WBO barbadeessanii dhabamsiisuun ni danda’amaa? Kutaa sadaffaa

Berhanu Hundee, Caamsaa 23, 2020

WBO

Barreeffama kutaa lammaffaa keessatti, gaafii cimaa tokko kaasee; garuu gaafii kanaaf deebii osoo hin kennin dura gaafiilee biroo tokko tokko kaasuun barbaachisaa waan ta’eef, isaaniis tarreesseen ture. Gaafii inni cimaan “Yeroo jaaramayootni hunduu karaa nagaatiin qabsaa’uu filatanitti, WBOn maaliif lola filate? kan jedhu yoo ta’u, gaafiileen dura deebii argachuu qaban jedhee dhiyeessu immoo isaan kana:

  • Karaa nagaatiin qabsaa’uuf, dhugumatti haalli jiru mijataa dhaa?
  • Dirreen karaa nagaatittiin qabsaa’an dhugumatti babal’atee jiraa?
  • Lola har’a WBOn keessa seeneef maaltu sababa ta’e?
  • Akka Oromiyaan jeequmsa keessa seentu kan godhe fi uummatni Oromoo akka nagaa fi tasgabbii hin arganne kan taasis maali?

Karaa nagaatiin qabsaa’uuf, dhugumatti yeroo ammaa haalli jiru mijataa dhaa?

Gaafii kanaaf akksumas kan hafaniif deebii osoo hin kennin dura, mee ofduuba gargallee waan tokko tokko haa yaadannu. Biyyi Itoophiyaa jedhamtu, tan ijaarsuma ishiitiin humnaan, qawwee fi dhiigaan uumamte, tana keessatti yeroo gaafiin uummataa karaa nagaatiin deebii argate hin jiru. Mootummootni impaayara tanaa kan dhufaa dabran hundi isaaniituu humnaan aangootti dhufan. Haa ta’u malee sochiin uummataa, keessumaayuu sochii fi fincilli uummata Oromoo Qeerroodhaan durfame seenaa biyyattii tanaa keessatti yeroo duraatiif qawwee malee jijjiiramni akka mul’atu waan taasiseef, abdii uumee ture. Bara 2018, erga olaantummaan Wayyaanee cabe booda, hooggantootni ol’aanoon OPDO kan akka Obboo Lammaa Magarsaa faa haasa’a akka dammaa mi’aawuun qalbii uummata keenyaa waan hataniif, wanti isaan hojjetan tarii milkaawuu danda’inaa laata? yaada jedhuun abdiin uumamee ture.

Haasa’a fi adeemsa OPDO burjaajessaa kana keessatti, uummatni Oromoos abdii qabaachuurraa kan ka’e hamma tokko obsaan eegaa waan tureef, carraa uumame kana keessatti OPDOnis mootummaa keessatti bakkee (iddoo) furtuu ta’e argattee; waa hunda harkatti galfattee, akka barbaaddetti socha’uu calqabde. Jaalatnii osoo hin taane warraaqsa uummataatiin waan dirqamaniif, hidhamtoota gadi lakkisuu fi jaarmayoota biyya alaa jiran wajjin haasa’anii, akka isaan biyyatti deebi’anii karaa nagaatiin qabsaa’an godhame. Jaarmayoota mariin waliin godhamee biyyatti deebi’an keessaa inni tokko ABO dha. Yeroo hoggantootni ABO Asmaraa jiran fi sana boodallee waan isaan mootummaa waliin haas’anii fi irratti waliigalan beekuu baadhullee, akka hoggantootni ABO miidiyaaleerratti ibsanitti, waliigalteen sun akka hojiirra hin oolinii dha.

Adeemsa karaa nagaatiin qabsaa’uu kana keessatti, miseensotni WBO Eertiraa keessaa jiran ABO wajjin gara biyyaatti akka deebi’an godhame. Miseensotni WBO kan biyya keessatti socha’aa turanis hidhannoo hiikkatanii, bosonaa akka bahan karaa adda addaatiin yaaliin godhame. Yaalii kana keessa miseensotni WBO hammi tokko kaampiitti akka deebi’an taasifame. Haa ta’u malee, waan isaanirra gahe ykn shirootni adda addaa xaxamaa akka ture iccitii osoo hin taane, waan miidiyaarratti gabaafamee dha. Shira OPDOn Wayyaanee jalatti baratte fi daba isaan hojjetan kan hubatan miseensotni WBO kan hafan bosonatti hafuu fi qabsoo ittifufuuf murteeffatan. Egaa hubadhaa, ijoolleen tun jireenya isaanii bosona fi gaara Oromiyaa kan godhatan jaalatanii osoo hin taane shira xaxamaa jiru fi karaa nagaatiin gaafiin Oromoo deebii argachuu akka hin dandeenye waan hubataniifi. Asirratti wanti hubatamuu qabu, ani ijoollee tanaaf dubbachuu osoo hin taane, dhugaa ifatti mul’achaa jiru ibsuufi.

Dirreen karaa nagaatittiin qabsaa’an dhugumatti babal’atee jiraa?

Gaafiin kun gaafii armaan olitti ka’e wajjin walfakkaata. Gaafii kanaaf deebii kennuuf garuu baay’ee itti yaaduu fi xiinxal bal’aa godhuu nama hin barbaachisu. Wanti dhagahamaa fi argamaa jiru; dhugaan lafarra jiru haala yeroo ammaa ibsuuf gahaa dha. OPDOn ODPtti, achirraa immoo PPtti (ብልፅግና)tti erga ofjijjiiree as, Oromoof hojjechuun hafee, maqaa Oromoo jedhu sanaayyuu ofirraa haqee; karaa kaayyootiinis waan biraa hojjechaa akka jiru ifaa ifatti mul’achaa jira. Jaarmayootni Oromoo kan Oromummaarratti hundaa’anii dhimma uummata Oromootiif hojjechaa jiran, kan akka ABO, KFO fi PBO, miseensotni fi deeggartootni isaanii bakkee hundatti hidhamaa fi dararamaa akka jiran iccitii miti. Haalli yeroo ammaa jiru kan bara 1992 wajjin wal fakkaata. Sirumaa caalaatti hamaa ta’aa akka deemu ni tilmaamama. Egaa, dubbii gabaabsuu fi gaafii kanaaf deebii gabaabaas kennuuf, dirreen karaa nagaatiin qabsaa’an akka duraan hawwame fi abdatame osoo hin taane shakkii tokko malee dhiphatee jira jedheen amana.

Bareeffamni kutaa kanaa akka dubbistootatti hin dheeranne, gaafiilee baddaatti tarreeffaman keesaa kan hafaniif akkasumas dhimmoota biroo dabalatee barreeffama itti aanu keessatti laalla.

– ittifufa –

Hanag walitti deebinutti nagaan turaa.

 

Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

Most Popular

Bill and Melinda Gates say Trump’s halting of WHO funding is dangerous

Bill and Melinda Gates say Trump's halting of WHO funding is dangerous and 'does not make any sense' as the philanthropists pledge an extra...

Bill Gates on how to fight future pandemics

Bill Gates on how to fight future pandemics The coronavirus will hasten three big medical breakthroughs. That is just a start By Bill Gates, Apr 23rd...

U.N. Chief Warns Authoritarians Are Weaponizing Pandemic to Subvert Human Rights

U.N. Chief Warns Authoritarians Are Weaponizing Pandemic to Subvert Human Rights At the United Nations, Secretary-General António Guterres warned Wednesday that authoritarian governments are exploiting...