Waraanni waraana Shaabiyaa (Eertiraa) Matakkal keessatti dubartoota Oromoo nagaa ajjeese

Waraanni waraana Shaabiyaa (Eertiraa) Matakkal keessatti dubartoota Oromoo nagaa ajjeese” jedhe ABO’n

Keelloo: Waxabajjii 19,2021

Ethiopian Politics ኦነግ Ajjeechaa ABO Mirga Resolutions of the Oromoo Liberation Front National CouncilAddi Bilisummaa Oromoo ABO’n dubartootni Oromoo godina Matakkal aanaa Dibaaxee ganda Caancoo keessatti waraana Eertiraa fi Raayyaa ittisa biyyaan ajjeefaman jechuun fuula facebook isaa irratti hubachiise.

Akka addichi jedhutti odeeffannoo jiraattota naannoo sanaa irraa argateen odeessa kana bira gahuu eeruudhaan “Sanbata guyyaa har’aa (Waxabajjii 19, 2021), ganama Waraanni Mootummaa Ertiraa (Shabiyaa) fi Rayyaa Ittisa biyyaa (RIB) Ethiopia waliin ta’uudhan Lola karaa Matakkal bananii jiru. Waraanni Ertiraa Lola kanarraa baqate Dubartoota sadii fi Daa’ima tokko Godinaa Matakkal aanaa Dibaaxee ganda Caancoo Bultuma Assaggee jedhamutti ajjeesan.” Jechuun ibse.

“Maqaan Dubartoota ajjeefamanii kan nu gahe:
1. Aadde Burtukaan Olaanaa fi daa’ima ishee
2. Aadde Daraartuu Roobaa
3. Aadde Addisee Haayiluu” jechuun maxxansa isaa har’aan ABO’n hubachiisee jira.

“Akka jiraattotni naannoo nuuf mirkaneessanitti Dubartootni kuni jiraattota sivilii naannoo sana jiraatan yammuu ta’u kan ajjeefaman utuu gabaa deemanii ti.” Jechuudhaan jiraattoota meesha maleeyyii, Dubartoota nagaa lafa gabaa dhaqanitti ajjeefamuu isaanii ibseera.

“Yaaddoo guddaan qabnu loltootni Ertiraa Lola irraa baqatan yeroo hundaa ummata sivilii ajjeesuu, saamuu fi reebuu isaanii Oromiyaa fi Benishangul- Gumuz keessatti itti fufaa dhufuu isaa ti.” Jechuunis yaaddoo qabi addichi ibsateera.

“Ummatni keenya ala jirtan Lammii keessan dhoksaadhan harka loltoota biyya ambaa fi ajjeestota gartuu biyya bittu tiin dhumaa jiruuf sagalee akka taatan deddeebifnee isin gaafanna.” Jechuudhaan hawwaasa Oromoo addunyaa irra jiraniitti ABO’n dhaammateera.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.