Waarshaa Shukkaaraa Finca’aa keessatti namoonni hidhaa turan 3 m/hidhaa irraa baafamanii ajjeefamuun reeffi isaanii bakkee irraa argame.

Waarshaa Sukkaaraa Finca’aa keessatti namoonni hidhaa turan 3 M/hidhaa irraa baafamanii ajjeefamuun reeffi isaanii bakkee irraa argame.

SQ  | Caamsaa 18, 2021
Godina Horroo Guduruu wallaggaa Aanaa Abbay Coomman waarshaa Shukkaaraa Finca’aa irraa humni waraanaa humna addaa Oromiyaa jedhee of waamu namoota ammaan dura mana hidhaatti hidhee dararaa ture mana hidhaa irraa baasuun namoota sadii warshaa Shukkara Fincaa’aa keessaa fudhanii ajjeesanii gatanii reeffi namoota sadii bakkee irraa kan argame tahuu maddeen keenya nuuf gabaasan.
Namootni humni addaa Oromiyaa mana Hidhaa irraa baasee ajjeesee garee reeffi isaanii bakkee irraa argame maqaan isaanii:
1. Taakkalee Banee
2. Cimdeessaa Zallaqee, fi
3. Katamaa Banee kan jedhaman yoo tahu namoonni biroonis mana hidhaa waarshaa Shukkaaraa sana keessatti hidhaa turan kan achi buuteen isaanii dhabamee barbaadamaa jiranis jiraachuu maddeen keenya nuuf himaniiru.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.