WBO: Ajajaan waraana Eertiraa kutaa 37 Gen. Daani’eel Abrahaa Mabraatuu Ajjeeffame

# Breaking News
#Ajajaan Waraana Shaabiyaa kutaa waraanaa 37ffaa ajjeefamee!
Ajajaa Kutaa waraanaa 12ffaa duraa kan turee fi yeroo ammaa hoomaa waraanaa Eertiraa gara Oromiyaa bobbaafame Kutaa waraanaa 37ffaa kan hoogganu, Generaal Daani’eel Abrahaa Mabraatuu maqaa Chaay jedhamuun beekamu ajjeefamee jira.
Waraana Eertiraa Tigraay keessa qaxxaamuruun Affaar keessa
qaxxaamuree karaa Kibbaan daangaa Oromoo Walloo ce’uun
waraana bane ajajaa kan ture namni kun galgala kana waraanuma kana irratti ajjeefamee jira. Miseensotni waraana Eertiraa hedduun eegdota isaa dabalatee ajjeefamanii jiru.
WBOn haa waaru!
Oromiyaan iddoo Awwaalchaa Diinati!

Deegartoota WBO fi Maatii WBO hundaaf:
Leenjitoonni waraana bilisummaa oromoo (WBO) haaraan dirree leenjii adda addatti irraa leenjii xumuranii bahan hidhannoo guutuun dirree lolaa seenaniiru!.
Irree fi gaachanni uummata oromoo WBOn leenjii isaa mooraa waranaa bilisummaa oromoo iddoolee gurguddoo lamatti erga fudhateen booda duulaaf kutaalee oromiyaa iddoo hundumatti bobba’eera.
Diinni kan odeefatee Sodaa kana irraa kan ka’e lola hundarratti akka baalatti harcaa’aa waan jiruuf sabn Oromoo hundi ofi eeganoo fi ciccominaan socho’uu qaba.
Keessumaayyuu duulli kun kan inni ilaallatu iddoolee duraan WBOn hi dhaqqabne jedhamee komatamutti heddumminnaan kan xiyyeeffatuudha.
Ammas filannoon keessan irree fi gaachana umataa oromoo WBO haa ta’u!
WBO gargaaruuf yoo barbaddan karaa hunduma qophoofnee jirra, irraatti hirmaa dha.
#Tumsi WBO Hegeree Oromiyaa yoom iyyuu caalaa haala qindaa’een ilmaan Oromoo hunda irratti hirmachisuuf waamicha Oromummaa isiniif dhiyeessa jiran.

WBOn haawaaru!


WBO lammiilee Afghanistan 🇦🇫 seeraan ala albuuda baasuu irratti bobba’an qabee jira. Maqaan namoota lameen kanaa Said Hashemi fi Said Abubaker ja’amuu. Waraanni bilisummaa Oromoo kana duraas lammiilee China 🇨🇳qabuun kan yaadatamu yeroo tahu Haala nageenya isaanii gaarii ture.
Har’aas lammiileen Afghanistan qabaman kun haala gaarii irra jiraachuu isaanii akkuma argitan kana. Waraanni bilisummaa Oromoo nageenya lammiilee kan eeguu fi mirga sabaa fi sablammootaatiif kan dhaabbate tahuu mirkaneesse jira.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.