tahe innuu silaa shanee dha. Garuu kan adda baafnee beekuu qabnu dhalli Oromoo hunduu gaafa Bilxiginaan barbaadu shanee jedhamee hidhamuu fi ajjeessamuu raga hin barbaachisu. Kanaafuu namani Oromoo tahee dhalate dhiitamuu, saamamuu, adamsamuu fi ajjeessamuu irraa waan isa oolchu danda’u hin jiru.  Bilixignaan qabeenya shanee saamuu, hidhuu fi ajjeessuuf mirga qabdi. Shaneen eenyuu? Hiikaa isaa kan of harkaa qabu Bilxiginaa qofa. Hammeenya har’a Bilxiginaan uummata keenya irratti raawwachaa jirtu Qabsoo Bilisummaa Uummata Oromoo ni safisiisaa malee gufuu tahuuf hin danda’u.Humni WBO daraara ishee godhee akka ishee irra deemuu Bilxiginaa caalaa namni hubatu hin jiru. Amma sanatti uummata burjaajesaa garaa guutachuu barbaadi.  Namni Oromoo an shanee miti jedhee waan Bilxiginaan gootu kana taa’ee ilaalu gowwummaa dha. Hammeenyi kun hunduu tokko tokkoo keenyaaf akka deemaa jiru hubanne bakka jirrutti Bilxiginaa irraa shimalaan areeda aaduu qabna. Ishee mandara keessa nama rakkistuuf shimalatu gahaa. Waraana ishee WBOn akka uummata isaa irraa qolachaa jiru argaa jirra.

Utuu Kononeel Abiyi Oromoo fakkaatee uummata Oromooti dhiyaatee jiraatee rakkina jabaa qabsoo Uuumata Oromoo irraan gahuuf ayyaana guddaa qabaachaa ture. Dhiibaan Ilmaan nafxanyootaa fi Habashaa irran gahan akka dhafee saaxila of baasu isa godhe. Namicha, “Oromoon waggaa kuma tokkoof akka wal hin taane nan godhu” jedhee dhaadatu caalaa farri Uummata Oromoo ardii kana irraa jiraachuu hin danda’u. Jibbi amma kana gahu isaa dhufa jedhee yaaduun na rakkisa. Namootni sanyiin isaanii Oromoo hin taane biyya Oromoo keessatti dhalatnii akka Oromootti warri guddatanii jiru. Akka Oromoo itti of fudhatanii ilmaan Oromoo wajjin qabasawwa kan turan illee agare. Namni biyya Oromoo keessatti dhalate dhalootan Oromoo dha. Akka Oromootti filuu filatamuuf mirga qaba. An Oromoo miti jedhee diduufis mirga qaba. Oromoon haqaa isaa argachuu hin qabu jedhee kan qabsoo Uummata Oromoo dura dhaabbatu garuu qabsoon karaa ni maqa.

Gadaan Gadaa Bilisummaa Ti!
Injifannoo Uuummata Oromoof!

Similar Articles

Comments

  1. Oromoon sababa dhaabotni siyaasaa seenaa dharaa fii daandii siyaasaa dogoggoraa tiin sochii godhaniin burjaajahee wareegama hin malle wareegamaa jira.Seenaa dhugaa fii siyaasaa qajeelaa tu fala.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020