Waraana calqaba isaa malee xumurrii fi ittibahinsi isaa hin beekamne – Oromoon maal godhuu qaba?

Berhanu Hundee, Sadaasa 8, 2020

Waraana calqaba

Waraanni amma garee seeraa fi heeraa ala mootummaa Federaalaa ofiin jedhu fi mootummaa Tigraayi, kan seeraan filatame jidduutti deemaa jiru kun waan tasa ta’ee miti. Ka’uun isaa akka hin oolle tilmaamamaa kan ture fi dorrobee kan as gahee dha. Dhimma waraanaa kanarratti, gaafii mata dureerratti ka’eef deebii kennuu dura, gaafiilee murteessaa ta’an tokko tokko kaasuun barbaachisaa dha. Oromoon waraana kana akkamitti laaluu qaba? Gama kam goruu qaba? Bu’aa irraa argata moo miidhaatu isarra gahuu danda’a? fi kkf. laaluun barbaachisaa qofaa osoo hin taane murteessaa dhas.

Oromoon waraana kana akkamitti laaluu qaba?

Akkuma hubatamaa jiru, Oromoon ilaalchaan gara saditti waan hirame fakkaata.

  • Gareen tokko, diinummaa mootummaan Nafxanyaa Abiyyiin durfamu Oromoof qabuurraa kan ka’e, waraana kana keessatti Addi Bilisabaasaa Uummata Tigraay (ABUT) ykn TPLF deeggaramuu qaba jedha.
  • Gareen lammaffaan immoo, ABUT dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasaa fi lafee ilmaan Oromoo caccabsaa waan tureef, inni diinaa Oromoo ti; kanaafuu lamaanuu diina Oromoo waan ta’aniif deeggaramuu hin qaban kan jedhu dha.
  • Garee sadaffaan, Oromoo ta’anii warra Abiyyi deeggaran silaayuu maxxantoota fi ergamtoota waan ta’aniif mootummaa Abiyyi deeggaru.

ABUT seenaa Oromoo keessatti madaa hin fayyine waan uumeef; hammeenya isaan Oromoorraan gahaa turaniif dhiifamni godhamuu baatullee, mootummaa Nafxanyaa Abiyyiin hogganamu wajjin walbira qabnee yoo laalle, xinnaatullee mootummaan Tigraay mootummaa seeraa fi sirnaan filatame dha. Uummatni Tigraay immoo uummata Oromoo wajjin hiree walfakkaataa waan qabuuf; sirni Nafxanyaas diina uummata lamaaniituu waan ta’eef; kana biratti immoo ABUT humnoota Feederaalistii keessaa tokko waan ta’eef, yaadaan isaan deeggaruun barbaachisaa dha. Haa ta’u malee, waraana kana keessatti ilmaan Oromoo dhumuu hin qaban. Maaliif jedhaniiti, kaayyoo kamiif waraana isaan hin laallanne keessaatti wareegamu? Waraanni kun waraana uummata Oromoo gonkumaa hin ilaallannee dha. Waraanni kun ittibahinsi isaa uummata Oromootiif bu’aas badiis qabaachuu mala.

Oromoon waraana kanarraa bu’aa argata moo miidhaatu isarra gahuu danda’a?

Akka waliigalaatti yoo laalame, waraana tokkorraa bu’aa argachuu caalaa badii inni fidutu caala. Kun dhugaa waliigalaa ti. Haa ta’u malee, yeroofis ta’u waraana kana keessatti bu’aa Oromoon argatu jira. Kuni kan ta’u garuu yoo uummatni keenya tokkummaa cimsee fi gamtaadhaan ka’ee, haala uumame kanatti fayyadamee dha. Maal jechuu dha? Akkuma beekamu waraanni mootummaan Abiyyi Oromiyaa keessatti bobbaase hammi tokko gara kaabaa deemaa jiru. Kan hafanirrattis dhiibbaan jira. Kanaafuu xinnaatus hanga tokko qaawwi uumamuu mala. Qaawwa kanatti fayyadamuun gahee Oromoo ti. Yeroo mootummaan Nafxanyaa kun dhiibbaa keessa jiru kanatti yeroo kamuu caalaa qabsoo ittimudduun bu’aa fiduu danda’a. Caasaa PP fi tajaajiltoota isaaniirratti tarkaanfii fudhachaa; WBO cimsaa; akka Oromoof ta’utti caasaa bulchinsaa gandaa hanga naannootti ijaaraa deemuun haala kana keessatti mijataa ta’uu danda’a jedheen amana.

Miidhaa waraanni kun fiduu danda’u haala karaa lamaatiin (in two different scenarios) laaluu qabna.

Haala (Scenario) 1: Yoo mootummaan Nafxanyaa Abiyyiin durfamu waraan kana moo’ate fi injifannoodhaan xumure, tarkaanfiin inni duraa kan gareen kun fudhatu Oromiyaatti xiyyeeffatee, Sabboontota lafarraa duguuguu fi qabsoo kanas laaffisuu fi uummata keenya gabrummaa jala tursiisuu dha. Sana booda sabaa fi sab-lammoota hafanitti ce’uun isaanis jilbiiffachiisuu mala. Yaaliin duraa hunduu kan godhamu garuu Oromiyaa keessatti ta’uu dagachuu hin qabnu. Oromiyaan dirree wanti hunduu ittiyaadamu, yaalamu fi murtaa’uu dha.

Haala (Scenario) 2: Yoo ABUT cimee waraana kana injifatee; mootummaa Abiyyi dadhabsiise ykn laaffise, tarii human caalaa yoo qabaatan, hanga Finfinneetti dhufanii waa hunda harkatti galfachuu yaaluu danda’u. Akka bara 1991 sana biyya dhuunfachuu baatanillee, yoo human caalaa qabaatan sirna Federaalisimii haaraa uumamu keessatti iddoo furtuu qabaachuuf dhiibbaa godhuu malu. Kun ammas qabsoo Oromootiif gaaga’ama uuma jechuu dha. Jarri kun waa hundaa waan beekaniif, dadhabbii fi cimina Oromoos waan sirriitti hubataniif, balaa fiduu malu. Oromoon balaa kana alaalatti arguu danda’uu fi dursees ittiqophaa’uu qaba.

Oromoon maal godhuu qaba?

Kanaafuu haalota (Scenarios) uumamuu malan ykn uumamuu danda’an lamaan kanaafuu Oromoon ofqopheessuudhaaf yeroo jarattiin wal waraantu kana haala ofii mijeessuun hedduu murteesaa dha. Akkuma baddaatti xuqame, uummatni Oromoo ofijaaree, human isaa cimsee argamuun baay’ee barbaachisaa dha. Oromoon gama lamaanuu goruu dhiisee; dhimma kanarrattis yeroo fixuu dhiisee; humna isaa cimsatee Abbaabiyyummaa isaa mirkaneeffachuuf wantoota ijoo ta’an armaan gadii kanarratti xiyyeeffachuu qaba.

  • Caasaa PP fi mararfannoo tokko malee tajaajiltoota isaaniirratti tarkaanfii cimaa irrahindeebi’amne fudhachaa karaa qulqulleessuu;
  • Mootummaa Ce’umsaa Biyyoolessaa Oromiyaa (MCBO) ijaaruuf, bakkee (iddoo) caasaa sirna PP caccabsu kanatti kan ofii ijaarrachaa deemuu;
  • Hunda caalaa humna hidhataa cimaa fi wabii ta’e tokko uumuuf, WBO haala adda ta’een (ayinaadhaanis ta’ee baay’inaan) ijaaruu;
  • Miidiyaaleen furtuu waan ta’aniif, miidiyaan Oromoo kamiiyyuu quba walqabaachuudhaan ciminaan waliin hojjechuu; uummata keenya barsiisuu, gorsuu, hubachiisuu,… keessumaayuu immoo sodaa fi ofqusannoo tokko malee, WBO dhaadhessuu, jajjabeessuu,hamileessuu fi kkf irratti waloodhaan hojjechuu;
  • Hayyootni fi beektotni Oromoo biyya alaa jiraatan, quba walqabaachaa waan MCBO mirkaneessurratti ciminaan hojjechuu; hojii diploomaasii daran cimsuu; dhimma Oromoo laalchisee mootummoota biyya alaa fi hawaasota Addunyaa amansiisuuf yoomiyyuu caalaa jabaatanii tokkummaadhaan hojjechuu.

Aduun lixxu bari’uun ishii waanuma jiru waan ta’eef, Oromoonis dukkana kana keessaa bahee abbaabiyyaa akka ta’u shakkiin hin jiru. Haa ta’u malee, Oromoon wal malee gargaarsa waan hin qabneef, dhimma isaa hubatee isaaf dursa kennee tokkummaadhaan hojjechuun yoomiyyuu caalaa yeroon isaa amma ta’ee jira. Ammas carraan biraa akka nu hin dabarre.

Dhimma biraatiin hanga walitti deebinutti nagaatti.

Similar Articles

Comments

  1. Yaa namaa !

    Uummanni oromoo ammas homaa hinqabu. Qalbeefadhaa! Miidiyaa waan qabnu nutti fakkaata. Dhugaa waaqaati gadi qabuuf miti, OMN, Keelloo, Kediroo tokkoo gatii hinqaban sababni isaa namni kaayyoo bilisummaaf irratti hojetu hinjiru. Walbira qaba ilaalaa midiyaa habashaa wajiin. Midiyaan Oromoo influensii tokko hinqabani. Ilaalaa Hasiyaa, Dajanee, Kiyyaa, Kadiroo– Kana mannaa hinqabdnnu jedhanii taa’uu wayyaa. Isayyuu uummanni oromoo akka waan support hingoonetti yaadu. Yeroo Habashaan Oromoo irratti, dhaaba oromoo irratti, dureessa oromoo irratti labsii sobaa dhugaa fakkaachistee labsitu, isin garuu kaayyoo hinqabdan, dandeetti hinqabdan. Yaada namoota riflektii gochuu illee hindandeessan. Amma dhageefadhaa waa’ee wallaggaatti shannnnnnnneeen fixxe jedhanii halkanii guyyaa sobanii afuufani, isin garuu har’a obbo abalu maal jetta galatoomi jechuurraa kaayyoo tokko male jiraatu. uf jijjiiraa. Akka sa’aatti jirtu garuu waanuma guddaa hojechaa jirtu isinitti fakkaata. Garuu ummanni biyya jiru hedduu qabsaaye jira. Galanni isaanii bilisummaa haata’u. Qarshii keenya fudhatanii kaayyoo male jirtu. Amma ijoolleen ijoollee qubee ufiin jettan kunfaa qubni keessaan haacituuti, isin mannaa jaarsa waggaa 60 wayyaa. Amma habeshaan amaaraa genoside jettee hiriira waama jirti. Ati rafii ka’i. Saree…

  2. Jaarsa Kabajamoo nana,
    Yaada namaa callistee delete hingodhiin. Uummanni rafaa jira. Ummanni fi midiyaan Abiyyi irratti hojii strategic, planned and goal oriented hojechuu qaba. Dipilomaasii akka waan mo’atanitti wagga lama as mul’atani, ajanda nafxanyaatiin rafamuun ni ga’a. Qotee bulaan amaaraa hidhatee oromoo lolaa jira.Sanyii nu fixan jedhanii adunyaatti lalabaa jiru. Dipilomaasii moo’achaa jiru. Nuti hojii malee waan hojenne nutti fakkaata. Midiyaa qabna jedhanii warra rafan itti himnee dadhabne. Please

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...