Waadaan Araaraa fi Nageenyaa Gama ABOtiin Hin Jigu !

(Ibsa ABO – Mudde 13, 2018)

ABO Mirga Resolutions of the Oromoo Liberation Front National CouncilAddi Bilisummaa Oromoo waliigaltee Mootummaa Itoophiyaa waliin irra geenye fiixaan baasuuf kan nu irraa eegamu hunda of qusannoo tokko malee raaw’achaa jirra. Haalotni fiixa bahiinsa waliigaltee kanaa lafa irra harkisan bakka mudatanittis Mootummaa wajjin wal quba qabeenyaa fi wal hubannootaan irratti hojjechuudhaan furmaata argamsiisuuf fedhii guddaa qabnu hojiidhaan agarsiisaa yoona geenye. Keessattuu dhimma Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan ilaaluun waan irratti waliif galame hojiitti hiikuudhaaf Mootummaa wajjin mari’annee waan gama lachuutiin godhamuu qabus murteeffannee marroo hedduu hojiitti bobba’aa turre. Har’as ittuma jirra.

Haa tahu malee yeroo adda addaatti akkuma nuti bobbaanee dhimma waliigaltee kana hojiitti hiikuu jalqabneen nu duubaan qaamotni Mootummaa fi Raayyaan Ittisa Biyyaa adeemsa kana kan gufachiisu tarkaanfii faallaa fudhachuun deddeebi’ee mul’achaa jira. Ragaaleen kana mirkaneessan harka ummata keenyaa jiru. Har’as itti fufee ija ummataa duratti wanti tahaa jiru isuma kana. Guggufatiinsa kanaa fi balaa/gaaga’ama kanaan wal qabatee gahuu maluuf Addi Bilisummaa Oromoo kan itti hin gaafatamne tahuu gadi jabeessinee hubachiisuu feena.

Nageenya Ummata Oromoo fi ummatoota biyyattii hunda tiksuuf, akkasumas, Bilisummaa fi mirgootni dimokiraasii ummatootaa akka kabajamaniif wareegamni qaalii fi ulfaataan baafamee jira. Wareegamni baafame kun akka bu’aa barbaadamu argamsiisuuf Addi Bilisummaa Oromoo Mootummaa fi qaamota dhimmi ilaalu hunda waliin obsaa fi hafuura itti gaafatamummaa ol’aadhaadhaan hojjechuu ammas ittuma fufa. Haa tahu malee nageenyaa fi araara guutuu mirkaneessuun fedhii fi tattaaffii gama hundaa kan gaafatu tahuu qaamotni fi namootni dhimmi ilaalu hundi (keessattuu caasaalee fi aangawootni mootummaa kan sadarkaa olii) hubatanii gaafatama ofii bahachuun dirqama taha.

Ummatni keenya waliigalatti, addatti ammoo dargaggootni (Qeerroon) haala deemaa jiru kana dammaqiinsaa fi xiyyeeffannoo ol’aanaadhaan hordofuun barbaachisaa dha. Adeemsa karaa nagaatiin eegalame kanaa fi Dhaaba isaanii (Adda Bilisummaa Oromoo) shira gama fedheenuu itti aggaamamu irraa tikfachuudhaan wareegama hanga har’aa baasanitti firii gochuuf Adda Bilisummaa Oromoo cinaa akka dhaabbatanis waamicha keenya haaromsina.

Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo
Mudde 13, 2018

Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020