Waamicha Hiriira Nagaa Deeggarsa Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa Ijaaruuf Taasifamu.

Hiriirri Kun ‘Sochii 39 Idil-Addunyaa‘ Jedhuun Moggaafamee Jira.
Onkoloolessa 13/2020.
Labsiin Kun Beekamtii Caasaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi Koree Qindeessituu Hiriinaa Nagaa Lammiileen Oromiyaa Mootummaa Cee’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa ABOn Labse Deeggaruuf Qophaaheedha.
Akkuma Beekamu Lammiileen Oromiyaa fi Ummatni addunyaas hubatanitti gaaga’ama nageenyaa biyya Itoophiyaa mudateen raafamni siyaasaa guddaan jireenya biyyaa fi Lammiilee biyyattii yaaddoo keessa galee jira. Addatti ammoo Oromiyaan dirree jeequmsaafi lolaa ta’uudhaan yeroorraa gara yerootti rakkoon nageenyaa mudatee lubbuu fi qabeenyi hedduun dhabameera. Dhibdeen siyaasaa fi rakkoon nageenyaa utuu hin furamiin mootummaan aangoo polotikaa qabatee ture bara bulchiinsa isaa fixachuun ammas aangoo isaa dheereffachuuf wayita abbalu (carraaqu) ni argina. Abdiin silaa filannoo haqaafi dimokiraatawaa geggeessanii fedhii Ummattoota biyyattii guutuuf abdatame hoonga’ee sochiin siyaasaa hundi ugguramuun murna seeraan ala aangoo dheereffachuu fedhu qofaan gara dhuunfatamuutti deemamu balaa qaba. Haala kana keessatti hogganootni jaarmiyaalee siyaasaa, qondaalotnii fi miseensotni dhaabota siyaasaa mana hidhaatti guuramuun ijibbaata yaalii gara filannoo haqaatti deemamuuf ture gufachiisee jira.
Yeroon kun yeroo biyyi kun mootummaa seerawaa fi kan heera biyyattii hordofe hin qabneedha. Mootummaan waan hin qabneef jireenyi lammiilee biyyattii yaaddoo guddaa keessa seenee jira.. Ammas kanumatu mul’achuutti jira. Nageenyi Lammiilee Oromiyaa mirkanaawee bilisummaan jiraatee gara filannoo haqaatti deemuudhaan mootummaa mataa ofii kan fedhii Ummattootaan ijaarame filachuuf Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa ABOn labse deeggaruun murteessaa ta’ee argameera.
Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa ijaaruun kan barbaachiseef:
– Biyyattiin kun mootummaa waloodhaan bulaa waan hin jirreefi. Kana jechuun heerri biyyattii cabuudhaan murni tokko aangoo seeraan alaa itti fufsiifachuu yeroo barbaadu, kanneen haqaa fi bilisummaa Ummattootaaf qabsaa’an ammoo Ummata waliin hiriiranii jiru. Mootummaan Naannoo Tigiraay of danda’ee mirga hiree murteeffannaa sabaa kabajuun filannoo geggeeffatanii haga mana maree mataa ofii hundeeffachuutti ga’aniiru. Kana malees humna ofii cimsachuun qaamni kamuu dhiibbaa akka irratti hin goone mirkaneessuun miseensota TPLF kan sadarkaa Federaalaatti muudamaanii tajaajilaa turan akka hojii gadhiisanii ba’an ajaja dabarsee jira. Daangaa ofii kabachiifachuun gara biyya walabaa ijaarrachuutti deemaa jiru. Kunis mootummaan waloo akka hin jirre ragaa guddaadha jennee amanna.
– Murni siyaasa gartuu tokko leellisu aangoo siyaasaa Mootummaa Federaalaa dhuunfachuun ilaalcha sabboonummaa dhabamsiisuu fi mirga lammiilee Oromiyaa nagaa jiraachuu sarbuuf hojjetaa ture. Hojjataas jira. Oromiyaan lammiilee hedduu kan of keessatti hammattee jirtuu fi aadaa waliin jireenyaa sabaaf sablammoota hedduu kan qabduudha. Murni maqaa tokkummaatiin aangoo hunda harka galfate kun jireenya Oromoo fi Lammiilee Oromiyaatiif yaaddoodha. Kanaaf, Lammiileen Oromiyaa murna siyaasa gartuu tokko leellisu kanaan dhuunfatamanii jireenyi isaanii akka hin golgoloofne Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa ABOn labse ijaaruun fardii ta’ee argamee jira.
– Diigamiinsi guddaan Oromiyaatti aggaamamee jiru. Daangaan Oromiyaa kallattii adda addaan cabuufi lafti Oromiyaa saamamuun ni mul’ata. Kun baroota dheeraaf geggeeffamaa kan ture haga ammaa xumura utuu hin argatiin daran babal’atee jireenya Lammiilee Oromiyaa yaaddoo keessa galcheera. Cabinsa daangaafi saamaminsa lafaa kana baraaruuf mootummaan Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa waloo ijaaramee nagaa fi tasgabbii qabaachuun murteessaadha. Oromiyaan dirree jeequmsaa fi lolaa yoo taate Lammiilee Oromiyaa keessa jiraatanii fi Ummata Oromoo qofaaf utuu hin taane, sabaaf sablammoota Itoophiyaa dabalatee balaa gaanfa Afrikaa nagaa dhorku maqsuuf dirqama lammummaa guddaa baatee deema. Kana bira darbee nageenya waaraa ardii addunyaa guutuun hawwu jeequu waan danda’uuf, gaaga’amni siyaasaa kun akka furamu Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa ABOn durfamj ijaaruu qofatu karaa filatamaadha.
Haalota rakkisaa fi walxaxaa kana bu’uura godhachuun ABOn Mootummaan Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa akka hundeeffamu yaada fudhatamaa dhiheessse labse sana milkeessuuf akka hojjetus ibse. KFOnis yaada kana deeggaruun ibsa baaseen beeksiseera.
Kanumarraa ka’uun Koreen Qindeessituu hiriira Nagaa Mootummaa Ceehumsaa Biyyooless Oromiyaa Deeggarsa Sochii 39 Idil-Addunyaa (International 39 Movement Support Group) hiriira nagaa deeggarsaa Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa kanaaf akka taasifamu murteessuun labsinee jira. Hiriira kana milkeessuuf koreen qindeessituu hiriira deeggarsaa Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa kallattii adda addaan sochiin taasifamee jira.
Biyya mootummaa malee hafuuf deemtuu fi lubbuu dhala namaaf yaaddoo taate kana baraaruudhaaf Mootummaan Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa ABOn hoogganu ijaaramuun waan barbaachiseef, hiriirri deeggarsaa kunis sana tumsuudhaaf geggeeffama.
Hiriirri deeggarsa mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa kun Onkoloolessa 13/2020 (Onkoloolessa 3/2013) guutuu Oromiyaa keessatti akka geggeeffamu murtaa’eera.
Hiriirri kun haala inni ittiin geggeeffamu qabxiileen murteessoo fi barbaachisoo ta’an dhiyaataniiru.
1. Hiriira nagaa Lammiileen Oromiyaa hundi keessaa qooda fudhatanii fi qindoominaan geggeeffan ta’a.
2. Gartuu deeggaraa sochii 39 Idil-Addunyaan (International 39 Movement Support Group) qophaa’ee Koree Qindeessituu Hiriira nagaa deeggarsaa Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo waliin wal hubannaafi qindoominaan kan labsameedha.
3. Hiriira nagaa kana irratti Lammiileen Oromiyaa Mootummaa bara aangoo isaa fixate kanaaf ergaa “amma booda mootummaa ofii ijaarranna; barri bulchiinsa kee xumurameera” kan jedhu ergaa dabarsuufiidhaan kan geggeessuudha.
4. Ammaan booda barri mootummaa aangoorra ture waan dhumateef hanga filannoon walabaa gaggeeffamutti Lammiileen Oromiyaa Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaatiin akka bulan mirkaneessuudha.
5. Lammiileen Oromiyaa Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa ilaalchisuun hiriira gaggeessan keessatti qaama kamiyyuu balaaleffachuu, abaaruu dhiisuudhaan haala heerri biyyattii eyyamu fayyadamnee Mootummaa Ce’umsaa ijaarrachaa waan jirruuf karaa tasgabbii fi naamusa qabuun deeggarsa Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaaf qabnu ibsanna.
6. Qaamoleen nageenyaa amma booda mootummaan kallattiin qajeelfama isaaniif kennu kan waan hin jirreef gara Ummata isaanii goruun Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa ijaaramu kanaaf tumsa gochuudhaan nageenyaa fi tasgabbiiLammiilee Oromiyaa akka kabachiisan gochuudha.
7. Mootummaan Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa kun Lammiilee Oromiyaaf waloodhaan waan ijaaramuuf mirgi Lammiilee Oromiyaa eegamee haala barbaadaniin hiriira deeggarsaa Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa kanarratti qooda akka fudhatan ni taasisuudha.
8. Hidhamtoota siyaasaa mootummaa aangoorra tureen hidhaman akka hiikamanii fi akkaataa itti isaan simannee isaanillee gahee isaanii mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa kana keessatti bahatan ni goona.
9. Dhaadannoolee deeggarsa Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa agarsiisan qabannee yeroo baanu haala mirga Lammiilee Oromiyaa hin sarbinee fi isaaniin ofitti hammateen qabachuu qabna.
10. Qabeenyi nama dhuunfaas ta’e kan biyyaa akka hin mancaaneef eegumsa gochuun tasgabbiidhaan hiriira deeggarsaa qofarratti akka xiyyeeffatamu taasifama. Kana booda qabeenyi maqaa mootummaan ture hundi kan biyyaa (Lammiilee Oromiyaa) waan ta’eef eegumsi ni taasifamaaf.
11. Qaamotni hiriira kana morman jiraachuu waan malaniif, isaan waliin walitti bu’insa irraa of qusachuun ofitti qabnee gara deeggarsa Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa kanatti fiduu akka qabnu irratti hojjetama.
12. Hiriirri kun gaaga’ama siyaasaa furuu fi Lammiilee Oromiyaa baraaruuf waan geggeeffamuuf ilaalcha siyaasaatiin utuu wal hin moggeessiin waloodhaan geggeeffama.
Hiriira kanaa fi ijaarsa Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa milkeessuuf qaamota dhimmi ilaallatuuf waamicha ni goona.
1. Qaamota nageenyaaf.
Mootummaan amma dura qaamota nageenyaa bobbaasee hojii itti kennu amma booda waan bara bulchiinsa isaa fixateef, haala heera biyyattii fi naamusa ittiin leenjitanii bobbaafamtaniin gara Ummata keessanii goruun nageenya Lammiilee Oromiyaa mirkaneessuuf dirqamni guddaan isinirra jira. Isin mootummaan dhufee yoo darbu Ummata waliin jiraattu waan taheef nagaa Ummataa akka eegdan isi yaadachiisna..
Waan ta’eef, waamicha isiniif taasifame hordofuun guyyaa hiriira deeggarsa Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaas ta’e adeemsa ijaarsa isaa keessatti qooda waadaa itti seentan akka ba’attan waamicha isiniif goona. Kana akka gootanis abdii isinirraa qabna.
2. Abbootii Amantaafi Abbootii Gadaatiif.
Haala duudhaa amantii keessanii fi sirna Gadaatiin nageenya Lammiilee Oromiyaa eegsisuuf qoodni keessan olaanaadha. Yeroo mootummaan bara bulchiinsa isaa fixatee biyyattiin goolama siyaasaa keessa seentetti safuu fi duudhaa hawaasaa kabachiisuun Lammiileen Oromiyaa gara waloodhaan mootummaa ijaarratanitti akka deeman gumaacha isinirraa eegamu akka ba’attan waamicha isiniif goona.
3. Hayyoota lammiilee Oromiyaa biyya keessaa fi ala jirtaniif.
Akkuma argaa jirru hayyoonni Oromoo kallattii adda addaan ijaarsa Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa keessatti qooda kennaa jirtu, beektootni lammiilee Oromiyaa waliin Ammas daran itti fufuun hojii dipilomaasi fi tumsa ogummaa keessaniin egeree Lammiilee Oromiyaa balaarraa baraaruuf tumsa akka gootan waamicha keenya isiniif dabarsina (dhaammanna).
4. Miidiyaaleef.
Nageenyi Lammiilee Oromiyaa mirkanaa’ee gara nagaa fi tasgabbii akkasumas gara dimokiraasiitti akka ce’amu gochuu keessatti qoodni miidiyaa olaanaadha. Waan ta’eef, miidiyaaleen Oromoo fi kanneen mirga Lammiilee Oromiyaa akka kabajamuuf hojjetan dhimma Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa kana jala bu’uun hordoftaniif qajeelfamaa fi kallattii Koreen qindeessituu hiriira deeggarsa kanaa fi Gartuu Deeggarsa Sochii 39 Idil-Addunyaa (International 39 Movement Support Group)tti akka Ummata biraan geessan waamicha isiniif goona.
5. Dhaabbilee Hawaasaa fi ogummaaf.
Dhaabbileen hawaasaa adda addaa of ijaaruun mirga Lammiilee Oromiyaaf qabsaa’aa akka turanii fi jiran ni beekama. Dhaabbileen ogummaas akkasuma haala adda addaan lammiilee isaanii tajaajilaa turaniiru. Jaarmiyaaleen hawaasa Oromoo kanneen akka Oromia Global Forum fi Oromo Scholars And Professional Group ijaaramuu Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa kana deeggaruun ibsa baasanii jiru. Ejjennoo kana akka itti fufanii fi jaarmiyaaleen kaanis waamicha kana fudhachuun tumsa barbaachisu akka godhan dhaammanna.
6. Hojjettoota mootummaa kan turtaniif.
Isin ergamtoota mootummaa utuu hin taane tajaajiltoota hawaasati. Mootummaan kallattii adda addaan qajeelfama isiniif kennaa ture bara bulchiinsa isaa waan xumurateef gara Ummata keessanii goruun ijaarsa Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa keessatti qooda akka kennitan waamicha isiniif goona.
Hiriirri nagaa kun akka milkaa’u koreen adda addaa ijaaramanii waan jiraniif, Lammiileen Oromiyaa hiriira kanarraa qooda fudhatan qindeessitoota hiriira kanaa waliin wal ta’uun socho’uun murteessaadha.
Hiriirri kun akkuma olitti ibsame Onkoloolessa 13/2020 kan eegalu yommuu ta’u, haga akeeka hiriira kanaa kan ta’e Mootummaan Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa ABOn durfamu ijaaramutti kan itti fufu ta’a. As keessatti qajeelfama koree qindeessituu hiriira deeggarsaa kanarraa kennamu hordofaa deemuun barbaachisaadha.
Walumaagalatti, jiraachuu Lammiilee Oromiyaa bira darbee tasgabbii gaanfa Afrikaaf yeroo ammaa kanatti Mootummaan Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa murteessaa fi fardii waan ta’eef, Lammiileen Oromiyaa fi qaamot i dhimmi kun isaan ilaalu hiriira deeggarsaa kanaa fi ijaarsa Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa kanaaf gumaacha gochuun yeroon isaa amma.. Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa ijaaruun eenyuufuu yaaddoo utuu hin taane, madda nagaa fi tasgabbii, bu’uura waliin jireenyaa fi mootummaa waloo qabaachuuti. Sabootni akka sabaatti akka jiraatanii fi Oromiyaan akka biyyaatti akka jiraattuuf kan tumsuudha. Karaan adda addaa kan gara filannoo haqaatti geessu yeroo adda addaatti yaalamus murna aangoo dheereffachuu barbaadu kan biyya kana bulchaa tureen fedhiin waan hin jiraanneef gara tarkaanfii Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa ijaaruu kanatti tarkaanfatame. Kun karaa tokkicha gara nagaa fi dimokiraasiitti nu geessu waan ta’eef Lammiileen Oromiyaa hundi qooda irraa fudhatu jennee amanna.
Maayiirratti, Mootummaan Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa bu’uura nagaa fi tasgabbii ta’ee waan argameef haga akeekni kun milkaawee Lammiileen Oromiyaa mootummaa isaanii filatanitti sochiin taasifamu itti fufa.
Injifannoo Uummata Bal’aaf!
Koree Qindeessituu Hiriira Deeggarsaa Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessa Oromiyaa.
(Sochii 39 Idil-Addunyaa/International 39 Movement Support Group) Irraa
Onkoloolessa 9, 2020
Finfinnee.

Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...