WBO barbadeessanii dhabamsiisuun ni danda’amaa? Kutaa lammaffaa

Berhanu Hundee, Caamsaa 21, 2020

WBOBarreeffama kutaa tokkoffaa keessatti, dhimma mata duree kanaatiif ka’umsa akka ta’u, seensa ykn dura-dubbii gabaabsee ergan ibse booda, gaafii bu’uraa tokko kaaseen ture. Innis: WBOn, lolee injifatee uummata Oromoo bilisoomsuu ni danda’aa?” kan jedhu ture. Akkuman gaafii sana jalatti waan tokko tokko gaggabaabsee ibsuu yaale, Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO), kan goototni kumaatamaan ittiwareegaman, xiqqeessuuf ykn hamilee uummata keenyaa cabsuuf, waa baay’eetu ololamaa ture, ammas jira. Habashootni ykn diinotni QBO, injifannoolee hanga har’aatti qabsoo hadhooftuudhaan argaman tuffachuu fi hamilee qabsaa’ota Oromoo cabsuuf; keessumattuu immoo qabsoo hidhannoo busheessuuf ABOn ykn WBOn lolee lafa taakkuu takkaallee qabacuu hin dandeenye jedhu. Injnifannoolee gurguddoo QBOn argamsiise garuu osoo beekanuu; isaan kana dhiisanii waayee lolanii lafa qabachuu nutti himuu yaalu.

Warri tuffii akkanaa qabsoo Oromootiif qaban kun, yeroo hunda Shaabiyaa fi Wayyaanee wajjin walbira qabanii nu laalu. Dhugaa dha, Shaabiyaan loolee injifatee Eertiraa bilisa baasee jira. Wayyaanotnis, waan lolanii injifatanii, Finfinnee seenanii aangoo qabataniif naannoo isaanii jechuun Tigraay bilisoomsanii; ofii isaaniitiifis waggoota 27 ol waa hundaa too’atanii sooramaniis jiru. Haa ta’u malee, wanti dagatamuu hin qabne gargaarsa Shaabiyaa fi Wayyaaneen yeroo sana argachaa turanii fi haala yeroo sanaatu isaaniif murteessaa ture. Qabsoon Oromoo harka caalaa Oromoorratti hirkatte malee gargaarsi alaa hamma kana kan argame hin jiru yoo jedhame dhara hin ta’u. ABOnis haalota baay’ee walxaxaa fi ulfaataa keessa dabreeti bara 1991 injifannoo galmeesse. Akka Wayyaanotaa lolee lafa qabachaa deemee, Finfinnee seenuu baatus, qabsoon hidhannoo ABOdhaan hogganamaa turte dhiibbaa baay’ee gootee jirti.

WBOn har’a lolaa jirus tarii lafa qabachaa fi magaalota bilisoomsaa deemee Finfinnee galuu dadhabuu malus, karaan inni ittiin dhiibbaa godhee bilisummaa uummata Oromoo argamsiisuu danda’u hedduu dha. Karaalee kana, isaan kana ykn sana jedhee asitti tarreessuun barbaachisaa miti. Wanti ani barbaachisaa qofaa osoo hin taane dirqama jedhee asitti kaasuu barbaadu garuu karaa danda’amu hundaan WBO bira dhaabbachuun dirqama Oromummaa akka ta’ee dha. Olola diinaa afarsaa fi isa kanaan gowwoomaa hamilee qabsaa’ota keenyaa cabsuu hin qabnu. Obsi fi ofitti amanummaan baay’ee murteessaa dha. Wanti Oromoon dagachuu hin qabne, ijoolleen (miseensotni WBO) har’a jiruu fi jireenya isaanii bosona fi gaara Oromiyaa godhatanii; kufaa fi kuffisaa jiran kun, kan isaan lubbuu takka baatu hin deebine nuuf uummata Oromootiif wareegamuuf qophaa’an qoosaafii miti. Gaafiin uummata Oromoo karaa nagaatiin deebii argachuu waan dhabeef dirqamanii karaa kana filatan. Kanaafuu, Oromoon ijoollee tanaan boonuu qaba malee, akka Shiftaatti isaan laaluun fafa.

Diina qofaa osoo hin taane, Oromootni garaa isaanii guuttachuuf jedhanii; mootummaa kanaaf xurunbaa ta’anii; WBOrratti olola ofan tokko tokko yeroo isaan waan kanatti gaabban akka dhufu abdiin qaba. WBOn maaliif uummata bal’aa Oromootiin deeggaramuu qaba?  WBOn bilisummaa argamsiisuuf qofaa osoo hin taane; bilisummaan yoo argame boodallee isa kana tikfachuu fi nagaa Oromiyaa eegsisuuf humna biyyoolessaa ta’a. Har’a qofaa osoo hin taane waan gara fuulduraa dhufus, egeree keenya yaaduun brabaachisaa qofaa osoo hin taane murteessaa dhas. Irran deebi’a, WBOn shiftaa miti; akkuma yeroo hunda jedhamu, WBOn abdii fi gaachana Oromoo fi Oromiyaa ti. Dhugaan kun diinota QBO fi jala-kaattuu isaaniitiif liqimsamuu dhiisuu mala. Hadhooftus garuu dhugaa fudhachuun dirqama ta’a.

Yeroo jaaramayootni hunduu karaa nagaatiin qabsaa’uu filatanitti, WBOn maaliif lola filate?

Gaafii jabaa kanaaf deebii osoo hin barbaadin dura, mee gaafiilee biraa kaasuun barbaada. Karaa nagaatiin qabsaa’uuf, dhugumatti haalli jiru mijataa dhaa? Dirreen karaa nagaatittiin qabsaa’an dhugumatti babal’atee jiraa? Lola har’a WBOn keessa seeneef maaltu sababa ta’e? Akka Oromiyaan jeequmsa keessa seentu kan godhe fi uummatni Oromoo akka nagaa fi tasgabbii hin arganne kan taasis maali? fi gaafiilee kana fakkaatan hedduu kaasuun ni danda’ama. Deebii gaafiilee kanaatiiif akkasumas gaafii jabaa baddaatti ka’eef deebii kennuuf, barreeffama itt aanu keessatti yaada fi ilaalcha kiyya ibsuun yaala.

– ittifufa –

Hanag walitti deebinutti nagaan turaa.

 

Similar Articles

Comments

  1. dinii Oromoo marsee jiruu hundii qawee hidhatee jiraa. Oromoon hamilee (haduu) manaa hinqabu. Kanafuu WBO hidhachisuun isaa dirqamaa! WBOtii dhisuu qofaa ottu hinta’iin offifis hamaa dandetti saatii dirqamaa hirachuu qabaa.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...