WBO barbadeessanii dhabamsiisuun ni danda’amaa? Kutaa afraffaa

Berhanu Hundee, Caamsaa 23, 2020

WBO
Barreeffama kutaa sadaffaa keessatti, gaafiilee armaan gaditti tarreeffaman keessaa lamaan duraatiif deebii gabaabaa keenuu yaaleen ture. Barreeffama kutaa afraffaa kana keessatti immoo gaafiilee hafaniif deebii kennuun yaala.

  • Karaa nagaatiin qabsaa’uuf, dhugumatti haalli jiru mijataa dhaa?
  • Dirreen karaa nagaatittiin qabsaa’an dhugumatti babal’atee jiraa?
  • Lola har’a WBOn keessa seeneef maaltu sababa ta’e?
  • Akka Oromiyaan jeequmsa keessa seentu kan godhe fi uummatni Oromoo akka nagaa fi tasgabbii hin arganne kan taasisu maali?

Lola har’a WBOn keessa seeneef maaltu sababa ta’e?

Calqabumarraa kaasee sababni Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBOn) ijaarameef, gaafiin uummata Oromoo karaa nagaatiin deebii argachuu waan dadhabeef, qabsoo hidhannootti seenuun dirqama waan ta’eefi. Akkuma barreeffama kutaa sadaffaa keessatti ibsuu yaale, jijjiiramni sochii fi fincila uummata Oromootiin bara 2018 argame sun, karaa nagaatiin gaafiilee Oromootiif deebii argamsiisuu ni danda’a jedhamee abdatamee ture. Asirratti waan tokkon jechuun barbaada. Dhugaa dubbachuuf, bara 2018 carraa guddaatu nu dabre. Gabrummaa bar-dhibbee tokkoo fi wal’akkaa uummata Oromoorra ture xumuruun osoo danda’amuu, dogongora tooftaa fi tarsiimoo hojjetameen, carraa guddaa argame dhabnee, warri biroo ittifayadame. Kun dogongora seenaa ti. Dhimma kana ammaaf asumatti dhiisuudhaan, gara gaafii ka’eetti deebi’uuf, erga jijjiiramni qilleensaa biyyattii tana keessatti mul’atee asiis Oromoodhaaf wanti jijjiirame tokko hin jiru yoon jedhe dhara hin ta’u.

Haasa’a Obboo Lammaa Magarsaa Sabboonummaa leellisaa turetu Oromoo dagachiise fi gowwoomse malee, amalli OPDO waanuma beekamu ture. Shira isaan Wayyaanee jalatti baratanii fi shaakalaa turan hubachuu dhabuun dogongora guddaa dha. Jijjiirama dhufe sana akka ceesisu OPDOf carraan kennamuun irra hin turre. Asirratti Oromoon baay’ee baay’ee gowwoomsame. Kan ta’es ta’u, shira OPDO/ODPn dalage fi waadaa Lammaan faa Oromoof galan sun cabuutu; akkasumas gaafiilee Oromoon yeroo sochii uummataa sana kaasaa turan deebii dhabuutu, WBOn akka bosona turu fi qabsoo ittifufu taasise. Oromoon haqa qaba; WBOn immoo haqa kanaaf jedhee wareegama guddaa kaffaluuf bosana fi gaara Oromiyaa filate. Namni lubbuu isaa balleessuuf jedhee ibidda seenuu barbaadu hin jiru. Garuu waan roorroon uummata Oromootti baay’ateef, WBOn taa’ee laaluu hin dandeenye. WBOn gaafii qabu mootummaatti dhiyeessus deebii waan dhabeef, bosonatti hafee qabsoo hadhooftuu ittifufuuf dirqame.

Karaa biraatiin immoo, akkuma dhiyoo kana Jeneraal Kamaal Galchuu OMNrratti dubbate, mootummaa OPDO/ODP/PPn hogganamu kana keessa humootni jeequmsa barbaadani fi WBOn akka bosonaa hin baane godhan waan jiran fakkaata. Kanaaf, gaafii WBOs ta’ee uummatni Oromoo gaafatuuf karaa nagaatiin deebii kennuu dhiisanii; jeequmsi akka uumamuu fi WBOn xiiqii keessa galee lola akka ittifufu taasisan jechuu dha. Akka miidiyaarratti mul’achaa turetti, WBOn marii karaa nagaatiif qophii akka ta’e agarsiisuudhaan qabxiilee tokko tokko akka haal-dureetti dhiyeesse ture. Mootummaan garuu sana fudhachuu waan dideef, ammas qabsoo hidhanoo ittifufuun dirqama ta’e. Mootummaanis sababa naageenya uummataa eeguu fi seera kabachiisuu jedhuun WBOrratti lola labse. Dhimmi nageenya uummataa eeguu jedhu kun dubbii walmormisiisaa waan ta’eef, isa kana ittin deebi’a. Ammaaf garuu, gaafii baddaatti ka’eef deebii waliigalaa kennuuf, duris ta’ee har’a sababni WBOn lola filateef ammas karaan nagaa waan cufameefi.

Akka Oromiyaan jeequmsa keessa seentu kan godhe fi uummatni Oromoo akka nagaa fi tasgabbii hin arganne kan taasisu maali?

Oromiyaan lafa uumaadhaan waan hundaan badhaate; naannoo saamichaaf saaxilamte; naannoo sabaa fi sablammiin baay’een keessa jiraatanii dha. Oromiyaan naannoolee kamiiyyuu caalaa lafa Nafxanyootni heeduminaan irra qubatanii fi walumaagalatti naannoo fedhiin humnoota adda addaa keessa jiru fi akkasumas dirree lolaatis. Waayee Nafxanyootaa bal’inaan itti deebi’a. Oromiyaa keessatti wantootni ykn sababaaleen nagaa fi tasgabbiin akka hin uumamne taasisan hedduu dha. Dhimmi kun xiinxala bal’aa barbaada. Haa ta’u malee, dhimma WBO wajjin walqabatee waan tokko tokko ibsuun yaala. Kana jedhee ragaa lafa kaa’uun na rakkisus, akka dhagahamaa jirutti, yeroo ammaa Oromiyaa keessa humnootni adda addaa hidhatanii socha’aa waan jiran fakkaata. Akkuman kanaa olitti tuqe, fedhiin adda addaa Oromiyaa keessa waan jiruufi. Humnootni eenyummaan isaanii hin beekamne kun Oromiyaa keessa socha’anii jeequmsa uumuudhaan, WBOtu akkana godhe jedhanii maqaa xureessuufi.

Mootummaan immoo WBO waan sodaatuu fi yoo danda’ame dhabamsiisuu waan barbaaduuf, Labsii Yeroo Muddamaa (LYM) – State of Emergency (SoE) baasee; maqaa seera fi nageenya eegsisuu jedhuun uummatas unkuraa jira. Uummatni Oromoo Oromiyaa dhihaa fi kibbaa humnoota adda addaa jidduu galanii kunoo waggoota lamaaf dararamaa jiru jechuu dha. WBOn kaayyoo ifa ta’e TOKKO qaba; innis uummatni Oromoo bal’aan bilisa ta’ee hiree ofii ofiin/ofiif akka murteeffatu taasisuu dha. Humnootni biroo kan Oromiyaa keessa socha’an garuu farra QBO ti. Akkuma kanaa olitti ibsame, mootummaa keessa warri daldala siyaasaa qabani fi Oromiyaa keessatti lolli akka hin dhaabbanne barbaadan akka jiranii dha.

Wanti kun dhugaa akka ta’u nama hin shakkisiisu. Maaliif yoo jedhame, mootummaan OPDO/ODP/PPn durfamu kun, akkuma nutu Itoophiya diigumsarraa hanbise jechaa ture, ammas nutu nagaa fi tasgabbii biyyaa eegsisa maqaa jedhuun beekkamtii argachuuf; karaa nagaatiin mariidhaan rakkoolee hiikuu dhiisee lola labse. Kana hundaa jidduutti Oromiyaan dirree jeequmsaa taatee; uummatni Oromoos nagaa fi tasgabbii dhabe. Yeroo jijjiiramni wareegama ijoollee Oromootiin dhufe sun humnoota birootiin butamee; wantootni farra Oromoo ta’an hojjetamaa jirutti, uummatni keenya garuu har’as booyaa, dhiigaa, du’aa fi dararamaa; qabeenyi isaa barbadaa’aa jira. Nagaa fi tasgabbii dhabuun, booyuu fi dhiiguun uummata Oromoo hangamitti ittifufa? Deebii gaafii kanaa fi dhimmoota biroos barreeffama itti aanu keessatti laalla.

– ittifufa –

Hanag walitti deebinutti nagaan turaa.

 

Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...